Deuteronomy 21
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Gumaa Nama Nami Isa Ijjeese Hin beekkaminii
1Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, nami tokko diida keessatti ijjeefamee nami isa ijjeese yoo hin beekkamin, 2jaarsoleen teessanii fi abbootiin mura'aa teessan bayanee, fageenna addee reeffaa irraa haga qachoota dhikoo sanii mikanuu ti. 3Achiin duuba jaarsoleen qachaa addee reeffi namichaa jirutti dhikaatu keessaa dhufane, goronsa hujii ittiin hin hujin, ka waanjoon irra hin keyamin filanee, 4gara dhooqa bisaan yaa'u qaddu ta hin qotamin, ta midhaanille itti hin facaafaminitti gad geessanee, dhooqa san keessatti morma isaa cassanuu ti. 5Akka isaaf tajaajilanu, maqaa isaatiin akka eebbisanu, haajaa moroma'aatii fi yakka'aa akka isaan murteessanu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sanyii Lewwi'ii hayyoota waan filateef, isaan gara duraa dhikaatanuu ti. 6Achiin duuba jaarsoleen qachaa addee reeffi namichaa jiru sanitti dhikaattuu marti, goronsa dhooqa keessatti morma caccassane san irratti harka dhiqatanee, 7«Nuuti harka keennaan dhiiga kana hin dhangalaanne; nama dhiiga kana dhangalaaselle hin dhaggine. 8Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti Israa'el ta biyya Gibxiitii wodattee baatteef araaram; dhiiga nama yakkaa hin qannee kana kolbaa teeti Israa'el irratti hin laakkowin» hin jedhan. Akka kanaan dhiiga dhangala'e kanaaf araarri hin te'a.
9Ila Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e kana yoo gootane, dhiiga nama yakkaa hin qannee ka dhangala'e kanaaf itti hin gaafatantanu.
Dubartoota Booji'amane Fuudhuu
10Diinota keeti loliisaaf baatee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti harka keetitti dabarsee isaan kennee ati yennaa isaan boojite, 11isaan keessaa dubartii miidhadduu takka dhaggitee isii fuudhiisaaf yoo feete, 12gara mana keetii fidi; isiin mataa haadattee, qeenca muratuu ti. 13Isiin woyaa yennaa booji'ante uffatteertu san jijjiirattee, mana keeti teettee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif ji'a tokko guutuu gaddituu ti. Achiin duuba ati isii woliin rattee, dhirsa isi'ii hin teeta; isiille niitii teeti hin teeti. 14Ati yoo isi'itti hin gammadin ammoo, akka isiin gara feete dhaxxu lakkisi. Ati waan isii salphitteef, isii hin gurgurattu yookiin garba hin godhattu.
Mirga Ilma Angafichaa
15Nami tokko niitii lama qabaatee, takka jaalatee taan ka jibbu yoo te'e, isaan lamaanuu ilmaan yoo isaaf deyane, ilmi angafichi ka niitii inni jibbuu yoo te'e, 16namichi sun gaafa ilmaan ifiitiif karra ifii qoodu, qooda ilma angaticha ifiitiif kenniisaaf male, mirga angafumma'aa ka ilma niitii inni jibbu irraa dhalatee irraa fuudhee, ilma niitii inni jaalatu irraa dhalateef golii te'ee hin kennin. 17Inni ilma niitii jibbuu saniif, karra ifii mara keessaa harka lama kenniisaan angafummaa isaa beessisuu ti. Ilmi sun jabeenna isaa ka qaraa waan te'eef, mirgi angafumma'aa ka isaa ti.
Ilma Finqilaa
18Nami tokko ilma mataa jabaatu finqilaa ka yoo isa adabannelle, haadhaa fi abbaa ifiitiif hin ajajanne yoo qabaate, 19haati isaatii fi abbaan isaa isa qabatanee, gara jaarsolee karra dalleya qachaa inni keessa le'uutitti geessanuu ti. 20Isaan jaarsolee qachaa inni keessa le'u saniin, «Ilmi keenna kun ilma mataa jabaatu dida'a. Inni nu'uuf hin ajajamu. Inni gadhito'o; machowaalle'e» jedhanuu ti. 21Achiin duuba dhiirti qachaa sanii marti dhaka'aan isa tumanee ijjeesanuu ti; maarre isin akka kanaan hantuu odduu teessanii hin balleessitan. Israa'elooti marti tana dhage'anee hin sodaatan.
Seera Adda Addaa
22Nami tokko yakkaa du'a itti mursiittu hujee ijjeefamee, muka irratti yoo fannifame, 23nami muka irratti fannifame ka Waaqi abaareeru waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa isiniif kennu akka hin batteessine, reeffi isaa gaafuma san awwaalamuutii malee, muka irra hin bulin.

Did you know?
Justice, Family Rights, and Communal Purity
- When a murdered body was found in an open field with no known killer, the elders of the closest town were required to perform an atonement ritual. In an unplowed valley with running water, they washed their hands over a heifer while Levitical priests attended, clearing the community of bloodguilt.Sources: the Bible text itself
- Under the laws of inheritance, a father could not transfer the firstborn's rights to a younger son out of favoritism for a beloved wife. The eldest son, even if born to an unloved wife, was legally guaranteed a double portion of the father's estate.Sources: the Bible text itself
- If an executed criminal's body was hung on a tree as a public warning, it had to be taken down and buried before nightfall. The law stated that anyone hung on a tree was under God's curse, and leaving the corpse overnight would defile the land.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org