Acts 25
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Phawuloos Fesxoos Dura Dhikaate
1Fesxoos bulchaa te'ee guyyaa sadiin duuba, Qiisaariya'aa ka'ee gara Yerusaalemii dhaqe. 2Achitti sooreyyiin hayyootaatii fi sooreyyiin Yihudootaa, Phawuloos himatane. 3Isaan kara'atti riphanee Phawuloos akka ijjeesanu waan malataneef, isa Yerusaalemitti nuuf ergi jedhanee, Fesxoos gaafatane. 4Fesxoos deebisee, «Phawuloos Qiisaariya'atti hidhamee eegamiisatti jira; anille dafee achi deebi'aara. 5Sooressitooti teessan na woliin gara Qiisaariya'aa dhaqanee, wonni Phawuloos yakkeeru yoo jiraatte, achitti isa himatanuu ti» jedhe.
6Fesxoos guyyaa saddeeti yookiin guyyaa kudhan isaan bira bubbuleen duuba, gara Qiisaariya'aa deeme; boruyyaa barcumaa mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos dhikeessanu ajaje. 7Phawuloos yennaa dhikaate, Yihudooti Yerusaalemii dhufane isa marsanee, himata jajjabaa ka dhugaa hin qanne itti dhikeessane. 8Phawuloos ammoo, «Ani Seera Yihudootaa irratti yookiin Galma Waaqaa irratti yookiin Mootii Mootota Rooma'aa irratti yakkaa tokkolle hujee hin jiru» jedhee falmate.
9Fesxoos Yihudoota gammachiisiisaaf barbaadee, Phawuloosiin, «Gara Yerusaalemii dhaxxee, dubbii tanaaf akka ani muraa siif kennu hin feetaa?» jedhee gaafate.
10Phawuloos deebisee, «Ammumaayyuu ani addee muraa itti fudhadhu, barcumaa mura'aa ka Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbadheera. Akkuma ati miidhassitee beettu, ani Yihudoota irratti yakkaa tokkolle hin hunye. 11Ani yakkee waan du'a natti mursiittu yoo godhee jiraadhe, du'a jalaa bayiisaaf hin gaafadhu. Ammoo himati isaanii yoo dhugaa hin te'in, eennulle isaanitti dabarsee na kennuu hin dande'u. Ani amma Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha» jedhe.
12Fesxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Maarre mootichatti iyyadha eega jette, gara mootichaa hin dhaxxa» jedhee itti hime.
Phawuloos Agriipha'aa Fi Berniiqee Duratti Dhikaate
13Guyyoota diqqa'aan duuba mootichi Agriipha'aa fi Berniiqeen, Fesxoos dubbisiisaaf gara Qiisaariya'aa dhufane. 14Isaan guyyaa hedduu achi turaneen duuba, Fesxoos waan dubbii Phawuloosii mooticha Agriipha'atti issee himee, «Nami Feeliksi hidhee lakkisee deeme tokko as jira; 15ani yennaa gara Yerusaalemii dhaqe, sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isa himatanee, akka ani yakkaa isatti muru na gaafatane. 16Ani ammoo, ‹Nami himatame tokko worra isa himatu dura dhaabbatee, deebii falmataa adoo hin kennin dabarsanee kenniis, aadaa worra Rooma'aatii moti› jedhee isaanitti hime. 17Worri isa himate wolitti qabamee yennaa as dhufe, ani adoo hin turin, boruyyaa barcumaa kora mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos na duratti dhikeessanu ajaje. 18Worri isa himatu isa himatiisaaf yennaa bira dhaabbatane, inni waan hantuu hujeera jedhee akka ani yaadetti, isaan waan himataan isa gewu tokkolle hin dhikeessine. 19Moromaan isaan isa woliin qabanu marroo dhugeeffannaa ifiitii fi marroo Yesuusii du'eeru, ka Phawuloos ammoo, ‹Jiraata'a› jedhuu ti. 20Ani dubbii tana akka itti qorqoru wollaalee, Phawuloosiin, ‹Gara Yerusaalemii dhaxxee, achitti dubbii tanaaf muraa dhaggatuu feetaa› jedhee isa gaafadhe. 21Phawuloos ammoo, dubbii tana Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha waan jedheef, ani haga achii isa ergutti, mana hidha'aa keessa akka inni turu ajaje» jedhe.
22Agriiphaan Fesxoosiin, «Aninuu dubbii namicha kanaa dhage'uu barbaada» jedheen. Fesxoos, «Boru isa dhageetta» jedhe.
23Boruyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen, uffana mootummaa ifii uffatanee, ulfinna gudda'aan dhufanee, sooressitoota loltootaatii fi jaarsolee qacha'aa woliin, mana muraa itti kennanu ol seenane. Ajaja Feesxoosiitiin, Phawuloos ol seensisane. 24Fesxoos, «Mootii Agriipha'a! Isinille worra nu woliin as jirtanu duudiin keessan! Namichi isin dhaggitanu kun, jiraatu'uuf hin malle jedhanee, kolbaan Yihudootaa duudiin Yerusaalemii fi asille'etti natti iyyataneeran. 25Ani ammoo yakkaa du'aan isa geessittu tokkolle hin dhaggine. Ammoo waan inni Mootii Moototaa, ka Rooma'aatitti iyyadha jedheef, achi isa ergiisaaf murteeffadheera. 26Te'uu malee goottaa kiyyaaf barreessiisaaf, waan namicha kanaa waan mirkanaaye hin qabu. Tanaaf isin duudii duraa fi keessattuu si'i mooticha Agriiphaa duratti, isa qorqoreen duuba marroo isaa waan barreessu akka qabaadhu, isa asi fideera. 27Namaa hidhame tokko, waan inni itti himatame adoo hin qulleessin, Mootii Mootota Rooma'aatitti ergiisii, sirrii natti hin fakkaattu» jedhe.

Did you know?
Paul's Appeal to Caesar
- Caesarea, on the Mediterranean about seventy miles northwest of Jerusalem, was the capital of the Roman province of Judaea and the seat of the procurators. Herod the Great built it and named it after Caesar Augustus, and Festus sat on the judgment seat there; going up to Jerusalem and down to Caesarea follows the road between that coastal capital and the mountain city.Sources: Caesarea · Jerusalem · the Bible text itself
- Easton's Bible Dictionary (1897) identifies Festus as the procurator of Judea who succeeded Felix; a few weeks after Festus took office, the case of Paul, whom Felix had left in prison at Caesarea, was reported to him. The same dictionary says he found nothing worthy of death or bonds and would have set Paul free had Paul not appealed to Caesar; after the appeal, Festus conferred with his council and replied that Paul would go to Caesar.Sources: Portius Festus · Felix · the Bible text itself
- Agrippa II, born in Rome and brother of Bernice, was made superintendent of the Temple in Jerusalem by the emperor Claudius and later king over the tetrarchy of Philip and Lysanias. He and Bernice came down to Caesarea to pay their respects to Festus, who, at a loss over disputes about the Jews’ own religion and about a Jesus whom Paul affirmed to be alive, brought Paul before the king so he would have definite charges to write to the emperor.Sources: Agrippa · Bernice · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Caesarea · Today: Caesarea Maritima · 32.500, 34.892 · verses 1, 4, 6, 13, 24
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 3, 7, 9, 15, 20, 24
- Rome · 41.892, 12.485 · verses 25, 27
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org