Deuteronomy 10
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Muuseen Lammeessoo Ajaja Kudhan Fuudhe
1Yennaa san Mootiin Waan Maraa, anaan, «Dhakaa baxxicha lama kama qaraa kaan fakkeessii bociitii, gaara irratti gara kiyya koy; saanduqa mukaalle huji. 2Anille dhakaa baxxicha lamaan san irratti jechoota dhakaa baxxicha lamaan qaraa, ka ati caccassite irra jiru kaan, deebisee hin barreessa. Achiin duuba ati dhakaa baxxicha ani irratti barreesse lamaan san saanduqa keessa hin keetta» jedhe.
3Maarre ani muka gololchaa irraa Saanduqa huje; dhakoota baxxicha lama kama qaraa kaan ka fakkaatu bocee, harkatti qabadhee gara gaaraa ol baye. 4Mootiin Waan Maraa, akkuma barreeffama qaraa san ajajoota kudhan ka inni gaafa wolde'aa san gaara irratti ibidda keessaa isinitti dubbate san dhakoota baxxicha lamaan kana irratti barreesse. Achiin duuba dhakoota baxxicha lamaan san natti kenne. 5Achiin duuba anille deebi'ee gaara irraa gad bu'ee, dhakoota baxxicha lamaan san akkuma Mootiin Waan Maraa na ajaje saanduqa huje san keessa keye; isaan ammalle achuma keessa jiran.
6Israa'elooti boollota bisaan kolbaa Yaa'aakaanii biraa ka'anee, gara Moserootii deemane. Achitti Aaron du'ee awwaalame; ilmi isaa Ele'azaar addee isaatitti hayyuu te'e. 7Isaan achii ka'anee gara lafa, «Gudgodaa» jedhantuu deemane; achille'ee ka'anee gara lafa bisaan yaa'u qadduu gara lafa, «Yoxbaataa» jedhantuu deemane. 8Yennaa san Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa akka ba'attu, isa tajaajiliisaaf Mootii Waan Maraa dura akka dhaabbattu, maqaa isaatiin akka eebbittu, Mootiin Waan Maraa gosa Lewwi'ii adda baase. Haga adhaalle tajaajilli gosa Lewwi'ii kanuma. 9Tanaaf gosi Lewwi'ii obboleeyyan ifii woliin qooda yookiin lafa dhadde; akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaanitti dubbate, Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti.
10Ani akkuma yennaa qaraa godhe, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gaara irra ture. Mootiin Waan Maraa yennaa tanalle naa dhage'e. Inni isin balleessiisa hin feene. 11Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan lafa ani abbootii isaaniitii kenniisaaf kakadhetti galanee dhaalanu, ka'iitii kolbaa tana sooressi» anaan jedhe.
Waaqa Sodaadhu
12Ammalle, ee Israa'el, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa, karaa isaa mara irra deemiisa, isa jaalatiisa, gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti'iin isa tajaajiliisa malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maan si irraa barbaada? 13Wonni dansaan akka sii teetuuf, ajajaa fi seerata Mootii Waan Maraa ka ani adha sii kennulle akka eegatu malee maan si irraa barbaada? 14Ol-gubbaan, ol-gubbaan ol-gubbootaatuu, lattii fi wonni isii irraa marti ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii ti. 15Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa abbootii teetitti gammadee, isaan jaalatee, adhalle gosa biyya adda addaa mara keessaa si sanyii isaanii filateera. 16Tanaaf, isa tajaajiliisaaf qalbii teessan haqanqabaa qabadha'a; haganaa achi mata-jabeeyyii hin te'ina'a. 17Sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, Waaqa waaqotaa, Goottaa goottotaa, Waaqa guddaa, hunnaamessa sodaatame, ka golii hin hunye, safuulle ka hin fudhanne. 18Inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef, haadhotii hiyyeessaatiifille haqa mura. Inni alagaalle hin jaalata; sagale'ee fi woyaalle isaaf hin kenna. 19Isinuu biyya Gibxi'ii keessatti alagaa teetanee waan beettanuuf, worra alagaa te'eeru jaaladha'a. 20Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaadhuu, isa tajaajili. Isatti maxxaniitii, maqaa isaatiin kakadhu. 21Inni ka ati leellifattu; Waaqa keeti ka adoo ati ila teetiin dhaggituu waan gugurdo'oo fi maade'ee ta sodaachittu ka si'iif godhe. 22Abbootiin teeti nama torbaatama te'anee gara biyya Gibxi'iitti gad bu'ane. Amma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka urjii gubba'aa si baceesseera.
Did you know?
New Stone Tablets and the Call to Obedience
- After breaking the initial set of tablets due to the golden calf, Moses was commanded to cut two new stone tablets and construct a wooden chest from acacia to hold them. These replacement tablets, containing the Ten Commandments, were placed inside the ark where they remained.Sources: the Bible text itself
- The tribe of Levi was set apart for special priestly responsibilities, including carrying the ark of the covenant, ministering before God, and pronouncing blessings in His name. Because of this unique dedication to sacred service, Levi received no territorial inheritance among the other tribes of Israel.Sources: the Bible text itself · Levi (patriarch)
- Moses reminded Israel of their humble origins, recalling that their ancestors numbered only seventy when they went down to Egypt. Israel was commanded to defend the fatherless and the widow and to show love to foreign residents, remembering that they themselves had once lived as foreigners in Egypt.Sources: the Bible text itself · Egypt
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Beeroth Bene-jaakan · Today: Birein · 30.792, 34.473 · verse 6
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 19, 22
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org