Ezekiel 33
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Hizqi'el Eedduu te'e
1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Kolbaa teetitti dubbadhuutii, isaaniin, ‹Ani lafa takka irratti woraana yoo fide, kolbaan lafa sanii ifi keessaa nama tokko fuutee eedduu yoo godhatte, 3inni woraanni dhufuun dhaggee, tultullaa afuufee kolbaa yoo ifi eeggachiise, 4nami tokko qoonqoo tultulla'aa san dhage'ee yoo ifi eeggatuu dhabee, woraanni sun dhufee yoo isa ijjeese, dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama. 5Inni qoonqoo tultulla'aa san dhage'ee waan ifi eeggatiisa dhabeef dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama; inni adoo ifi eeggatee jiraatee, silaa lubbuu ifii hin hamburataayyu. 6Eedduun sun ammoo woraana dhufiisatti jiru dhaggee, tultullaa afuufee kolbaa yoo ifi eeggachiisuu dhabe, woraanni dhufee isaan keessaa nama tokko yoo ijjeese, nami sun yakkaa ifiitiif hin ijjeefama, ani ammoo dhiiga isaa harka eedduu sanii keessaa hin barbaada› jedhi.
7«Ee ilma namaa! Ani kolbaa Israa'eliitiif eedduu si godheera; ati yennaa jecha afaan kiyyaa dhageettu mara isaan ifi eeggachiisi. 8Ani nama hama'aan, ‹Ee nama hama'a! Ati dhugumaan hin duuta› yoo jedhe, ati ammoo akka inni hujii hantuu ifii irraa deebi'u yoo ifi hin eeggachiisin, nami hamaan sun cubbuu ifiitiin hin du'a; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada. 9Ati ammoo nami hamaan sun hujii hantuu ifii irraa akka deebi'u yoo ifi eeggachiitte, inni hujii hantuu ifii irraa yoo hin deebi'in, inni cubbuu ifiitiin hin du'a; ati ammoo lubbuu teeti hin baafatta.
Nami Cubbuu Ifii Irraa Deebi'e Hin Le'a
10«Ee ilma namaa! Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Isin: Yakka'aa fi cubbuun teenna nutti ulfaataneeran; sababa kanaan huqqatiisatti jirra. Maarre attamiin jiraanna ree? jettan› jedhiin. 11Ati isaaniin, ‹Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa jiraata'a! Nami hamaan hujii hantuu ifii irraa deebi'ee akka jiraatu malee, du'a nama hama'aatitti hin gammaddu. Ee kolbaa Israa'elii, isin maaf duutan ree? Karaa hamaa keessan irraa deebi'a'a! Deebi'a'a!› jedhiin.
12«Ammalle ilma namaa! Ati kolbaa keetiin, ‹Nami balchaan deebi'ee cubbuu yoo huje, balchummaan isaa ta durii sun isa hin fayyittu; nami hamaan hammeenna ifii ka durii san irraa yoo deebi'e, hammeenna ifii ka durii saniin hin badu; nami balchaan cubbuu yoo huje, balchummaa ifii ta duriitiin jiraachuu hin dande'u› jedhi. 13Ani nama balcha'aan, ‹Ati dhugumaan lubbu'uun hin jiraatta› jedheenii, inni ammoo balchummaa ifiititti addatee, cubbuu yoo huje, sababa cubbuu ifiitiif hin du'a malee, hujiin balchummaa isaa ta durii takkaalle isaaf hin yaadatantu. 14Ammalle, ani nama hama'aan, ‹Dhugumaan ati hin duuta› jedheenii, inni ammoo cubbuu ifii irraa deebi'ee, haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, 15liqaa kenneef waan qaddii qabate yookiin waan saamee fudhate yoo deebise, seera jiru'uu gula yoo ideeme, cubbuu hujiisa yoo lakkise, inni dhugumaan hin jiraata malee hin du'u. 16Cubbuun inni huje takkaalle isatti hin laakkowantu. Inni haqaa fi waan sirrii te'e waan hujeef, dhugumaan hin jiraata.
17«Kolbaan teeti, ‹Karaan Mootii Waan Maraa sirri'ii moti› jetti; ka sirrii hin te'in garuu karaa isaanii ti. 18Nami balchaan balchummaa ifii irraa deebi'ee waan haqa hin te'in yoo huje, waan hantuu hujeef hin du'a. 19Nami hamaan cubbuu huje irraa deebi'ee haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, inni tana waan godheef lubbu'uun hin jiraata. 20Isin ammoo, ‹Karaan Mootii Waan Maraa sirri'ii moti› jettan. Ee kolbaa Israa'elii, ani tokko tokkoo keessanitti akka ideensa keessaniititti hin mura» jedhe.
Oduu Jinnana Yerusaalemii
21Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti, Yerusaalem keessaa nami baqatee baye tokko gara kiyya dhufee, «Qachaan qabameera!» jedhe. 22Nami baqatee dhufe sun na bira adoo hin geyin, galgala irreen Mootii Waan Maraa gara kiyya dhuttee, nami sun na bira adoo hin geyin, ganama Mootiin Waan Maraa afaan kiyya bane; maarre afaan kiyya banamee anille yennaa sanii jalqabee hin cadhinne.
23Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 24«Ee ilma namaa! Lafa Israa'elii keessa, qachaa diigame san keessa kolbaan leetu, ‹Abrahaam nama tokko qofaayyu; te'uu malee lafa fudhate; nuuti ammoo baca'a; akka fudhannuuf latti dhugumaan nu'uuf kennanteerti› jetti.
25«Tanaaf ati isaaniin: ‹Mootiin Waan Maraa: Isin foon dhiiga woliin nyaattan; waaqota dharaa waaqonfattan; dhiigalle hin dhangalaattan; tana mara tolchaa lafa fudhattanii ree?. 26Isin shallaagaa keessan addatan; waan battii hujjan; tokko tokkoon keessan niitii namaa batteessitan; tana mara tolchaa lafa fudhattanii ree? jedha› jedhiin.
27«Ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Dhugumaan ani Waaqa jiraata'a! Worri qachoota diigamane keessatti hafe marti shallaaga'aan hin ijjeefaman; worra qacha'aan ala le'u ammoo akka isaan nyaatamanu ani bineensaaf dabarsee isaan hin kenna; worri kushee jaddu'uu fi goda keessa jiranu dhukkuba hama'aan dhumatan. 28Ani lafa onsee duwwaa hin godha; hunni isiin ittiin koortulle hin dhumatti; gaaroti Israa'elii ona hin te'an; nami tokkolle keessa hin qaxxaamuru. 29Isaan waan battii waan hujaneef, ani lafa onsee duwwaa yennaa godhu, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedhi.
30«Ee ilma namaa! Kolbaan teeti dalleya qacha'aatii fi balbala mana ifii biratti waan keeti yennaa mari'atanu, ‹Kowa'a, jecha Mootii Waan Maraa biraa dhufe dhageennaa ti› woliin jedhan. 31Isaan akkuma yennaa mara godhanu kolbaan tiyya waan ati dubbattu dhage'iisaaf si dura hin tee'an; te'uu malee waan ati itti dubbattu hin muummessanu; afaan ifiitiin waan jaalalaa dubbatan; gadhaan isaanii ammoo bu'aa haqa hin te'in gula deema. 32Kunoo, ati isaaniif akka nama qoonqoo dansa'aan sirba jaalalaa meya sirbaatiin akka dansaa sirbuu ti; isaan waan ati dubbattu hin dhage'an malee, hin muummessanu. 33Wonni ati dubbatte, ta dhugumaan muummowu'uuf jirtu tun yennaa teetu, raagaan odduu isaanii akka jiru hin beekan» jedhe.

Did you know?
The Watchman and the Fall of Jerusalem
- In ancient times, a watchman stationed on a city wall was tasked with blowing a ram's horn to warn residents of an approaching enemy. Ezekiel was appointed as a spiritual watchman for Israel, charged with warning the people so that each individual would be held personally accountable before God for their response.Sources: the Bible text itself
- In the twelfth year of the Babylonian exile, a fugitive arrived from Jerusalem with the report that the city had fallen. The evening prior to the messenger's arrival, God ended Ezekiel's muteness, enabling him to speak freely once again to the community of exiles.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
- Survivors living among the ruins in the land of Israel claimed their right to the land by appealing to Abraham, arguing that if one man inherited the land, they as a multitude certainly would. Ezekiel countered that their continued idolatry, bloodshed, and injustice disqualified them from possessing it.Sources: the Bible text itself · Abraham
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 21
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org