Nations Bible

Esther 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Gaaffii Asteer Mooticha Gaafatte

1Guyyaa sadeesso'oo Asteer woyaa ifii ta mootumma'aa uffattee, badhinna mana mootumma'aa ka gara keessaa seentee, mana mootichi tee'u dura dhaabbatte; mootichi mana mootumma'aa ka ifii keessa fuullee seensuma karraa, barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeraayyu. 2Mootichi, Asteeriin giittittiin ala dhaabbatteertuun yennaa dhagge, isiin isa duratti fudhatama dhaggattee, inni ulee ifii ta worqi'ii gara isi'ii qabe; isiille itti dhikaattee qaccee ulee sanii tuxxe. 3Achiin duuba Mootichi isi'iin, «Giittii Asteer maaloo? Maan barbaadda? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kenna» jedhe.

4Asteer deebittee, «Mooticha, yoo si gammachiitte, areertii ani adha si'iif qopheesse irratti Haamaan woliin kowa'a» jette.

5Kanaan duuba mootichi tajaajiltoota ifiitiin, «Waan Asteer gaafatte akka goonu, ariiti'iin Haamaan waama'a!» jedhe; maarre mootichii fi Haamaan gara areertii Asteer qopheessitee dhaqane. 6Daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiranuu mootichi ammalle Asteeriin, «Wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe.

7Asteer deebittee, «Gaaffiin tiyyaa fi wonni ani barbaadu, 8ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhee, waan ani si gaafadhe naa kenniisaaf, waan ani barbaadelle naa muummessiisaaf yoo si gammachiitte, atii fi Haamaan areertii ani isiniif qopheessu irratti boru dhaggama'a. Achiin duuba anille gaaffii teetiif deebii hin kenna» jette.

9Guyyaa san Haamaan gammadee miirri isaa itti tolee, achii gad bayee deeme; inni karra mootichaa duratti Mordekaayi yennaa dhagge ammoo, waan inni isaaf ol hin ka'iniif yookiin sodaatee hin sheephisiniif Mordekaayitti guddoo aare. 10Te'uu malee Haamaan akkuma te'e te'ee ossee, mana ifii dhaqe; achiin duuba inni jaalota ifiitii fi haadha manaa ifii Zeresh waansisee, 11dureessa akka te'e, ijoolleen isaa hedduu akka teete, mootichille qondaaltotaa fi tajaajiltoota dhibii caalaa ulfinna guddaa attamii akka isaaf kenne odeessaa koore. 12Haamaan ede'eelle, «Tana qofa adoo hin te'in, areertii giittittiin Asteer qopheessite irratti mooticha woliin ana malee nami waamame tokkolle hin jiru; isiin borulle mooticha woliin na waanteerti. 13Ammoo Mordekaayiin Yihudichi seensuma karra mootichaa tee'uun waan dhagguuf, tun marti na hin gammachiittu» jedhe.

14Achiin duuba haati manaa isaa Zereshii fi jaaloti isaa marti, «Muka nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa qopheessiitii, Mordekaayi itti fannisiisaaf boru barii mooticha gaafadhu; achiin duuba gammadaa mooticha woliin gara areerti'ii deenta» jedhaneen.

Yaadi kun Haamaan waan gammachiiseef, muka itti fannisanu qopheesse.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Esther Before the King and Haman's Plot

  • When Esther entered the inner court in her royal attire, King Ahasuerus extended the golden scepter toward her, signifying his favor and inviting her to present her request.Sources: the Bible text itself
  • Haman served as the vizier or prime minister to King Ahasuerus and is identified as an Agagite, linking him to the royal family of the Amalekites, historical enemies of the Jews.Sources: Haman · the Bible text itself
  • Frustrated that Mordecai would neither rise nor tremble before him at the king's gate, Haman followed the advice of his wife Zeresh and his friends to construct a gallows fifty cubits high.Sources: Zeresh · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.