Ezekiel 19
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Faaruu Gaddaa
1«Faaruu gaddaa qondaaltota Israa'eliitiif faarsa'aatii:
2«‹Haati teeti neenqota keessaa neenqa dhalaa attamii ti!
Isiin neenqota dardara odduu ciittee,
ilmoolee ifii guddifatte.
3Isiin ilmoolee ifii keessaa tokkocha guddifatte;
innille neenqa dardara te'e;
adansee qabatiisa baratee, nama nyaate.
4Gosi biyya adda addaa marroo isaa dhageette;
inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame;
Isaanille hookkoo itti keyanee
harkisanee gara biyya Gibxi'ii geessane.
5Addiin isi'ii bu'aa akka hin qanne,
wonni isiin eegatte akka isi'ii hin teene yennaa dhaggite,
ilmoolee ifii keessaa ka dhibii fuutee guddittee,
neenqa dardara goote.
6Innille odduu neenqotaa asii fi achi ideeme;
neenqa dardara te'ee
adansee qabatiisa baratee, nama nyaate.
7Inni kushee isaanii jadduu caccassee
qachaa isaanii balleesse; lattii fi wonni isii keessaa marti
dhangaa inni dhowuun sheephitte.
8Achiin duuba gosi biyya adda addaa
karaa maraan isatti kaate;
isaan caccoo ifii isa irratti afanee,
inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame.
9Hookko'oon harkisanee gooree sibiilaa keessa keyanee
gara mootii Baabilonii geessane.
Dhangaan inni dhowu
gaarota Israa'elii irratti
deebi'ee akka hin dhage'ane
addee inni itti hidhamee eegamu keessa buusane.
10Haati teeti muka woyni'ii
ka bisaan qarqaratti dhaabane,
ka sababa bisaan guddaa saniitiif
midhaan bacaa buusee banqaaqe fakkaatti.
11Dameeleen isaa jajjabaattee,
ulee bokku'uu ta bulchitootaa teete.
Hojjaan isaatii fi dameeleen isaa bacaan,
ciggaa keessaa ol dheeratanee mudhatane.
12Te'uu malee aari'iin buqqifamee lafatti gatame;
qilleensi goomole'ee ka karaa aduun baatuu
midhaan isaa qoorsee, irraa lafatti harcaasee goggosse;
dameelee isaa jajjadduu sanille ibiddi nyaate.
13Amma muki woyni'ii goomolee keessa
addee bisaan hin jirre lafa goddu'utti dhaabame.
14Qaccee damee muka woyni'ii guddittii keessaa
ibiddi bayee midhaan isaa mara nyaate;
dameen jadduun ulee bokku'uu ta bulchitootaa teetu,
ijjumaa irratti hin hanne› jedhi.
Tun faaruu gaddaa,
ta yennaa gaddaa faarfatanu» jedhe.

Did you know?
A Lament for the Princes of Israel
- Ezekiel frames this funeral song as an allegory of a mother lioness rearing her cubs. The first cub learns to tear prey but is captured with hooks and brought to Egypt, while the second cub is trapped in a net, placed in a cage, and led into captivity before the king of Babylon.Sources: the Bible text itself · Egypt · Babylon
- The second half of the lament compares the royal line to a flourishing vine planted beside abundant waters, bearing strong branches fit for rulers' scepters. It depicts the vine being uprooted in fury, scorched by the east wind, consumed by fire, and transplanted into a parched wilderness.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org