Nations Bible

Esther 8

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Mootichi Kolbaa Yihudootaa Qarqaare

1Guyyuma san mootichi Ahashiweros karra Haamaanii diina Yihudootaa san Asteerii giittitti'iif kenne; isiin Mordekaayi woliin firooma akka qabanu mootichatti waan hinteef, Mordekaayi mooticha dura dhikaate. 2Mootichi qubee quba ifii ta chaappaa qaddu, ta Haamaan irraa fudhateeru san, ifi irraa baafatee Mordekaayiif kenne. Asteerille karra Haamaanii san irratti Mordekaayiif baallii kennite.

3Ammalle Asteer miila mootichaatitti jiddee, karoorri hamaan, sanyiin Agaagii ka te'e Haamaan Yihudoota irratti baase sun, isaan irraa akka ka'uuf iyyitee boottee isa kadhatte. 4Mootichi ankaashee worqi'ii gara Asteerii waan qabeef, isiin ol kaatee isa dura dhaabbatee, 5«Mooticha kiyya, yoo si gammachiitte, anille si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, tana godhiis sirrii yoo sitti fakkaatte, analle'etti yoo gammadde, barreeffam sanyiin Agaagii ilmi Hamedaataa Haamaan, Yihudoota mootummaa teeti keessa jiranu mara balleessiisaaf karoorfatee barreesse san, ajaji kaasu barreeffamuu ti! 6Ani balaa kolbaa tiyya irra gewu, badii maatii tiyyaalle dhaggaa attam ossuu dande'a ree?» jette.

7Achiin duuba mootichi Ahashiweros, Asteerii fi Mordekaayii Yihudichaan, «Kunoo, Haamaan Yihudoota balleessiisaaf mala waan dhoweef, karra isaa Asteeriif kenneera; isalle muka irratti fannisaneeran. 8Barreeffam maqaa mooti'iitiin barreeffamee chaappaa qubee isaatiin mallatteeffame waan hin jijjiiranneef, isin marroo Yihudootaatiif waan dansaa isinitti fakkaate, maqaa kiyyaan barreessa'aatii, chaappaa qubee tiyyaatiin dhowa'a!» jedhe.

9Ji'a sadeesso'oo ka «Siiwaa» jedhamu, guyyaa diddamii sadeesso'ootitti barreessitooti mootumma'aa waamamane; isaan ajaja Mordekaayii mara akka isaan itti barreeffatanutti, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota biyyaatiif, Yihudootaaf, qondaaltota worra biyya Hindiitii haga biyya Itoophiya'aa, kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessatti dhaggamanuuf, maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee, qubee mootichaa ta chaappaa qadduun dhowane. 10Mordekaayi barreeffama kana maqaa mooticha Ahashiwerosiitiin barreessee, chaappaa qubee mootichaatiin dhowee, ergantoota fardoo qoqolchaa mootichaaf leenjifanteen gulufanuun erge.

11Yihudooti qachaa gara garaa keessa le'anu wolitti qabamanee, akka ifi irraa dhooggatanu, hunna gosa adda addaa ta kutaa biyyaa mara keessaa isaanii fi dubartoota isaanii, ijoollee isaaniille loliisaaf gara isaanii dhufanu, akka balleessanu, akka ijjeesanu, akka fixanuu fi karra isaaniille akka saamanuuf, barreeffama kana keessatti mootichi eeyyameef. 12Yihudooti kutaa biyya mooticha Ahashiwerosii mara keessatti, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa, guyyaa kudhanii sadeesso'ootitti guyyaa tokkocha kana akka godhanuuf murteeffame. 13Guyyaa san Yihudooti diinota ifii haluu bayiisaaf akka qophowanu barreeffam ajaja san irraa garagalfamee, gara kutaa biyyaa ta gara garaatii fi kolbaa gosa biyya gara garaatitti seera te'ee akka beekkamu beessifame. 14Ergantooti fardoo mana mootumma'aa irra tee'aneeranu, ajaja mootichaatiin ariiti'iin bayane; lassiin sun qachaa Suusaa keessatti laffante.

15Mordekaayi woyaa mootumma'aa bifa cuquliisaa fakkaattuu fi adii uffatee, kallacha worqi'ii guddaa keyatee, woyaa dhiillee quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffatee mooticha biraa gad baye; yennaa san worri qachaa Suusaa gammadanee ilillisane. 16Kun Yihudootaaf yennaa ifaa, yennaa gammadaa, yennaa burraassatii fi yennaa ulfinnaa te'e. 17Kutaa biyyaa mara keessaa fi qachoota mara keessatti, addee lassiin mootichaa dhaqqadde maratti, Yihudooti gammadanee burraaqanee jila jilifatane; kolbaa biyya dhibi'ii keessaa hedduun Yihudoota waan sodaataneef, Yihudootatti galane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Royal Counter-Decree and Mordecai’s Elevation

  • Under Persian custom, an official decree written in the king's name and sealed with the royal signet ring could not be revoked. Because Haman's previous decree could not be cancelled, King Ahasuerus permitted Esther and Mordecai to write a new decree authorizing the Jews throughout the empire to assemble and defend themselves.Sources: the Bible text itself · Ahasuerus
  • The Persian Empire at this time encompassed 127 provinces, stretching from India—the region surrounding the Indus River—to Cush or Ethiopia, south of Egypt. Royal scribes translated Mordecai's decree into the distinct script and language of each province, which couriers then carried on swift royal horses.Sources: the Bible text itself · India · Ethiopia
  • Mordecai was granted the king's signet ring previously held by Haman and was placed in charge of Haman's estate. When the decree was published, he emerged from the king's presence in royal garments of blue and white, wearing a large gold crown and a purple robe, prompting rejoicing throughout Susa.Sources: the Bible text itself · Mordecai · Susa

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Ethiopia · 16.935, 33.751 · verse 9
  • India · 23.994, 67.431 · verse 9
  • Susa · Today: Shush · 32.189, 48.258 · verses 14, 15

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.