Ezekiel 47
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Bisaan Galma Waaqaa Keessaa Burqu
1Achiin duuba namichi sun gara balbala Galma Waaqaa deebisee na fide; kunoo, mikikkila Galma Waaqaa san jalaa bisaan burqee, Galmi Waaqaa karaa aduun baatutti fuula waan galeeruuf, bisaan sun gara karaa aduun baatuu laana yaa'uun dhagge; bisaan sun addee ciinca'aa irraa gara kibbaatiin, Galma Waaqaa maddii kibbaatiin karaa aduun baatu gad yaa'e. 2Achiin duuba namichi sun karaa karra gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessaa na baasee, gara alaatiin na marsiisee, gara karra gara alaa ta fuullee karaa aduun baatuu na geesse; kunoo, bisaan karra san gara kibbaatiin karaa aduun baatu laana yaa'uun dhagge. 3Namichi sun wodaroo miki'ii qabatee bisaan karaa aduun baatu yaa'u gula deemee ciqilee kuma tokko mike; achiin duuba inni akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun gulubii na geye. 4Ammalle inni ciqilee kuma tokko mikee akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun jilba na geye; ammalle inni ciqilee kuma tokko mikee, akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun hidha na geye. 5Itti dabalee inni ciqilee kuma tokko mike; bisaan sun waan guuteeruuf, qilee ka nami daakiisaan malee gamatti bu'iisa hin dandeenne waan te'eef, anille keessa deemee gamatti bu'iisa hin dandeenne. 6Namichi sunille, «Ee ilma namaa! Ati tana dhaggiteertaa?» naan jedhe.
Achiin duuba inni gara qarqara lagaa duubatti na deebise. 7Ani adoo deebi'iisatti jiruu qarqara laga sanii gamaa fi gamanatti mukoota akka malee bacaa dhagge. 8Namichi sun anaan, «Bisaan kun gara lafa karaa aduun baatuu, gara dhooqa Yordaanosiititti gad yaa'a. Bisaan kun yennaa abbaayaa sooddaa seene, bisaan abbaayaa sooddaa sun haareffamee bisaan dansaa hin te'a 9Addee bisaan sun dhaqu maratti dadi lubbuu qaddu marti lubbu'uun hin jiraatti; addee bisaan kun dhaqu maratti qurxummiin bacaan hin jiraatti; bisaan kun achi waan dhaquuf bisaan abbaayaa sooddaa tolee dansaa hin te'a; maarre addee bisaan kun dhaqu maratti wonni marti lubbu'uun hin jiraatti. 10Worri qurxummii qabatu qarqara abbaayaa sooddaa hin dhaabbatan. En-Gedii jalqabee haga En-Eglaayimiititti lafa caccoo qurxummii ittiin qabatanu itti afatanu hin teeti; qurxummiin isi'ii akka qurxummii abbaayaa Mediteraaniya'aa qurxummii gosa adda addaa bacaa hin teeti. 11Te'uu malee caffaan isi'iitii fi haroon isi'ii soodduma te'anee hafan malee tolanee bisaan dansaa hin te'anu. 12Qarqara laga sanii gamaa fi gamana mukooti adda addaa ka sagalee te'anu hin latan. Isaan bisaan Galma Waaqaa jalaa burqu waan dhaggatanuuf, baalli isaanii hin qooru; midhaan isaaniille hin dhabamu; ji'uma ji'aan midhaan haareya buusan; midhaan isaanii nyaataaf, baalli isaanii qorsaaf hin te'a» jedhe.
Meessaa Lafaa
13Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Meessaan lafa ati gosa Israa'elii kudhanii lamaaf qoodduu ka asii gad jiru kana. Gosi Yoseefii qooda lama qabaattuu ti. 14Lafa tana wol qixxee qoodama'a; ani abbootii teessan ta duriitiif lafa tana kenniisaaf kaku'uun waadaa waan galeeruuf, latti tun dhaala keessan hin teeti.
15«Meessaan lafa tanaa akkana hin te'a: Meessaan kaabaa abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa ka'ee, karaa qachaa Hetlooniitiin haga seensuma Haamaatii dhaqee, dabareelle haga qachaa Zedaadii, 16haga qachaa Beroota'aatii fi qachaa Siibraayimii ka meessaa Damaasqo'ootii fi meessaa Haamaatii wodhakkaa jiranuu, haga qachaa Haazer-Hatiikonii ka meessaa biyya Hawuraanii dhaqa. 17Akka kanaan meessaan abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa karaa aduun baatu, meessaa Damaasqo'oo gara kaabaatiin, qachaa Haamaatii gara kaabaatitti lakkisee, gara qachaa Hazar-Enonii dhaqa; kun meessaa kaabaa ti.
18«Meessaan karaa aduun baatuu Damaasqo'oo fi Hawuraan wodhakka'aan dabaree, laga Yordaanosii gula lafa Giil'aadiitii fi lafa Israa'elii wodhakkaa dabaree, gara abbaayaa sooddaa ta karaa aduun baatuu haga qachaa Taamaarii dhaqa; kun meessaa karaa aduun baatuu ti.
19«Meessaan kibbaa Taamaarii ka'ee haga bisaan Mariibaa-Qaadeshii ti; achille'ee laga gogaa Gibxi'ii gula haga abbaayaa Mediteraaniya'aa dhaqa; kun meessaa kibbaa ti.
20«Meessaan karaa aduun seentuu abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee haga fuullee seensuma Haamaatii dhaqa; kun meessaa gara aduun seentuu ti.
21«Gosoota teessan Israa'el oddu'utti lafa tana qoqoodama'a; 22isin ifii fi worra ormaa ka odduu teessan jiru ka ijoollee qabanuufille, dhaala godha'aatii hixaa buusa'aatii qoodama'a; isaan akkuma ijoollee Israa'elii ka worra dhalataa biyyaa te'anuu ti. Gosa Israa'elii oddu'utti hixaa buufatiisaan qooda lafaa qabaatanuu ti. 23Nami ormaa ka Israa'el keessa le'u kolbaa gosa Israa'elii ka keessa le'u woliin qooda ifii qabaatuu ti; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.

Did you know?
The Healing River and the Land's Borders
- Ezekiel's vision depicts a stream trickling from beneath the temple threshold that rapidly grows into a deep river flowing east into the Arabah, making the salty waters fresh and sustaining lush fruit trees and thriving fisheries from En-gedi to En-eglaim.Sources: the Bible text itself · Engedi
- In a significant legal and social development within the division of the land, resident foreigners who raise families among the tribes are allotted land inheritances on equal terms with native-born Israelites.Sources: the Bible text itself
- The northern and eastern boundaries of the restored territory encompass ancient Syrian and Levantine landmarks, including Hamath, Damascus, and the fertile region of Hauran, while Joseph receives a double portion among the twelve tribes.Sources: the Bible text itself · Hauran · Hamath · Joseph (son of Jacob)
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Arabah · 30.417, 35.151 · verse 8
- Salt Sea · Today: Dead Sea · 31.500, 35.500 · verses 8, 9, 10, 18
- Engedi · Today: Ein Gedi · 31.450, 35.383 · verse 10
- Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verses 10, 15, 17, 19, 20
- Damascus · 33.511, 36.306 · verses 16, 17, 18
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verses 16, 17
- Hauran · 32.730, 36.368 · verses 16, 18
- Sibraim · Today: in the region between Damascus and Hamath · 34.401, 36.636 · verse 16
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 18
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 18
- Meribah · Today: Ain el Qudeirat · 30.648, 34.422 · verse 19
- Negeb · 31.245, 34.841 · verse 19
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org