Nations Bible

Deuteronomy 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Mootiin Baashaanii Oog Injifatame

1Tanaan duuba karaa gara Baashaanii geessutti deebinee ol baane; mootiin Baashaanii Oog loltoota ifii mara woliin Edraayitti nu loliisaaf dhufe. 2Mootiin Waan Maraa ammoo anaan, «Ani isa, loltoota isaa maraa fi lafa isaa dabarsee si'iif waan kennuuf, isa hin sodaatin. Mootii Amoorotaa Sihoon ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulchaa ture akkuma goote, Oogille akkasuma godhi» jedhe.

3Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna mootii Baashaanii Oogii fi kolbaa isaa harka keennatti dabarsee kenne; nuutille nama tokkolle adoo hin hamburin isaan mara ijjeenne. 4Yennuma san nuuti qachoota isaa mara qabanne; qachoota jaatama naannoo Argoobii duudii, ka mootummaa Oogii ta Baashaan keessa jirtu keessaa qachooti nuuti hin qabatin tokkolle hin jiru. 5Qachooti kun marti dalleya dhaka'aa dhedheeraa, karraa fi danqaraa qabanuun marfamaneeran; ollaan gugurdaan hedduun dalleya dhaka'aa hin qannelle jiraayyu. 6Akkuma mootii Heshiboonii Sihoon goone, isaan ijjumaa balleessine; dhiira, dubarti'ii fi ijoollee qachaa sanii ijjumaa balleessine. 7Te'uu malee horii maraa fi waan qachoota isaanii keessaa saanne mara ifiif fudhanne.

8Maarre yennaa san mootota Amoorotaa lamaan san irraa lafa laga Yordaanosiin gara aduun baatuu jirtu, laga Aarnoniitii haga gaara Hermoonii qabanne. 9Worri Sidoonii gaara Hermooniitiin «Siiriyon» jedha; worri Amoorotaa «Seniir» jedha. 10Nuuti qachoota gooroo irraa, lafa Giil'aadii mara, lafa Baashaanii mara haga Saalka'aa fi Edraayii, qachoota mootummaa Oogii ka Baashaan keessaa mara fudhanne. 11Worra Refaa'otaa keessaa ka hafe Oogii mooticha Baashaanii qofa; taqeen isaa ta sibiilaa ti; dheerinni isi'ii meetira afur, badhinni meetira lama. Taqeen sun haga ammaatitti Raabaa qachaa biyya Amoonii keessa jirti.

Gosoota Yordaanos Gara Aduun Baatutti Qubatte

12Lafa qabanneen duuba qachaa Aro'erii ka laga Aarnonii bira jiruutiin jalqabee haga gamisa biyya koobittii Giil'aadii qachoota isaa woliin gosa Ruubeniitii fi gosa Gaadiitiif kenne. 13Biyya Giil'aadii ta hatte, biyya Argoobii ta Oog bulche biyya Baashaanii mara gamisa gosa Minaase'eetiif kenne. Biyyi Baashaanii guutumatti biyya Refaa'otaa jedhamaa turte 14Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir biyya Argoobii ta haga meessaa worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa jirtu duudii fudhate. Inni ollooti sun maqaa isaatiin akka waamamanu godhe; tanaaf ollooti sun haga adhaatitti olloota Yaa'iirii jedhaman.

15Ani Giil'aadi maakiiriif kennee, 16gosa Ruubeniitii fi Gaadiitiif ammoo, lafa Giil'aadii irraa haga lafa laga qarqara laga Aarnonii kenneef; meessaan isaanii ka kibbaa wodhakkaa laga Aarnonii yoo te'u, gara kaabaatiin haga laga Yaaboqii meessaa Amoonotaa ti. 17Karaa aduun seentuun haga laga Yordaanosii, laga Galiila'aa goodda kaabaa keessaa gara kibba Abbaayaa Sooddaatii fi gara gaara Phiisgaa aduun seentuutiin jalaatitti badhata.

18Yennaa san ani «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna lafa Yordaanos irraa ta gara aduun baatuu tana akka qabattanu isinii kenneera. Amma namoota lolanu keessan hidhachiisa'aatii, gosooti Israa'elii dhibiin lafa ifii haga qabatanu akka qarqaaranuuf laga Yordaanosiitiin gama isaaniin dura erga'a. 19Te'uu malee, isin horii hedduu akka qaddanu waan beekuuf, haadhotiin manaa teessan, ijoolle'ee fi horiin keessan qachoota ani isiniif kenne keessa turanuu ti. 20Tunille Mootiin Waan Maraa akkuma isiniif godhe, isaan lafa Yordaanos irraa gara aduun seentuu ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennu san haga qabatanu. Saniin duuba tokko tokkoon keessa gara lafa ani isinii kenne sanii hin deebitan» jedhe.

21Yennaa san ani Iyaasuu ajajee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mootota lama Sihoonii fi Oog waan godhe ati iluma teetiin dhaggiteerta; Mootiin Waan Maraa mootummoota ati itti dhaqaartu mara irralle'etti akkasuma hin godha. 22Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ifumaaf waan isinii loluuf isaan hin sodaatin» jedhe.

Muuseen Kana'aanitti Akka Hin Galle Dhooggame

23Yennaa san ani jabeessee daadimadhee, 24«Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati guddinnaa fi irree teeti jadduu ana tajaajilaa keetitti mudhisuu jalqaddeerta. Ol-gubba'aa fi lafa irratti waan ati gootuu fi hujii gugurdoo ati hujju ka hujuu dande'u waaqi dhibiin eennu inni? 25Ani gamatti bu'ee, lafa dansaa laga Yordaanosiitiin gamaa biyya koobittii dansaa, gaara Libaanonille akka dhaggu naa eeyyam» jedhe.

26Sababa keessaniif ammoo Mootiin Waan Maraa natti aaree, ana hin caqanne. Inni anaan, «Si geetti. Marroo waan kanaa deebitee natti hin dubbatin! 27Qaccee gaara Phiisga'aatitti ol bayiitii gara aduun seentuu fi gara kaabaa, gara kibbaatii fi gara aduun baatu ilaali. Ati laga Yordaanosii gamatti waan hin buuneef, ila teeti qofaan ilaali. 28Kolbaa sooressee gamatti buusee, lafa ati dhaggitu tana akka isaan dhaalanu ka godhu, Iyaasuu waan te'eef, isa ajajiitii jajjabeessi; akka inni jabaatu godhi» jedhe. 29Maarre nuuti dhooqa Bet-phe'or bira jirtu keessa turre.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Victory in Bashan and Joshua's Succession

  • Og, the king of Bashan defeated by the Israelites at Edrei, is described as the last survivor of the Rephaim. Deuteronomy mentions that his iron bedstead or sarcophagus, measuring nine cubits long and four cubits wide, was preserved in Rabbah of the Ammonites.Sources: Og · the Bible text itself
  • The region of Argob in Bashan was renowned for its sixty strongly fortified cities with high walls and barred gates. Following Israel's victory, this rugged territory was allocated to the half-tribe of Manasseh and taken by Jair, one of its descendants.Sources: Argob · the Bible text itself
  • Although Moses was permitted to view the Promised Land in every direction from the summit of Pisgah, he was forbidden from crossing the Jordan River. Moses was directed to commission and strengthen Joshua, who would lead the people across to inherit the land.Sources: Joshua · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Bashan · 32.781, 35.935 · verses 1, 3, 4, 6, 10, 11, 13, 14
  • Argob · 32.969, 36.455 · verses 4, 13, 14
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 8, 17, 18, 20, 21, 25, 27, 28
  • Mount Hermon · 33.400, 35.850 · verses 8, 9
  • Valley of the Arnon · Today: Wadi Mujib · 31.466, 35.573 · verses 8, 12, 16
  • Senir · Today: Mount Hermon · 33.400, 35.850 · verse 9
  • Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verses 10, 12, 13, 15, 16
  • Ammon · 31.955, 35.934 · verses 11, 16
  • Rabbah · Today: Amman · 31.955, 35.934 · verse 11
  • Havvoth-jair · 32.588, 35.726 · verse 14
  • Jabbok · Today: Zarqa River · 32.115, 35.543 · verse 16
  • Arabah · 30.417, 35.151 · verse 17
  • Salt Sea · Today: Dead Sea · 31.500, 35.500 · verse 17
  • Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 25

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.