Acts 3
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Namichi Naafi Tokko Fayye
1Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafowa saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane. 2Achi «Karra miidhadduu» jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan. 3Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka woy isaa kennanuuf kadhate. 4Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos «Ol jedhii nu ilaal» jedheen. 5Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale. 6Pheexroos ammoo, «Ani beesee hin qabu; waan qabu ammoo si'iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka'ii ideemi» jedhe. 7Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin isaa jabaatte. 8Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u'utaalaa Waaqa leellifate. 9Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane. 10Isaan inni kadhaticha karra «Miidhadduu» jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane.
Waan Pheexroos Galma Waaqaa Keessatti Dubbate
11Yennaa namichi fayye sun Pheexroosii fi Yohaannis biraa hafuu dide, gumiin duudiin jajjee gara addee «Soroo Solomoonii» jedhantuu rukkitte. 12Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, «Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?» isaaniin jedhe. 13Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxoosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxoos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane. 14Isin ammoo Yesuusii Woyyichaa fi balchichaa diddanee, ka nama ijjeese akka hiikamuuf gaafattane. 15Isin ka jiruu kennu ijjeettane; Waaqi ammoo du'aa isa kaase. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota. 16Namicha naafa te'e kanaaf hunna jabeennaa ka kenne hunna maqaa Yesuusii ti. Wonni isin dhaggitanuu fi beettanu maqaa Yesuusiititti dhugeeffatiisaan teete; akkuma isin duudiin dhaggitanu wonni isa fayyise, dhugeeffannaa inni Yesuusitti qabu.
17«Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka. 18Waaqi bara heddu'uun dura Masiihiin akka rakkattu afaan raagota maraatiin ka dubbate, karaa kanaan akka muummottu godheera. 19Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi'aatii, gara Waaqaa dacha'a'a. 20Waaqa irralle'ee barri isin itti haareffantanu hin dhufa; Waaqi masiihii dursee isiniif file Yesuus isiniif hin erga. 21Inni haga yennaan waan duuchi'ii hareffamiisaa geettutti, akkuma Waaqi karaa raagota woyyootaatiin woggaa heddu'uun dura lallabe ol-gubba'atti turuu qaba. 22Muuseen, ‹Goottaan Waaqi keessan akkuma amma na kaase, kolbaa teessan keessaa raagaa tokko isiniif hin kaasa; waan inni isinitti himu mara dhage'a'a. 23Nami raagicha san dhage'uu didu duudiin, kolbaa Waaqaa irraa adda bayee hin bada› jedheera. 24Raagoti Saamu'eliin jalqabanee ka'anee fi dubbatane duudiinuu, waan bara kanaa dubbataneeran. 25Isin sanyii raagotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‹Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa› jedhee gondoore worra dhaalu. 26Tanaaf Waaqi karaa hamaa keessan irraa deebisee isin eebbisu'uuf, tajaajilaa ifii Yesuus filee dursee isiniif erge» jedhe.

Did you know?
Healing and Preaching at the Temple
- The temple gate called Beautiful, where a man lame from birth was placed each day to beg, is named in this chapter. It is supposed to have been the door from the court of the Gentiles into the court of the women, and it was massive, covered with plates of Corinthian brass.Sources: Beautiful Gate · the Bible text itself
- After the healing, the astonished crowd ran to Peter and John in the walkway called Solomon’s Colonnade. This was a colonnade, or cloister, probably on the eastern side of the temple; it is not mentioned with the first temple, but Josephus mentions a porch of that name in Herod’s temple.Sources: Solomon's Portico · the Bible text itself
- In his address there, Peter said the people had handed Jesus over and rejected him before Pilate, although Pilate had decided to release him. A dictionary entry identifies Pontius Pilate as the sixth Roman procurator of Judea, from A.D. 26 to 36, with headquarters at Caesarea, though he frequently went up to Jerusalem; his name comes into prominent notice in connection with the trial of Jesus.Sources: Pontius Pilate · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Beautiful Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 10
- Nazareth · 32.702, 35.298 · verse 6
- Solomon’s Portico · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 11
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org