Nations Bible

Acts 16

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ximootewoos Phawuloosii Fi Siilaas Woliin Deeme

1Phawuloos gara qachaa Derbe'ee dhaqee, qachaa Lisxira'aatitti dabare. Achi dhugeeffataan Ximootewoos jedhamu tokko jiraayyu. Haati isaa Yihudittii kiristaana teeteertu; abbaan isaa ammoo nama Giriiki'ii ti. 2Ximootewoos dhugeeffattoota qachaa Lisxira'aatii fi Inqoniiyum keessa jiranu duudii biratti gurra dansaa qabaayyu. 3Phawuloos akka Ximootewoos isa faana deemu waan barbaadeef, haqanqabaa isa qabe. Sababille Yihudooti achi jiranu duudiin abbaan Ximootewoosii Giriikii akka te'e waan beekaneef tana godhe. 4Isaan qachoota keessa yennaa dabaranu, murtee ergantootaa fi jaarsoleen Yerusaalem keessatti muraneef dhugeeffattooti akka ajajamanu itti himane. 5Maarre wolde'ooti Kiristaanaa dhugeeffanna'aan jajjabaatanee, guyyuma guyya'aan laakkossaan heddatane.

Phawuloos Namicha Lafa Meqedooniya'aa Yaadaan Dhagge

6Phawuloosii fi Siilaas lafa Asiya'aatitti Jecha Waaqaa akka hin lallanne Ayyaanni Woyyichi waan dhooggeef lafa Firiigiya'aatii fi Galaatiya'aa keessa dabaranee deemane. 7Yennaa fuullee lafa Misiyaasii geyane godina lafa Bitaaniya'aa, dhaqiisaaf wodhaanane. Ayyaanni Yesuusii ammoo isaaniif hin eeyyanne. 8Maarre isaan lafa Misiyaasii keessa dabaranee, gara Xiiroosii gad bu'ane. 9Halkan san namichi lafa Meqedooniya'aa tokko dhaabbatee, «Gara lafa Meqedooniya'aa koyiitii nu qarqaar» jedhuun Phawuloos yaadaan dhagge. 10Phawuloos waan kana yaadaan dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya'aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf qophoonne.

Liidiyaan Gootta'atti Dhugeeffatte

11Qachaa Xiiroosiitii hoboloo gudditti'iin kaanee, adoo asii achi hin gorin gara oddoola Samotiraaqe'ee dhandhee, boruyyaa gara qachaa Ne'apholiisitti dabarre. 12Achille'ee qachaa Filiphisiiyuusii geenne; qachaan Filiphisiiyuusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma'aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle. 13Guyyaa Sanbataa karra qacha'aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertu Jecha Waaqaa barsiinne. 14Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira'aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo'oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi'ii bane. 15Isi'ii fi worri mana isi'ii keessa jiru cuuphameen duuba, «Akka ani Gootta'atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te'e, mana kiyya kowa'aa tura'a» jettee jabeessitee kadhatte.

Phawuloosii Fi Siilaas Hidhamane

16Gaafa tokko gara addee daadimanna'aa adoo deennuu, durrittii garbittii ayyaana hamaa waan gara duraa morsiisu qaddu takkaan woldeenne; isiin moriisaan goottota ifiitiif beesee hedduu galchaa turte. 17Isiin, «Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-aana'aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban» jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte. 18Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyaanni sun isii keessaa akka bawuuf, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja» jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye. 19Goottoti isi'ii, addiin beesee isaan dhaggatanuu akka irraa hatte yennaa hubatane, Phawuloosii fi Siilaas qabanee harkisaa gara badhinna dikko'oo fidanee, worra baallii qabu dura dhikeessane. 20Qondaaltota worra Rooma'aa duratti isaan fidanee, «Jarri tun Yihudoota; isaan qachaa keenna raasiisatti jiran. 21Isaan aadaa nu worri Rooma'aa fudhatiisaaf yookiin hujiisaaf seeraan ala te'e nu barsiisan» jedhane. 22Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate.

Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule'een dikamanu ajajje. 23Akka malee dikamaneen duuba gara mana hidha'aa galchisiisane; achitti jabeessee akka isaan eeguuf, eeddicha mana hidha'aa ajajane. 24Eeddichi ajaja kana fudhateen duuba, kolloo mana hidha'aa ta keessaatitti isaan galchee, miila isaanii jirma ulfaataa lama wodhakka'atti jabeessee hidhe.

25Gara halkan wodhakka'aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna'aa fi faaru'uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu. 26Dedhuma haga hundeen mana hidha'aa raafantutti tacho'i lafaa guddaan te'e; balbalti duudiin takkumaan banante; wodaroon sibiilaa namoota hidhamane duudii irraa hiikante. 27Namichi mana hidha'aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha'aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf shallaagaa buqqifate. 28Phawuloos ammoo qoonqoo guddo'oon, «Nu martinuu waan as jirruuf, woy ifi hin godhin» jedhaa itti iyye.

29Yennaa kana namichi mana hidha'aa eegu, ifa fichisiifatee gara mana hidha'aa ol seenee, rorommaa miila Phawuloosiitii fi Siilaasititti jige. 30Achiin duuba inni isaan gad yaasee, «Goottota tiyya! Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?» jedhe.

31Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane. 32Achiin duuba Jecha Waaqaa isaa fi worra mana isaa keessa jiru duudi'iif himane. 33Halkan saatuma sanitti, namichi mana hidha'aa eegu isaan fuudhee madaa isaanii dhiqe; yoma san innii fi worri mana isaa duudiille cuuphame. 34Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane.

35Boruyyaa ganama qondaaltoti worra Rooma'aa, «Jara san gad dhiisi!» jedhanee namicha mana hidha'aa eegutti akka himanuuf Poolisoota itti ergane.

36Maarre namichi mana hidha'aa eegu, «Qondaaltoti worra Rooma'aa akka isin gad lakkifantanu nutti erganeeran; tanaaf gad baya'aatii nageyaan deema'a» jedhee Phawuloositti hime.

37Phawuloos ammoo, «Jarri tun nuuti worra Rooma'aa teenee adoo jirruu, adoo yakkaan nu'utti hin muramin kolbaa duratti nu dhaananee, mana hidha'aatitti nu galchane; amma ammoo dhossa'aan gad nu baasanii? Tun hin teetu! Isaanuu dhufanee nu baasanuu ti» jedhe.

38Poolisooti waan kana qondaaltota worra Rooma'aatitti himane; qondaaltoti worra Rooma'aalle Phawuloosii fi Siilaas worra Rooma'aa akka te'ane yennaa dhage'ane sodaatane. 39Tanaaf dhufanee araara isaan gaafatanee, mana hidha'aa keessaa isaan baasane; qachaa keessalle'ee akka bayanuuf kadhatane. 40Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha'aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya'aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka'anee deemane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

From Lystra to Philippi

  • At Lystra, Paul met Timothy, a disciple of whom the brothers in Lystra and Iconium spoke well, the son of a believing Jewish woman and a Greek father. Wanting him as a companion, Paul had him circumcised on account of the Jews there, who knew that his father was Greek. Easton's Bible Dictionary (1897) says Timothy probably lived in Lystra and seems to have been converted during Paul's earlier visit.Sources: the Bible text itself · Timotheus
  • After being kept from speaking in the province of Asia, Paul and his companions traveled through Phrygia and Galatia. At the border of Mysia they were not permitted to enter Bithynia, so they went down to Troas, Mysia's chief port on the northwest coast of Asia Minor, a city named for ancient Troy about four miles to the north. There a night vision of a man of Macedonia pleading for help led them to sail to that Roman province north of Greece.Sources: the Bible text itself · Mysia · Troas · Macedonia
  • In the Roman colony of Philippi, Paul and his companions found a customary place of prayer by the river outside the city gate, where women had gathered. Among them was Lydia, a dealer in purple cloth from Thyatira and a worshiper of God; after she and her household were baptized, she persuaded the travelers to stay at her house. Easton's Bible Dictionary (1897) describes her as a proselyte of considerable wealth and as the first person in Europe to embrace Christianity.Sources: the Bible text itself · Lydia

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Lystra · Today: Tel Lystra · 37.602, 32.338 · verses 1, 2
  • Iconium · Today: Konya · 37.872, 32.492 · verse 2
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 4
  • Asia · 38.400, 28.300 · verse 6
  • Galatia · 39.267, 32.983 · verse 6
  • Phrygia · 39.000, 31.000 · verse 6
  • Bithynia · 40.500, 31.000 · verse 7
  • Mysia · 40.000, 28.500 · verses 7, 8
  • Troas · Today: Alexandria Troas · 39.752, 26.159 · verses 8, 11
  • Greece · 37.972, 23.727 · verse 9
  • Macedonia · 41.600, 22.540 · verses 9, 10, 12
  • Neapolis · Today: Kavala · 40.935, 24.415 · verse 11
  • Samothrace · Today: Samothraki · 40.450, 25.583 · verse 11
  • Philippi · 41.012, 24.285 · verse 12
  • Thyatira · Today: Akhisar · 38.920, 27.837 · verse 14

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.