Nations Bible

Ecclesiastes 4

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Cunqurfama, Eloo, Jaala Dhabiisa

1Ammalle ani cunqurfama biyya lafaa irratti te'iisatti jiru mara dhagge. Imimmaan worra cunqurfamee dhagge; ka isaan jajjabeessulle hin jiru. Worri isaan cunqursu hunna guddoo waan qabuuf, ka isaan jajjabeessu hin jiru. 2Tanaaf, ani, «Worra haga ammaa jiru'uun jiru caalaa worra duruu du'eeru woyya. 3Worra lamaanuu caalaa ammoo worra hin dhalatin, ka hammeenna biyya lafaa irratti hujamu hin dhaggin woyya» jedhee yaade.

4Wonni nami itti elowuu fi dandeetti'iin hujatu marti hinaaffaa irraa akka kaatu dhagge. Tunille bu'aa hin qaddu; akka nama qilleensa ari'ee ti. 5Gowwaan harka maratee tee'ee, beelaan du'a. 6Elo'oo fi qilleensa ari'iisaan harka lama dhaggatiisaa mannaa, qalbii nageyaatiin harka tokko dhaggatiisaa woyya.

7Ammalle waan bu'aa hin qanne takka biyya lafaa irratti dhagge: 8nami qofii ifii le'u tokko, ilma yookiin obboleessa ka hin qanne, ka waan mara irratti eloon isaa dhuma hin qanne, karra ifiitille'een, «Na geetti» ka hin jenne, inni «Ani eennuuf elowa? Ani maaf gammada ifi dhoogga?» jedhee ifi gaafata; kunille waan bu'aa hin qanne; hujii nama gaddisiittu.

9Eloo ifiitiif bu'aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te'uu irra lama te'uu woyya. 10Tokko yoo jige, kuun ol kaasa; yoo jige, ka ol isa kaasu, nama hin qanneef ammoo aanne'e. 11Nami lama yoo woliin rafe, wol hin o'isa; nami tokko attam qofuu ifi o'isuu dande'a ree? 12Nami tokko nama qofuu jiru injifatulle, nami lama ifi irraa dhooggatuu dande'an. Wodaroon sadiin dhowante ariifattee hin cittu.

13Mooticha jaarsa gowwaa gorsa hin fudhannee mannaa, dargageessa hiyyeessa qaroo woyya. 14Dargaggeessi sun mana hidha'aa keessaa bayee mootii ka te'e yookiin biyyuma mootii itti te'eeru san keessatti hiyyeessa te'ee dhalateera fa'a te'a. 15Worri biyya lafaa irra ideemaa le'u marti dargaggeessa addee mootichaa bu'u san hordofanuun dhagge. 16Inni kolbaa bacaa bulchaa tureeyyu. Worri duubarra dhufe ammoo isatti hin gammanne; tunille bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Oppression, Companionship, and Fleeting Acclaim

  • Ecclesiastes highlights the practical value of companionship in daily life, explaining that two workers achieve a better return on their labor, can help each other up after a fall, provide shared warmth when lying down, and resist attackers together.Sources: the Bible text itself
  • The passage contrasts the misery of solitary toil with the peacefulness of moderation, noting that some hoard wealth endlessly despite having no companion, son, or brother with whom to share it.Sources: the Bible text itself
  • The text illustrates the fleeting nature of political fame through the figure of a poor, wise youth who rises from prison to replace an unteachable king, gaining massive popularity that is later forgotten by future generations.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.