Ezekiel 27
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Gadda Marroo Qachaa Xiiroosii
1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Marroo qachaa Xiiroosiitiif faaruu gaddaa faarsi; 3ati qachaa Xiiroosii, ka seensuma abbaaya'aa irra jirtu, ka gosa biyya adda addaa ka qarqara abbaaya'aa hedduu woliin daldalatuun, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee qachaa Xiiroosii! Ati: Ani dansumma'aan dhidhinna hin qabu ifiin jetteerta.
4«‹Meessaan keeti gadhaa abbaaya'aa keessa;
worri si ijaare dansummaan teeti akka hin dhidhanne godheera.
5Falaxaa muka keetii muka gaara Siinaaarii irraa hujane;
utubaa keeti hindheensa Libaanonii irraa hujane.
6Shaffisaa keeti muka qilxaa Baashaanii irraa hujane.
Falaxaa muka Qophiroos irraa dhufee si'iif afanee,
ilka arbaa itti maxxansanee seesane.
7Marduufi hoboloo teetii quncee talba'aa
ka biyya Gibxi'ii irraa hujame
akka baandira'aa ka ati ittiin beekkante;
gollaan keeti ka bifa cuquliisaatii fi dhiilleen,
oddoola Eliishaahiitii dhufane.
8Worri hoboloo teeti oofu Sidoonii fi Arwaad irraa dhufane;
Ee qachaa Xiiroosii! Worri ogeeyyiin si keessa jiranu
isaan worra hoboloo teeti oofe.
9Maanguddooti Gebaaliitii fi ogeeyyiin isi'ii
hoboloo teeti hujiisaaf si keessa jiraniiyyu;
hobolooti abbaaya'aatii fi worri hoboloo oofu marti
meya sitti gurguratiisaaf,
si irralle'ee bitatiisaaf si keessa jiraniiyyu.
10« ‹Namooti Faaresii, Ludii fi Fuxii loltoota te'anee loltoota teeti keessa tajaajilane. Isaan wonte'ee fi gullee sibiilaa si keessatti fannisanee akka ati ulfinna dhaggattu si godhane. 11Namooti Arwaadiitii fi Helekii dalleya dhaka'aa ka si'itti naannowe eegane; namooti Gamaadiille xelleephoo teeti keessa jiraniiyyu. Isaan wontee ifii dalleya dhaka'aa keetitti fannisanee, dansummaan teeti akka hin dhidhanne godhane.
12« ‹Tarshiish sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; meetii, sibiila, qorqooro'oo fi irsaasa fiddee meya keetiin jijjiiratte. 13Yaawaan, Tubaalii fi Meshek sitti daldalatane; isaan garbootaa fi meya sageettu'uu meya keetiin jijjiiratane. 14Worri Bet-Togaarmaalle fardoo fe'iisaa, fardoo woraanaatii fi gaangolee meya keetiin jijjiiratane. 15Worri Rodii sitti daldalatane; worri abbaayaa qarqaraa hedduun si irraa bitatanee, si'ille'etti gurguratane; isaan ilka arbaatii fi muka gurraacha gatii guddo'oo si'iif fidanee meya keetiin jijjiiratane. 16Worri Sooriya'aa sababa meya keeti baca'aatiif sitti daldalatane; isaan dooqa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilanaan kuulantee dhowante, woyaa quncee talba'aa dadansaa, elellaanii fi dooqa diimaa meya keetiin jijjiiratane. 17Worri Yihuda'aatii fi worri lafa Israa'elii sitti daldalatane; isaan qamadii biyya Miiniitii, sagalee mi'oottuu, damma, zayiti'ii fi uddowaa meya keetiin jijjiiratane. 18Worri Damaasqo'oo sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; isaan daadhii woyni'ii ta Helbon irraa dhuttuu fi rifeensa hoole'ee ka Zaahaar irraa dhufu meya keetiin jijjiiratane. 19Worri Daaniitii fi worri Yaawaanii ka Uzaal irraa dhufane sitti daldalatane; isaan sibiila tumame, qarafa'aa fi qurunfudi'iin meya keetiin jijjiiratane. 20Worri Dedaanii gilaasii koora'aa sitti daldalatane. 21Worri Arabaatii fi qondaaltoti Qedaarii marti buruusoo korbeeyyii hoole'ee, korbeeyyii hoole'eetii fi re'oota sitti daldalatane. 22Daldaltooti Sheeba'aatii fi Ra'ima'aa sitti daldalatane; isaan uddowaa uddowaa mara caalu, dhakaa gatii guddo'ootii fi worqii meya keetiin jijjiiratane. 23Worri qachoota Haraanii, Kanneetii fi Edenii, daldaltooti Shaba'aa, Asooriitii fi Kilmaadii sitti daldalatane. 24Daldaltooti kun dikkoo teetitti woyaa dadansaa, woyaa bifa cuquliisaatii fi woyaa liilanaan kukuulantee dhowante, itillee dadansaa ta bifa adda addaatiin seefantee fi wodaroo akka dansaa dhowante gurguratane. 25Hobolooti Tarshiishii meya ati gurgurte ba'atane. Maarre ati gadhaa abbaaya'aa keessatti akka hobolo'oo fe'iisa ulfaata'aan guutanteerta.
26« ‹Worri si oofu gara ila abbaaya'aa si geessane.
Qilleensi karaa aduun baatuu
wodhakkaa abbaaya'aatitti si butuche.
27Qabeenni keeti, mey keeti, daldalli keeti,
worri yennaa hoboloon hammaattu miidhassanu,
worri hoboloo oofanu,
worri hoboloo keessa tajaajilanu,
daldaltooti teeti
loltooti teeti ta si keessaa marti
namoota si keessa jiranu mara woliin
guyyaa caccaba keetii
qilee abbaaya'aatitti gad liqinfamanee,
28iyya worra si oofuutiin
worri qarqara abbaaya'aa hin raafaman.
29Worri shaffisa'aan bisaan laaqu
hoboloo ifii irraa bayanee hin deeman.
Worri hoboloo oofanuu fi worri hoboloo keessaa marti
hoboloo keessaa bayanee
abbaayaa qarqara hin dhaabbatan.
30Isaan marti bukuu mata'atti naqatanee,
daadhaa irra gangalataa qoonqoo ol qabatanee,
wiiccifatanee si'iif hin bowan.
31Isaan si'iif mataa haadatanee,
woyaa gaddaa hidha ifiitii hidhatanee,
gadda gudda'aan wiiccifatanee
si'iif hin bowan.
32Isaan gaddaan wiiccifatanee si'iif bowaa,
«Akka Xiiroosii ka abbaayaan liqinsitee bade hin jiraa?» jedhaa,
faaruu gaddaa si'iif faarsan.
33Mey keeti abbaayaa keessaa yennaa baye,
ati gosa biyya adda addaa hedduu akka quufanu gooteerta;
qabeenna keeti baca'aa fi meya keetiin
mootota biyya lafaa dureeyyii gooteerta.
34Ati amma qilee bisaan abbaaya'aa keessatti caccaddeerta.
Mey daldala keetiitii fi hojjattooti teeti marti
si woliin liqinfamaneeran.
35Worri qarqara abbaaya'aa le'u martinuu
waan si irratti te'een hin sheephisan;
moototi isaanille bararaqanee
fuulli isaanii bifa miliqeera.
36Daldaltooti gosa biyya adda addaa
rifatanee afaan banan;
muummeen teeti guddoo nama sodaachitti;
haga bara baraa deebitee hin jiraattu› jedha» jedhe.

Did you know?
The Lament and Commerce of Tyre
- In this lament, the prophet depicts the Phoenician maritime city of Tyre as a magnificent trading ship. Its structure is described as built with timbers of Lebanon cedar, cypress, and Bashan oak, outfitted with sails of Egyptian linen, and manned by mariners and craftsmen from coastal cities like Sidon, Arvad, and Gebal.Sources: the Bible text itself · Tyre · Lebanon · Arvad
- The chapter offers a detailed catalog of ancient Mediterranean and Near Eastern commerce. Tyre’s trade connections spanned from Tarshish in the west for metals like silver and tin, to Javan (Greece), the nomadic tribes of Kedar for livestock, and the merchants of Sheba in southern Arabia for gold, gems, and fine spices.Sources: the Bible text itself · Tarshish · Javan · Sheba
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Tyre · 33.271, 35.196 · verses 2, 3, 8, 32
- Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 5
- Senir · Today: Mount Hermon · 33.400, 35.850 · verse 5
- Bashan · 32.781, 35.935 · verse 6
- Cyprus · 35.000, 33.000 · verse 6
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 7
- Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 8
- Gebal · Today: Byblos · 34.119, 35.646 · verse 9
- Lud · Today: Lydia · 38.488, 28.040 · verse 10
- Persia · 34.806, 48.516 · verse 10
- Javan · Today: Ionia · 38.200, 27.500 · verse 13
- Meshech · Today: about 200 km around Gordion · 39.655, 31.994 · verse 13
- Tubal · Today: Tabal · 37.296, 36.254 · verse 13
- Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verse 16
- Damascus · 33.511, 36.306 · verse 18
- Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verse 19
- Arabia · Today: Arabian Peninsula · 23.000, 46.000 · verse 21
- Kedar · 29.811, 39.868 · verse 21
- Sheba · 15.348, 44.206 · verses 22, 23
- Asshur · Today: Assur · 35.457, 43.263 · verse 23
- Eden · Today: Beth-eden · 36.701, 38.087 · verse 23
- Haran · Today: Harran · 36.864, 39.033 · verse 23
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org