Nations Bible

Acts 28

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Phawuloos Oddoola Malaaxiya'aatitti

1Nuuti nageyaan lafa irra geenneen duuba, maqaan oddoola sanii Malaaxiyaa akka jedhamu beenne. 2Namooti oddoola sanii, waan baaseffachiisu nuu godhane; roobaa fi boojjii waan teeteef, ibidda gabbisanee nu duudii fudhatane. 3Phawuloos haasumee wolitti qabee ibiddatti yennaa kewu, buutiin takka qoraan keessaa o'a ibiddaa adoo dheettuu, harka Phawuloosii ciniinte. 4Namooti oddoola sanii, buutiin harka Phawuloosiititti rarrateertuun dhagganee, «Namichi kun nama dhiigaa ti; inni abbaayaa keessaa nageyaan bawulle, muraa Waaqaa jalaa bayee, jiru'uun le'iisa hin dandeenne» woliin jedhane. 5Phawuloos ammoo, buutii ibidda irratti hargufee buusee, adoo hin miidhamin hafe. 6Isaan, «Nafi isaa ammaa iitowa yookiin ammaa lafa dhowee du'a» jedhaa eegaaraniiyyu. Guddoo eeganeen duuba ammoo akka womaa te'aa hin jirre dhagganee, yaada ifii jijjiiranee, «Inni waaqa» jedhane.

7Bulchaan oddoolaa ka Phophlii'os jedhamu tokko, addee san biraa lafa qabaayyu; inni mana ifiititti nu fudhatee, haga guyyaa sadii akka dansaa nu keessumsiise. 8Gaafas abbaan Phophlii'osii dhukkuba nafa o'isuu fi albaasuun dhibamee irkateeraayyu. Phawuloos gara isaa ilaaliisaaf seenee, isaaf daadimatee, harka ifii isa irra keyee fayyise. 9Wonni kun teeteen duuba, worri dhibiin oddoola sanii ka dhibamane duudiin, dhufanee fayyane. 10Isaan ulfinna guddaa nu kennanee, yennaa nuuti hobolo'oon deemiisaaf kaane, waan kara'aaf nu barbaachisu mara nuu kennane.

Phawuloos Roomaa Geye

11Ji'a sadiin duuba hoboloo guddittii Iskindiriya'aa, ta ji'a gannaa lafa Maalxiya'aatitti baateen kaanee deenne; hoboloon guddittiin sunille waaqota lakku'uu ka, «Diyoosqoros» jedhamu mataa irraa qaddi. 12Qachaa Seraakusiititti gallee, guyyaa sad achi bulle. 13Achii hobolo'oon kaanee, qachaa Reegiyosii geenne. Boruyyaa bubbeen kibba irraa bubbittu waan kaateef, guyyaa lamatti gara qachaa Photiyolii dhunne. 14Qachaa sanitti dhugeeffattoota garii dhagginee, guyyaa torba isaan woliin akka turru nu gaafatane; achiin duuba gara qachaa Rooma'aa deenne. 15Dhugeeffattooti qachaa Rooma'aa keessa jiranu, dhufa teenna dhage'anee, kuun haga qachaa Aphiyosii, kuun haga addee «Bultuma sad» jedhantuu nu fudhatiisaaf dhufane. Phawuloos yennaa isaan dhagge, Waaqa galateeffatee, jajjabaate.

Phawuloos Rooma'atti

16Qachaa Rooma'aa yennaa geenne, Phawuloos lolticha isa eegu woliin qofi akka le'u eeyyamameef.

17Guyyaa sadiin duuba, Phawuloos sooreyyii Yihudootaa wolitti waansise. Yennaa isaan wolitti qabamane, «Obboleeyyan tiyya; ani kolbaa teenna irratti yookiin aadaa abbootii teennaa irratti yakkaa tokkolle adoo hin godhin, Yerusaalem keessatti hidhamee, harka worra Rooma'aatitti dabarfamee kenname. 18Worri Rooma'aa na qoranee, yakkaa du'a natti mursiittu waan dhabaneef, na hiikiisaaf barbaadane. 19Yihudooti ammoo yennaa waan kana mormane, Mootii Moototaatitti akka iyyadhu hunnaan godhame malee, kolbaa tiyya irratti himata hin qabu. 20Sababa kanaaf isin dhaggee, isin woliin dubbannuuf isin waame. Ani sababa addii kolbaa Israa'eliitiif jedhee wodaroo sibiilaa tanaan hidhameera» jedhee isaanitti dubbatte.

21Isaan deebisanee, «Lafa Yihuda'aa irraa xalayaan tokkolle marroo teetiif nuuf hin barreeffanne; yookiin kolbaan teenna ta achii dhutte oduu yookiin waan hantuu tokkolle marroo teeti hin dubbanne. 22Te'uu malee kolbaan addee duudi'itti golii dhugeeffannaa teetii tana akka mormitu hin beenna; nuuti ammoo yaada keeti dhage'uu barbaanna» jedhane.

23Maarre isaan guyyaa Phawuloos woliin wol dhagganu qabatanee, guyyaa san heddatanee addee Phawuloos jiru dhufane. Inni ganamaa jalqabee haga galgalaa marroo Mootummaa Waaqaa isaaniif dhugaa bayee, marroo Yesuusii kitaaba Muuse'eetii fi raagotaa keessaa itti himaa isaan dhugeeffachiisiisaaf wodhaane. 24Isaan keessaa gariin dubbii inni dubbate dhugeeffatane, worri kuun ammoo hin dhugeeffanne. 25Maarre isaan wolii hin galle; adoo isaan achii hin ka'in, Phawuloos dubbii takkattii tana isaanitti dubbatee, «Ayyaanni Woyyichi afaan Isaayaasii raagichaatiin abbootii teessanitti dubbatee,

26« ‹Gara kolbaa tanaa dhaqiitii:

Isin hin dhageettan hin dhageettan, ammoo hin hubattanu:

Isin hin ilaaltan hin ilaaltan, ammoo hin dhaggitanu jedhiin.

27Sababille qalbiin kolbaa tanaa dillootteerti;

gurri isaanii cuqqalameera;

ila ifiille dunuunfataneeran.

Adoo akkas hin te'inii, silaa ilti isaanii dhaggitee,

gurri isaanii dhage'ee,

qalbiin isaanii hubattee,

sila gara kiyya deebi'anee, anille isaan fayyiseeraayyu› jedhe.

28«Fayyinni Waaqaa kun worra Yihudoota hin te'iniif akka ergame beeka'a. Isaan hin dhage'an» jedhe. [ 29Phawuloos tana dubbateen duuba, worri Yihudootaa guddoo wol moromaa isa biraa deemane.]

30Phawuloos woggaa lama duudii mana kireeffate keessa tee'ee, worra isa ilaaliisaaf dhufu duudii fudhate. 31Inni sodaa malee, namuu adoo isa hin dhooggin mootummaa Waaqaa lallabaa, marroo Goottaa Yesuus Kiristoosiille barsiise.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

From Shipwreck on Malta to Rome

  • The island the travelers learned was called Malta is the Mediterranean island also known as Melita, modern Malta. Easton's Bible Dictionary (1897) says it was first colonized by Phoenicians, whom it identifies with the “barbarians” of Acts 28:2, and that the Greeks took it in 736 B.C., after which it passed to the Carthaginians. Paul and his companions remained there three months, until the stormy season had passed.Sources: Melita · Publius · the Bible text itself
  • Nearby stood an estate belonging to Publius, the chief official of the island, who welcomed the shipwrecked party and entertained them hospitably for three days. Easton's Bible Dictionary (1897) notes that some suppose the Greek word protos, rendered “chief man,” was properly a Maltese term, the official title of the governor.Sources: Publius · the Bible text itself
  • After three months they set sail in an Alexandrian ship that had wintered on the island. They stayed three days at Syracuse, on the south-east coast of Sicily, which Easton's Bible Dictionary (1897) describes as distinguished for its size and splendor; then they came to Rhegium, on the Strait of Messina, and to Puteoli, which that dictionary describes as the great port for Alexandrian grain ships, about 170 miles from Rome. From Puteoli they continued toward Rome by the Appian Way, and brothers traveled as far as the Forum of Appius and the Three Taverns to meet them.Sources: Syracuse · Rhegium · Puteoli · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Malta · 35.933, 14.412 · verse 1
  • Alexandria · 31.183, 29.896 · verse 11
  • Syracuse · 37.064, 15.293 · verse 12
  • Puteoli · Today: Pozzuoli · 40.826, 14.121 · verse 13
  • Rhegium · Today: Reggio Calabria · 38.109, 15.644 · verse 13
  • Rome · 41.892, 12.485 · verses 14, 15, 16, 30
  • Forum of Appius · Today: Forum Appii · 41.466, 12.998 · verse 15
  • Three Taverns · 41.562, 12.874 · verse 15
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 17
  • Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verse 21

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.