Nations Bible

Esther 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Haamaan Yihudoota Balleessiisaaf Mala Dhowe

1Waan kanaan duuba mootichi Ahashiweros, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii te'eef ulfinna kennee, qondaaltota dhibii mara caalaa baallii guddoo kenneef. 2Isaan Haamaaniif jilbiiffatanee ulfinna akka kennanu mootichi waan ajajeef, tajaajiltooti mootichaa worri seensuma karra mootichaa jiranu marti, jilbiiffatanee Haamaaniif ulfinna kennane; Mordekaayi ammoo hin jilbiiffanne yookiin ulfinna isaaf hin kennine. 3Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa worri seensuma karraa jiranu, «Ati ajaja mootichaa maaniif diddaa?» jedhanee Mordekaayi gaafatane. 4Guyyuma guyya'aan itti deddeebi'anee gaafatane; inni ammoo hin dhageenne. Inni Yihudii akka te'e isaanitti waan himeef, didduma tanaan akka inni hafu beekuu barbaadanee, dhaqanee marroo isaa Haamaanitti himane. 5Haamaan akka Mordekaayi isaaf hin jilbiiffatin yookiin ulfinna isaaf hin kennin yennaa dhagge, akka malee aare. 6Gosi isaa Yihudii akka te'e waan itti himaneef, Haamaan Mordekaayi callaa ijjeesuu tuffate; addee san Yihudoota kolbaa Mordekaayii mara mootummaa Ahashiwerosii duudii keessaa balleessiisaaf mala dhowe.

7Ahashiweros mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo ka «Niisaan» jedhamu keessa [guyya'aa fi ji'a gargar baasanee beekiisaaf] Haamaan duratti hixaa «Puuriim» jedhamu buusane; hixaalle ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu irra bu'e.

8Achiin duuba Haamaan mooticha Ahashiwerosiin, «Kolbaa Kutaa biyya mootummaa teetii mara odduu kolbaan bittinnoottee leetu takka jirti; seerri isaanii seeraa kolbaa dhibi'ii mara irraa adda; seera mootichaatiifille hin ajajamanu; tanaaf kolbaa tana cadhisanee ilaaluun mootichaaf hin toltu. 9Dubbiin tun si mooticha yoo gammachiitte, isaan balleessiisaaf lassiin baatuu ti; akka isaan mana meyaa keeti keessa keyanu, anille namoota itti gaafatantoota mana meyaatitti meetii kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi afurtamaa hin kenna» jedhe.

10Maarre mootichi qubee chaappa'aa quba ifii irraa baasee, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii ka diina Yihudootaa te'e sanitti kenne. 11Mootichi Hamaaniin, «Meetiin si'iifuu hattuu ti; kolbaalle teetuma, waan feete godhadhu» jedhe.

12Achiin duuba ji'a tokkeesso'oo, gaafa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, barreessitooti mootichaa waamamane; isaan ajaja Haamaanii mara kutaa biyyaa tokko tokkootiifuu akka isaan itti barreeffatanutti, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota kolbaa adda addaatiif maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee chaappaa qubee quba mootichaatiin dhowane. 13Ajaji barreeffamaa namoota rukke'een geessanutti kennamee, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, dargaggoota, jaarsolee, dubartootaa fi ijoollee Yihudootaa mara guyyaa tokkocha akka balleessanu, akka ijjeesanuu fi ijjumaa akka haxowanu, qabeenna isaaniille akka saamanuuf gara kutaa biyya mootichaa maratti ergame. 14Kolbaan marti guyyaa saniif akka qophoottuuf, barreeffam ajaja san irraa garagalfamee gosa kutaa biyyaa keessa jiranu maratti beessifame. 15Ergantooti ajaja mootichaatiin ariifatanee bayane; ajaji sun qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti maxxanfame. Mootichii fi Haamaan uniisaaf tee'ane; worri qachaa Suusaa ammoo raafame.

Did you know?

Haman's Plot Against the Jews

  • Haman is designated as an Agagite, a description associated with the royal title of the Amalekites, traditional enemies of the Jewish people. As King Ahasuerus's newly elevated prime minister, he demanded homage that Mordecai refused to give.Sources: Haman · the Bible text itself
  • In the first month, Nisan, Haman cast the Pur (the lot) to determine the most auspicious date to carry out his plan of destruction. The lot fell on the thirteenth day of the twelfth month, Adar, placing the execution of the edict nearly a year in the future.Sources: the Bible text itself
  • The Persian imperial administration enabled royal decrees issued in the citadel of Susa to be translated into the distinct script and language of each province and rapidly distributed across the realm by couriers.Sources: the Bible text itself · Susa

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Susa · Today: Shush · 32.189, 48.258 · verse 15

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.