Ephesians 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Tokkummaa Nafa Kiristoosiitiin Jiru
1Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te'e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa. 2Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela'aa fi ossaameyyii te'a'a. Jaalalalle'een wol dande'a'a. 3Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha'a. 4Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira. 5Akkasuma Goottaan tokko, dhugeeffannaan tokko, cuupham tokko jira; 6ammalle ka mara caalu, ka mara keessalle huju, ka mara keessa jiraatu, Abbaa kolbaa maraa ka te'e, Waaqa tokkochatti jira.
7Akkuma safara kennansa Kiristoosiititti badhaadhi tokko tokkoo keennaaf kennameera. 8Barreeffam Woyyichi,
«Inni gara gubba'aa yennaa ol baye,
boojuu hedduu booji'ee,
namootaaf kennansa kenne» jedha.
9Amma, «Ol baye» jechuun maan jechuu isaa ti? Duraan dursee biyya lafaa tana keessa addee gad aantu'utti gad dhufeera jechu'u. 10Maarre ka gad dhufe, waan duudii dhaggama ifiitiin guutiisaaf kama ol-gubbaa maraan ol baye. 11Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin toowattoota, gariin barsiisota akka te'anuuf kennansa isaaniif kenne. 12Inni nafa Kiristoosii ka te'e wolde'i kiristaanaa akka ijaaramuuf, kolbaa Waaqaa hujii tajaajila kiristaanaatiif qopheessiisaaf tana godhe. 13Maarre marti keenna dhugeeffannaa teennaa fi Ilma Waaqaa beekiisaan tokko hin teena; ayyaanaan bilchaannee, nama geyaa teenee, haga Kiristoosii geenna. 14Nuuti danbali'iin gara duraatii fi duubaa raafamaa, qilleensa barsiisa kolbaa dokonkorsitu'uu, ka maltumma'aan worra dhibii sobee dokonkorsuu fi asii achi afuufuun, haganaa achi ijoollee hin teenu. 15Kanaa mannaa, jaalalaan dhugaa dubbataa, gara Kiristoosii mataa te'ee, karaa maraan guddanna. 16Kiristoosiin nafi duudiin morgeyaan hidhamee wol qabatee, mitikaan nafaa marti wol qaqqabateera. Maarre yennaa mitikaan martinuu akka hujiisaaf maletti huju, nafi duudiin jaalalaan guddatee ifi ijaara.
Jiruu Haareya Kiristoosiin Dhaggantu
17Yoona akka worra yaadi isaanii bu'aa hin qannee, akka worra Yihudoota hin te'inii akka hin leene, maqaa Gootta'aatiin jabeessee isin gorsa. 18Qalbiin isaanii dukkanootteerti; sababa beekuu hin barbaannee fi gadhaa jabeenna isaaniitiif jiruu Waaqi kennu irraa gargar bayaneeran. 19Isaan fokkoo dhabanee, amala bada'aa fi battummaa mara hujiisaaf joljolanee ifi dabarsanee kennaneeran.
20Marroo Kiristoosii wonni isin barattane akkasii moti. 21Dhugumaan marroo isaa dhageettaneertan; dhugaa Yesuus keessa jirtulle barattaneertan. 22Le'ii dullattii dur le'aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata'a. 23Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama'a. 24Jiruu haareya, balchumma'aa fi woyyummaa dhuga'aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha'a.
25Maarre, yoona soba lakkisa'a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti. 26Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. 27Seexanaafille karaa hin kennina'a. 28Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata'aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti. 29Dubbii bu'aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage'uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin. 30Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina'a. 31Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma'aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagaattu. 32Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama'a, woliif arjooma'a, gadhaalle woliif laafa'a.

Did you know?
One Body and a Worthy Life
- The chapter opens with the writer calling himself a prisoner in the Lord and urging the readers to walk in a manner worthy of the calling they have received, with humility, gentleness, patience, and diligence to preserve the unity of the Spirit through the bond of peace.Sources: the Bible text itself
- That appeal rests on shared realities named in the chapter: one body, one Spirit, one hope, one Lord, one faith, one baptism, and one God and Father of all, who is over all and through all and in all. The same passage says that the one who ascended gave some to be apostles, some prophets, some evangelists, and some pastors and teachers, to equip the saints and build up the body.Sources: the Bible text itself
- The chapter then pictures a changed life as putting off the former way of life, the old self, and putting on the new self. It tells the readers to put away falsehood and speak truthfully, since they are members of one another; to be angry without sinning and not to let the sun set on their anger; and not to grieve the Holy Spirit of God, in whom they were sealed for the day of redemption.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org