Nations Bible

Ezekiel 21

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Shallaagaa Mootii Waan Maraa

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Fuula keeti gara Yerusaalemii deebifadhuutii, gara addee waaqonfanna'aa ta isi'ii irratti lallabi; lafa Israa'elii irratti raaga dubbadhu. 3Lafa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani si irratti ka'eera; shallaagaa kiyya gonofaa isaa keessaa buqqifadhee, balchichaa fi cubbaalessalle si irraa hin balleessa. 4Ani balchichaa fi cubbaalessalle si irraa waan balleessuuf, shallaagaan kiyya nama mara irratti kibbaa haga kaabaatitti gonofaa keessaa hin buqqifama. 5Nami marti akka ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya gonofaa isaa keessaa buqqifadhe hin beeka. Shallaagaan sun deebi'ee gonofa'atti hin deebi'u jedha› jedhi.

6«Ee ilma namaa! Ati aadi; qalbii gad jettee fi gadda hadhowuun isaan duratti aadi. 7Yennaa isaan, ‹Maaf aadda?› siin jedhane, ati isaaniin, ‹Marroo oduu dhufaartuutiif aada; yennaa wonni kun dhuttu, onneen marti hin baxxi; harki marti hin laashowa; lubbuun marti hin gaggaddi; jilbi marti bisaan hin te'a. Kunoo, wonni kun hin teeti; hin muummottille'e, jedha Mootiin Waan Maraa› jedhiin» jedhe.

8Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 9«Ee ilma namaa! Ati raagiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Shallaagaa tokko! Shallaagaa tokko! Ka qaramee morodame; 10qaliisaaf ka qarame; akka balaqqeetti'ii balaqqisiisaaf ka morodame! Kolbaan tiyya ifi eeggachisiisaa fi adabbii mara waan tuffatteef haganaa achi firinxiixi hin jiraa ree? 11Shallaagaan harkatti akka qabatamu morodamiisaaf kennameera; shallaagaan kun ka nama ijjeesutti kennamiisaaf qaramee morodame. 12Ee ilma namaa! Shallaagaan kun kolbaa tiyyaa fi qondaaltota Israa'elii mara waan balleessuuf iyyii wiiccifadhu. Isaan kolbaa tiyya woliin hin ijjeefaman. Tanaaf gaddaan qoma teeti dhowadhu. 13Dhugumaan haga ilaallatamiis hin dhufa; cubbuu irraa yoo hin deebi'in kun marti isaan irratti hin te'a› jedha Mootiin Waan Maraa.

14«Ee ilma namaa! Raagi. Harka keeti aari'iin dhowi; shallaagaan nama qalu yennaa lama, yennaa sadille isaan dhowuu ti; shallaagaan nama bacaa qalu gara maraan isaan marseera. 15Onneen isaanii baxxee, hedduun isaanii akka gufatanu, karra isaanii mara duratti ani shallaagaa nama qalu isaan dura keyeera; kunoo, shallaagaan akka balaqqisuuf morodameera; ittiin qaliisaafille buqqifameera. 16Ee, shallaaga'a! Gara middaatititti, gara bita'aalle'etti, garuma qarri keeti itti fuula galetti muri. 17Anille harka kiyya aari'iin hin dhowa; aarii tiyyalle hin baafadha; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.

Shallaagaa Mootii Baabilonii

18Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 19«Ee ilma namaa! Karaa lama ka mootiin baabilonii shallaagaa qabatee dhufu fakkii kaasi; fakkiin kara'aa sun lamaanuu biyya tokko keessaa ka'uu ti; addee fakkiin kara'aa sun gara qacha'aa irraa gorutti beessisa dhaabi. 20Karaa shallaagaan qachaa Amoonotaa Raabaatitti dhufu fakkii tokko, karaa shallaagaan biyya Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii ka dalleya dhaka'aa qabu dhufutti fakkii tokko kaasi. 21Mootiin Baabilonii gorsuma kara'aa irra hin dhaabbata; moru'uun karaa itti goru beekiisaaf daayaan hixaa buufata; waaqota ifii ka dharaa gorsa hin gaafata; moora horii qalamee hin ilaallata. 22Waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu akka dhaabu, qaliisaaf ajaja akka baasu, iyya lolaalle akka dhageessisanu, waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu karra qacha'aa duratti akka dhaabu, biyyee tuulee akka kushee ijaaru, kunoo, hixaa daayaa ka gara Yerusaalemii akka inni deemu isatti himu harka middichatti qabateera. 23Worra Yerusaalemii ka isa woliin kaku'uun wolii galaneef moruu dharaa hin fakkaatti; mootiin Baabilonii ammoo cubbuu isaanii isaan issee isaan hin booji'a. 24Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Cubbuun teessan mudhatteerti. Isin yakkaameyyii akka teetane nami marti hin beeka; isin waan hujjane maraan cubbuun teessan mudhatteerti. Tanaaf, ani akka isin booji'anuuf, diinota keessanitti dabarsee isin hin kenna.

25« ‹Atille ee qondaala Israa'elii batticha hamaalessa! Guyyaan muumme'ee ka ati adabantu dhufeera. 26Goottaan Mootiin Waan Maraa: Marata mata'aa ifi irraa hiikadhu! Kallachalle ifi irraa baafadhu! Wonni akka amma jirutti hafu hin jiru. Worri gad qabame ol qabama; worri ol qabame gad qabama. 27Badii, badii, badii ani Yerusaalemitti hin fida. Haga abbaan mura'aa ka ani Yerusaalem akka balleessu itti kennu sun dhufutti badiin tun hin teetu; ani Yerusaalem isatti hin kenna› jedha.

Shallaaga'aa fi Worra Amoonotaa

28«Ee ilma namaa! Ati marroo worra Amoonotaatii fi marroo murgoo isaanii raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa,

«‹Shallaaga'a! Shallaaga'a!

Gonofaa keessaa buqqifami;

akka ijjeettuuf balaqqisiisaaf morodami.

29« ‹Isaan mudhii dharaa si mootii Baabiloniitiif dhaggane; moruu sobaa si mootii Baabiloniitiif morane; morma worra batticha hamaaleyyi'ii ka guyyaan isaanitti muramu geyee, ka muummeen yennaan isaanii geette irra shallaagaan keeti hin keyama.

30« ‹Ati shallaagaa gonofa'atti deebisi! Ani addee ati itti dadantetti, biyya itti dhalattetti sitti hin mura. 31Ani aarii tiyya ta akka bobe'a ibiddaa si irratti hin dhangalaasa; harka worra nama balleessiisaan beekkametti dabarsee si hin kenna. 32Ati ibiddaan hin badda; dhiigi keeti biyyuma teeti keessatti hin dhangala'a; ani Mootiin Waan Maraa tana waan dubbadheef, haganaa achi nami deebi'ee si qaabatu hin jiru› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhe.

Did you know?

The Drawn Sword and Divination at the Crossroads

  • Ezekiel depicts the king of Babylon standing at a crossroads deciding whether to attack Rabbah, the chief city of the Ammonites east of the Jordan, or Jerusalem. To make his choice, the king uses three ancient divination practices: casting lots with shaken arrows, consulting idols, and inspecting an animal liver.Sources: the Bible text itself · Rabbah
  • The chapter employs vivid poetic imagery of a sharpened, polished sword flashing like lightning to depict incoming judgment. Ezekiel accompanies this message with dramatic physical actions, being commanded to groan bitterly, strike his thigh, and clap his hands together.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 20, 21, 22, 23
  • Babylon · 32.543, 44.422 · verses 19, 21, 23
  • Ammon · 31.955, 35.934 · verses 20, 28
  • Rabbah · Today: Amman · 31.955, 35.934 · verses 20, 21

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.