Nations Bible

2 Samuel 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1Lolli mootummaa Daawitiitii fi mootummaa Saa'olii wodhakkaa jiru yennaa bacaa ture; mootummaan Daawiti ittuma jabaataa deentee mootummaan Saa'olii ittuma dadhabaa deente.

Ilmaan Daawitii

2Daawiti Kebroon keessatti ilmaan jaa uumate; ilmi angafichi Amnoon ka Ahiino'aamiin Yizre'elittiin deette, 3ka lammeesso'oo Kiile'aab ka niitiin Naabaalii nami biyya Qarmelosii irraa du'e, Abigaayil deette, Ka sadeesso'oo Abiishaalom ka intalti Talmaayii mootii Geshuurii Ma'akaan deette, 4ka arfeesso'oo Adoniyaa ka Haagiiti deette, ka shaneesso'oo Shefaaxiyaa ka Abiixaal deette, 5ka jayeesso'oo Yiite'aam ta niitiin Daawitii Eglaan deette; Daawiti isaan kana qachaa Kebroonii keessatti uumate.

Abneer Daawiti Woliin wolii Gale

6Mootummaa Saa'oliitii fi mootummaa Daawitii wodhakkaa lolli yennaa jiru, Abneer mootummaa Saa'olii irratti hunna ifii jabeeffataa ture.

7Saa'ol gursumeettii Riizphaa intala Ayyaa qabaayyu; Ish-bosheet Abneeriin, «Ati gursumeettii abbaa kiyyaa woliin maaf ratte?» jedhee gaafate. 8Abneer dubbii Ish-bosheet isatti dubatte kanaaf guddoo aaree, «Ani ka Yihuda'aaf golu nama saricha woy hin baane seetaa? Ani haga adhaa abbaa keeti Saa'oliif, mootummaa isaatiif, fira isaatille'eef addatamummaa qaba; si'ille harka Daawitiititti dabarsee hin kennine; ati ammoo cubbuu ani dubartittii tana woliin hujeef na himattaa? 9Waadaa Mootiin Waan Maraa Daawitiif gale yoo ani hin muummessin Waaqi na balleessuu ti; ta tana caaltelle natti fiduu ti! 10Mootummaan Sanyii Saa'olii irraa fuudhantee, Daawititti akka dabartu barcumaan mootummaa Daawitiille Daanii jalqabee haga Bersheeba'aatitti Yihuda'aa fi Israa'el irratti dhaabbatuu ti» jedhe. 11Ish-Bosheet waan Abneer sodaateef dubbii tokkolle isatti hin dubbanne.

12Achiin duuba Abneer namoota Daawititti ergee, «Lafa tana eentu bulcha? Ati wolii galtee na woliin godhadhu; Israa'elooti marti gara keeti akka deebitu ani si hin qarqaara» jedhe.

13Daawitille, «Dansa'a! Ani wolii galtee si woliin hin godhadha; ammoo waan tokko si irraa barbaada; gara kiyya yennaa dhuttu, intala Saa'olii Mikaal yoo hin fidin, na bira hin dhufin» jedhe. 14Achiin duuba Daawiti namoota gara Ish-Bosheetii ergee, «Niitii tiyya Mikaal ta ani fuudhiisaaf, Filisxeemota dhibba tokko yakkadhee shoggoraa isaanii maraa isi'ii kenne, naaf galchi» jedhe. 15Maarre Ish-bosheet namoota ergee, Mikaal abbaa manaa isi'ii ilma Laa'iishii Phalaati'el jalaa fuudhe. 16Abbaan manaa isi'ii haga qachaa Bahurii bowaa isii gula deeme; achiin duuba Abneer isaan, «Gara mana keetii deebi'i!» jedhe; maarre innille deebi'e.

17Abneer jaarsolee Israa'elootaa woliin mari'atee, «Isin kanaan qara Daawiti mootii akka isiniif te'u barbaadaneertaniiyyu; 18Mootiin Waan Maraa, ‹Karaa tajaajilaa kiyya Daawitiitiin kolbaa tiyya Israa'el harka Filisxeemotaatii fi harka diinota isaanii jalaa hin baasa› jedhee, waadaa waan galeef, tana ammumaa godha'a» jedhe. 19Abneerille kolbaa Beniyaaminiititti tanuma hime; achiin duuba inni Israa'elii fi sanyiin Beniyaaminii waan godhiisaaf barbaadane mara Daawititti himiisaaf gara Kebroonii dhaqe.

20Abneer namoota diddama woliin gara Daawitii Kebroon yennaa dhufe, Daawiti Abneerii fi namoota isa woliin jiranuuf areertii qopheesse. 21Achiin duuba Abneer Daawitiin, «Si woliin akka gondooroo godhatanu, atille waan fedhii keetii mara akka bulchitu, dafee dhaqee goottaa kiyya mootichaaf, Israa'eloota mara wolitti qaba» jedhe; maarre Daawiti Abneer geegessee, innille nageyaan deeme.

Yo'aab Abneer Ijjeese

22Namooti Daawitiitii fi namooti Abneerii yennuma san boojuu bacaa fudhatanee duula irraa deebi'ane; Daawiti nageyaan waan isa geegesseeruuf, Abneer Kebroon keessa hin jiruuyyu. 23Yo'aabii fi loltooti isa woliin jiranu marti achi yennaa geyane, ilmi Neerii Abneer gara mootichaa akka dhufe, mootichille isa geegesseen inni nageyaan akka deeme Yo'aabitti himane. 24Maarre Yo'aab gara mootichaa dhaqee, «Wonni ati goote kun maan? Ilaa, Abneer gara keeti dhufeeruun maaf akka inni deemu goote? 25Ati ilma Neerii Abneer hin beetta; inni si sobee bayaa fi gala keeti beekee, waan ati huju mara dooyiisaaf dhufe» jedhe.

26Achiin duuba Yo'aab Daawiti biraa deemee, Abneer akka fidanuuf namoota erge; namootille baleessa, «Siiraa» jedhamu biratti dhaqqabanee isa deebisane; Daawiti ammoo waan kana hin beenne. 27Abneer gara Kebroonii yennaa deebi'e, Yo'aab qofuu isa dubbisuu akka barbaadee gara karraa isa geesse; achitti haluu dhiiga obboleessa ifii Asaahelii bayiisaaf gadhaa isaa woraanee ijjeese. 28Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, «Marroo dhiiga Abneerii ilma Neeriitiif ani fi mootummaan tiyya Mootii Waan Maraa duratti haga bara baraa yakkaa hin qannu; 29dhiigi Abneerii kun matuma isaatii fi sanyii abbaa isaa irratti te'uu ti; nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u yookiin nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu yookiin nami naafate yookiin nami shallaaga'aan du'u yookiin nami sagalee hin qanne sanyii Yo'aabii keessaa hin dhabamin» jedhe. 30Abneer lola Giibe'onii keessatti obboleessa isaanii Asaahel waan ijjeeseef obboleeyyan isaa Yo'aabii fi Asiishaay isa ijjeesane.

31Achiin duuba Daawiti Yo'aabii fi namoota isa woliin jiranu maraan, «Woyaa teessan tarsaasa'aatii, woyaa gaddaa uffadha'aa, bowaa reeffa Abneeriitiin dura deema'a» jedhe; mootichi Daawitille guyyaa awwaalaa raree reeffa Abneerii gula deeme. 32Isaan Abneer Kebroonitti awwaalane; mootichille addee awwaala Abneerii biratti qoonqoo ifii ol qabatee bowe; kolbaalle martinuu bowane. 33Mootichi Abneeriif faaruu gaddaa faarsee,

«Abneer akka nama gatii hin qannee

du'uutii ree?

34Harki keeti hin hidhanne;

miilli keetille

wodaroo sibiilaatiin hin hidhanne;

ati akka nama namoota hamoolee duratti du'uu duute» jedhee faarfate.

Kolbaan martinuu ammalle isaaf bootte.

35Achiin duuba kolbaan marti gara Daawitii dhuttee akka inni sagalee nyaatuuf kadhatte; Daawiti ammoo, «Haga aduun seentutti daabboo yookiin woy afaaniin yoo qabe, Waaqi na ijjeesuu ti» jedhee kakate. 36Kolbaan marti tana yaadattee, itti gammadde; wonni mootichi godhe marti isaan gammachiise. 37Maarre guyyaa san kolbaan marti, Israa'elootille martinuu ijjeefamiisa Abneerii ilma Neerii mootichi akka keessa hin jirre beekane. 38Achiin duuba mootichi kolbaa ifiitiin, «Guyyaa adhaa qondaalli nami guddaan Israa'el keessatti akka du'e hin beennee? 39Ani adha mootii muudame te'ulle, nama dadhaba'a; ilmaan Zeruyaan deettee na irratti jabaatteerti; worra hantuu huju akkuma hujii isaaniititti, Mootiin Waan Maraa isaan adabuu ti» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Abner's Defection and Death

  • When Abner broke ties with Ish-bosheth, he pledged to unite the entire realm under David from Dan to Beersheba. This geographical phrase was the traditional way to describe the whole Promised Land, spanning approximately 144 miles from its northernmost region to its southern boundary.Sources: the Bible text itself · Beersheba · Dan
  • Before concluding a covenant with Abner, David required the return of Saul's daughter Michal, who had been given in marriage to Paltiel after David fled from Saul. Reclaiming Michal reinforced David's lawful marriage and preserved his political and dynastic link to the house of Saul.Sources: the Bible text itself · Michal
  • Joab murdered Abner in the gateway of Hebron as blood vengeance for his brother Asahel, whom Abner had slain during the battle at Gibeon. To prove to Israel that he had no part in the assassination, King David publicly mourned, composed a funeral lament, and fasted until sunset.Sources: the Bible text itself · Joab · Asahel · Hebron

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Hebron · Today: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · verses 2, 5, 12, 19, 20, 22, 27, 32
  • Geshur · 32.767, 35.700 · verse 3
  • Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verse 10
  • Gibeon · Today: El Jib · 31.847, 35.183 · verse 30

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.