Colossians 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Goottole'e! Isinille ol-gubba'atti Goottaa akka qaddanu beeka'aatii, tajaajiltoota teessan qajeelumma'aa fi wol qixxumma'aan bulcha'a.
Gorsa Dabalataa
2Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha'a. 3Akkasuma dhossaa Kiristoosii, ka ani marroo isi'iitiif hidhamee jirulle lallabiisaaf akka dandeennu, Waaqi ergaa ifiitiif akka karaa nuu banu daadimadha'a. 4Anille akka maltetti ifa tolchee ergaa isaa akka dubbadhu naaf daadimadha'a.
5Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le'a. 6Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi'awu te'uu ti.
7Tikiqoos, marroo waan kiyyaa waan mara isinitti hin hima; inni tajaajilaa addatama'aa fi lansa kiyya ka hujii Gootta'aa na woliin huju. 8Akka inni marroo teenna isinitti himuu fi gadhaa keessan jajjabeessuuf, isa gara keessan erge. 9Isa wolille'een nama keessan ka te'e, obboleessi addatama'aa fi jaalatamaan Oneesimoos gara keessan hin dhufa; isaan waan asitti te'iisatti jiru duudii isinitti hin himan.
10Arisxaarkosiin na woliin hidhameeru nageya isiniif dhaama. Durriin Baarnaabaasii Maarqoosiin ani duraan, «Yennaa inni gara keessan dhufe fudhadha'a jedhee isin yaadachiiselle» nageya isiniif dhaama. 11Yoshu'aan Yusxos jedhamulle nageya isiniif erga; worra marroo mootummaa Waaqaatiif na woliin huju keessaa, worri Yihudootaa kana qofa; isaan analle jajjabeessaneeran.
12Akkasuma Ephafraasiin nama keessan te'e, tajaajilaan Kiristoos Yesuusii nageya isiniif erga; jiruu ayyaanaatiin guddatiisaan jabaattanee, akka dhaabbattanuu fi fedha Waaqaa mara akka muummessitanu, inni yennaa mara isiniif jabaatee daadimata. 13Inni isinii fi worra qachoota Laa'odiiqeya'aatii fi Heraapholisii keessa jiruuf guddoo akka elowe aninuu dhugaa hin bayaaf. 14Cidheessi jaalatamaan Luqaasii fi Deemaas nageya isiniif dhaaman.
15Obboleeyyan Laa'odiiqeyaa keessa jirtu Niimfa'aa fi wolde'a kiristaanaa ka mana isi'iititti wolitti qabamuuf nageya naa hima'a! 16Xalayaa kana ifii dubbifattaneen duuba, wolde'a kiristaanaa ka Laa'odiiqeyaa keessa jirulle'etti akka dubbifamu godha'a. Isinille xalayaa Laa'odiiqeyaa irraa ergamu dubbifadha'a. 17Arkiphosille'een, «Hujii karaa Gootta'aatiin fudhatte san akka muummessitu te'i» jedha'aa naa hima'a.
18Ani Phawuloos nageya kana harkuma kiyyaan isiniif barreesse; akka ani wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiru yaadadha'a!
Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.
Did you know?
Final Greetings and Companions
- Paul sent the letter to Colosse in the care of Tychicus and Onesimus. Onesimus was a native of Colossae who had fled from his master Philemon to Rome, where he became a Christian; Paul sent him back alongside Tychicus, describing him as a faithful and beloved brother.Sources: Tychicus · Onesimus · the Bible text itself
- The greetings at the end of the letter reveal a diverse circle of coworkers with Paul during his imprisonment. These included Jewish Christians such as Aristarchus, Mark (the cousin of Barnabas), and Jesus called Justus, as well as Gentile companions such as Luke the physician and Demas.Sources: Aristarchus · John Mark · Jesus · Luke
- Epaphras, a Colossian disciple who likely founded the church there, was with Paul in Rome and actively praying for the believers in Colossae, Laodicea, and Hierapolis. Paul instructed the Colossians to exchange letters with the neighboring assembly in Laodicea.Sources: Epaphras · Laodicea · Hierapolis · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Hierapolis · 37.927, 29.127 · verse 13
- Laodicea · Today: Laodicea on the Lycus · 37.836, 29.108 · verses 13, 15, 16
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org