Ezekiel 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waamamiisa Hizqi'elii
1Inni anaan, «Ilma namaa! Ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu; anille si woliin hin dubbadha» jedhe. 2Yennaa inni natti dubbate, Ayyaanni Waaqaa na keessa seenee miila kiyyaan na dhaabbachiisee, natti dubbatuun dhage'e. 3Inni anaan, «Ilma namaa! Ani gara kolbaa Israa'elii worra finqilaa na irratti finqila kaasee si hin erga; abbootiin isaaniitii fi isaan haga adhaa na irratti cubbuu hujaneeran. 4Isaan worra morkatuu fi worra mataa jabaatu; tanaaf ani gara isaanii si ergaaraa, ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhiin; 5isaan worri finqilaan sun yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, raagaan tokko akka odduu isaanii jiru hin beekan. 6Atille ilma namaa! Isaanii fi jecha isaaniille hin sodaatin; qore'ee fi qumi'uuduu woliin jiraatanulle, makka irra yoo teettelle hin sodaatin. Isaan worra finqilaa waan te'aneef, ati waan isaan siin jedhanu hin sodaatin; isaan si hin rifachiisin. 7Isaan worra finqilaa waan te'aneef, yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, ati jecha kiyya isaanitti dubbadhu.
8«Ati ammoo ilma namaa! Waan ani siin jedhu dhage'i! Atille akka worra finqilaa sanii hin te'in; afaan keeti banadhuutii, waan ani sii kennu nyaadhu» jedhe. 9Ani yennaa ilaale, harki tokko gara kiyya diriiruun dhagge; harka san keessa kitaaba maramaa tokkotti jiraayyu. 10Harki sun kitaaba maramaa san na duratti diriirse. Kitaab sun duraa fi duuballe'een barreeffama qabaayyu; barreeffam irra jiru sun jecha gaddaa, jecha bowaatii fi wiiccifataa ti.

Did you know?
Ezekiel's Commission and the Written Scroll
- In this vision, Ezekiel is repeatedly addressed by the title 'son of man' and is empowered by the Spirit to stand and receive a divine commission to speak to the rebellious house of Israel.Sources: the Bible text itself
- Ezekiel's recorded prophetic ministry began in approximately 592 BC and extended over a period of about 23 years.Sources: Prophecies of Ezekiel
- The scroll presented to the prophet was written on both the front and the back, filled completely with words of lamentation, mourning, and woe.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org