Deuteronomy 34
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Du'a Muuse'ee
1Achiin duuba Muuseen dirree Mo'aabii ta gara gaara Neboo irraa gara qaccee Phiisga'aa irraa fuullee Yeriko'oo jirtuu ol baye. Achitti Mootiin Waan Maraa lafa mara, Giil'aadii haga Daanii, 2lafa Niftaalemii mara, lafa Efreemiitii fi Minaase'ee, lafa Yihuda'aa mara haga abbaayaa gara aduun seentuu jirtu, 3lafa kibba Yihuda'aa, lafa dhooqa Yeriko'oo ta qachaa muka meexxi'ii irraa haga Zo'aarii jirtu mara itti mudhise. 4Saniin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Latti tun ta ani Abrahaamiin, Yisihaqiin, Yaaqoobille'een, ‹Ani sanyii teessaniif hin kenna› jedhee waadaa gale; ati ila teetiin dhaggiteerta; ammoo itti hin galtu» jedhe. 5Achiin duuba Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa akkuma Mootiin Waan Maraa jedhe san lafa Mo'aabiititti du'e. 6Mootiin Waan Maraa dhooqa lafa Mo'aabii fuullee Bet-Phe'orititti isa awwaale; te'uu malee haga adhaalle nami addee awwaala isaa beeku hin jiru. 7Muuseen yennaa du'e nama woggaa dhibbaa fi diddamaa ti; ilti isaa hin garjine; hunni isaalle hin dadhanne. 8Israa'elooti dirree Mo'aabiititti haga guyyaa soddomaa Muuse'eef bowaa gaddane; achiin duuba nageeffatane.
9Muuseen harka ifii Iyaasuu ilma Nunii irra waan keyeef, ayyaanni qaroomaa isa keessa guuteeyyu. Maarre Israa'elooti isa dhage'anee, waan Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje godhane.
10Eega san Israa'el keessaa raagaan akka Muuse'ee ka Mootiin Waan Maraa fuula ifii duratti dubbise, 11ka beessisaa fi maadee mara biyya Gibxi'iititti, Fara'oon irratti, qondaaltota isaa maraa fi lafa isaa mara irratti akka hujuuf Mootiin Waan Maraa erge, 12hunna guddoo Muuseen kolbaa Israa'elii mara duratti mudhise yookiin waan sodaachittuu inni huje, ka muummesse tokkolle hin jiru.

Did you know?
The Death of Moses
- Moses ascends Mount Nebo, a summit of the Pisgah ridge located east of the Dead Sea and the Jordan River. From this vantage point facing Jericho, he is shown a panoramic view of the entire territory promised to the descendants of Abraham, Isaac, and Jacob.Sources: Mount Nebo · Pisgah · Jericho · the Bible text itself
- Moses dies at 120 years of age with his eyesight and vitality undiminished, and is buried in a valley in Moab opposite Beth-peor at a site intentionally left unknown. In keeping with ancient mourning customs, the Israelites observe thirty days of lamentation for him in the plains of Moab.Sources: the Bible text itself · Lifetime of Moses
- Leadership passes smoothly to Joshua, whom Moses had commissioned by laying hands on him, imparting the spirit of wisdom. The book closes with an epilogue celebrating Moses' unique standing as a prophet who knew the Lord face to face and performed unprecedented wonders in Egypt.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 1
- Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verses 1, 3
- Moab · Today: Moab 2 · 31.840, 35.674 · verses 1, 8
- Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verse 2
- City of Palms · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verse 3
- Negeb · 31.245, 34.841 · verse 3
- Valley of Jericho · 31.872, 35.445 · verse 3
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verses 5, 6
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 11
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org