Nations Bible

Acts 9

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Saa'ol Yesuusitti Dhugeeffate

1Saa'ol ammalle barattoota Gootta'aa ijjeesiisaaf dhaadataa, gara Hayyicha gudda'aa dhaqe. 2Worra karaa Gootta'aa hordofu dhiiraa fi dubartiille yoo dhagge, hidhee gara Yerusaalemii fidiisaaf akka dande'u, xalayaa gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa ka Damaasqo'oo akka isaaf barreessu, Hayyicha Guddaa gaafate. 3Saa'ol adoo deemuu qachaa Damaasqo'ootitti dhikaateeruun, dedhuma ifi ol-gubba'aa irraa adaala isaatitti balaqqise. 4Inni lafatti jigee qoonqoo, «Saa'ol, Saa'ol maaf na miita?» jettu dhage'e.

5Saa'olille, «Gootta'a, ati eennu?» jedhee gaafate.

Qoonqoolle, «Ani Yesuusii ati miitu; 6ammoo, ka'ii gara qacha'aa seen. Wonni ati godhuu qaddu achitti si'itti himama» jette.

7Namooti Saa'ol woliin deemiisatti jiranu, qoonqoo dhage'ane malee, nama dubbatu hin dhaggine; isaan cadhisanee dhaabbatane. 8Saa'ol addee jigee ka'ee ila ifii yennaa banate, womaa dhaggiisaaf hin dandeenne. Tanaaf isaan harka isaa qabanee, gara qachaa Damaasqo'oo isa geessane. 9Inni haga guyyaa sadii womaa dhagguu hin dandeenne; hin nyaannelle'e yookiin hin unnelle'e.

10Yennaa san barataan Anaaniiyaas jedhamu tokko, Damaasqoo keessa jiraayyu. Goottaan mudhi'iin «Anaaniiyaas» jedheen.

Innille deebisee, «Kunoo ani as jira, Gootta'a» jedhe.

11Goottaalle, «Qophowiitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu dhaqiitii, mana Yudaasiititti namicha lafa Xarseesii, ka maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko iyyaafadhu. Inni amma daadimatiisatti jira; 12Saa'ol mudhi'iin namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko dhufee, harka ifii isa irra keyee akka fayyu dhaggeera» jedheen.

13Anaaniiyaas deebisee, «Gootta'a, namichi kun kolbaa teeti ta Yerusaalem keessa jirtu waan hantuu akka inni godheeru nami hedduun natti himeera. 14Inni worra maqaa keeti waammatu mara hidhiisaaf, sooreyyii hayyootaa irraa baallii dhaggateera» jedhe.

15Goottaan Anaaniiyaasiin, «Inni maqaa kiyya worra Yihudoota hin te'iniif, moototaa fi kolbaa Israa'eliitiif akka beessisu, tajaajilaa kiyya ka ani filadhe waan te'eef gara isaa dhaqi. 16Akka inni marroo maqaa kiyyaatiif guddoo rakkatu, aninuu isatti hin mudhisa» jedhe.

17Maarre Anaaniiyaas deemee, mana Saa'ol jiru seene; inni harka ifii Saa'ol irra keyee, «Obboleessa kiyya Saa'ol, Goottaan Yesuus, as dhufiisatti jirtuun karaa irratti ka si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggituu fi Ayyaana Woyyichaan akka guutantuuf ana ergeera» jedhe. 18Yoosuma wonni akka solloqqee qurxummi'ii fakkaattu, ila Saa'olii irraa buutee, deebi'ee dhaggiisaaf dande'e. Inni ol ka'ee cuuphame; 19sagalee nyaateen duuba jabaate.

Saa'ol Damaasqo'otti Lallabe

Saa'ol guyyoota diqqa'aaf lafa Damaasqo'oo keessa barattoota woliin ture. 20Saa'ol adoo hin turin mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee, «Yesuus Ilma Waaqaa ti» jedhee lallabiisa jalqabe.

21Worri isa dhage'e duudiin baaseffatee, «Inni Yerusaalem keessatti worra maqaa Yesuusii waamu ka balleessaa turee motii? Ammalle inni isaanuma hidhee gara sooreyyii hayyootaa geessiisaaf as hin dhunnee?» jedhane.

22Saa'ol ammoo lallabi isaa irra caalaa hunna dhaggataa deemee, Yesuus Masiihii akka te'e mirkaneessinaan, Yihudooti Damaasqoo keessa le'anu waan jedhanu wollaalane.

23Guyyaa heddu'uun duuba Yihudooti, Saa'ol ijjeesiisaaf mala dhowane. 24Inni ammoo mala isaanii beeke. Isaanille isa ijjeesiisaaf halkanii fi guyyaa karra qacha'aatitti isa eegane. 25Hordofattooti Saa'olii ammoo, gaafa tokko halkaniin, Saa'ol xaxxoo keessa keyanee, foddaa dalleya dhaka'aatiin gad buusane.

Saa'ol Qachaa Yerusaalemii Keessatti Lallabe

26Saa'ol gara Yerusaalemii yennaa dhaqe, barattootatti makamiisaaf wodhaane; isaan ammoo akka inni dhugumaan barataa te'e waan hin dhugeeffatiniif, duudiinuu isa sodaatane. 27Baarnaabaas ammoo isa fuudhee gara ergantootaa geessee, karaa irratti Goottaan attamiin akka isa dhaggee fi attam akka itti dubbate, akkasuma Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin sodaa malee akka inni lallabe isaanitti hime. 28Maarre Saa'ol isaan woliin te'ee Yerusaalem duudii keessa dhaqee, sodaa malee maqaa Gootta'aatiin lallabe. 29Inni Yihudoota afaan Giriiki'ii dubbatanu woliin dubbataa itti moromaa ture; isaan ammoo isa ijjeesiisaaf wodhaanane. 30Dhugeeffattooti waan kana yennaa beekane, gara Qiisaariya'aa geessane; achille'een gara Xarseesii ergane.

31Achiin duuba wolde'i kiristaanaa ka Yihudaa, Galiilla'aa fi Samaariyaa keessa jiranu duudiin nageya dhaggatanee jabaatane; Goottaalle ulfeessaa, Ayyaana Woyyichaan jajjabaataa, laakkossaan heddatane.

Pheexroos Eneyaas Fayyise

32Pheexroos addee duudii adoo deddeemuu, kolbaa Waaqaa ta lafa Liidaa keessa leetu ilaaliisaaf dhufe. 33Inni achitti namicha Eneyaas jedhamu, ka nafi isaa laashoweeruu fi haga woggaa saddeetii taqee irraa ka'ee hin dandeenne tokko dhagge. 34Pheexroos, «Eneyaas, Yesuus Kiristoos si fayyisa ol ka'iitii, taqee teeti afadhu» jedhe. Yoosuma Eneyaas ol ka'ee dhaabbate. 35Kolbaan Liidaa fi Saaron keessa leetu duudiin isa dhaggitee, gara Gootta'aa deebite.

36Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi'ii afaan Giriikiitiin Dorqa'a; hiikkaan, «Buddannee» jechu'u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte. 37Yennaa san isiin dhibantee duunaan, reeffa isi'ii dhiqanee kolloo mana gubba'atti ijaarantee keessa irkisane. 38Liidaan Yophe'etti dhikoo waan teeteef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage'ane, nama lama gara isaa erganee, «Maganne'ee ariifadhuutii gara keenna koy» jedhanee kadhatane. 39Maarre Pheexroos ka'ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho'oo fi uffana Dorqaan jiru'uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa bowane. 40Pheexroos isaan duudii kollo'oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, «Xaabiitaa, ka'i!» jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette. 41Inni harka isii qabee ol kaase. Achiin duuba dhugeeffattootaa fi haadhotii hiyyeessaa duudii waamee, jirtuu isi'ii isaan duratti dhikeesse. 42Oduun tun Yophee duudii keessatti beekkante; kolbaan hedduulle Gootta'atti dhugeeffatte. 43Pheexroosille namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko woliin, guyyaa hedduu Yoophee keessa ture.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Saul's Conversion and Peter's Ministry

  • The persecutor in this chapter is called Saul, a man from Tarsus. Saul was the name he received at circumcision, his Hebrew name at home; the name Paul was probably also given to him in infancy for use in the Gentile world. Tarsus, the capital of Cilicia, a Roman province in southeast Asia Minor, stood on the river Cydnus, navigable that far, was distinguished for its wealth from trade with Mediterranean lands and central Asia Minor, and was the seat of a famous university whose schools are described as rivaling those of Athens and Alexandria.Sources: Paul · Tarsus · the Bible text itself
  • Damascus, which Saul was approaching with letters from the high priest so that he could bring men and women of the Way as prisoners to Jerusalem, is described as the most ancient of the cities of the East and the capital of Syria, about 133 miles north of Jerusalem. Ananias was sent to the house of Judas, a Jew of Damascus, on the street called Straight, a long broad street running east to west for about a mile and forming the city's principal thoroughfare, unlike the narrow and irregular streets usual in towns of the East. That street is identified with the street of bazaars, where a so-called house of Judas has been pointed out.Sources: Damascus · Straight Gate · Judas (Jew of Damascus) · the Bible text itself
  • Lydda, where Peter found Aeneas, paralyzed and bedridden for eight years, lay about nine miles east of Joppa, on the road from that seaport to Jerusalem. Joppa stood on a sandy promontory about thirty miles northwest of Jerusalem and was the chief seaport of Judea. There the disciple Tabitha is also called Dorcas, a Greek name meaning gazelle; she was known for works of kindness and charity, and the widows showed Peter the tunics and other clothing she had made.Sources: Lydda · Joppa · Dorcas · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Damascus · 33.511, 36.306 · verses 2, 3, 8, 10, 19, 22, 27
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 13, 21, 26, 28
  • Straight Street · 33.509, 36.311 · verse 11
  • Tarsus · 36.913, 34.892 · verses 11, 30
  • Caesarea · Today: Caesarea Maritima · 32.500, 34.892 · verse 30
  • Galilee · 32.760, 35.527 · verse 31
  • Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verse 31
  • Samaria · Today: Samaria 2 · 32.276, 35.195 · verse 31
  • Lod · 31.950, 34.900 · verses 32, 35, 38
  • Sharon · Today: Sharon Plain · 32.400, 34.883 · verse 35
  • Joppa · Today: Jaffa · 32.054, 34.753 · verses 36, 38, 42, 43

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.