2 Samuel 24
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daawiti Loltoota Laakkossiise
1Ammalle aariin Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti bobeettee, «Dhaqiitii kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa laakkow» jedhee Daawiti isaan irratti kaase.
2Maarre mootichi Daawiti Yo'aabii fi ajajjoota loltootaa ka isa woliin jiranuun, «Ani laakkossa namoota kiyyaa akka beeku gosa Israa'elii mara keessa deema'aatii Bersheeba'aa haga Daaniititti Israa'eloota laakkowa'a» jedhe.
3Yo'aab ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii dachaa dhibba baceessuu ti; ilti goottaa kiyya mootichaalle tana dhaggituu ti; garuu goottaan kiyya mootichi maaf waan akkasii kana godhuu barbaade?» jedhe.
4Te'uu malee ajaji mootichaa Yo'aabii fi ajajaa loltootaa irratti jabaate; maarre Yo'aabii fi ajajaan loltootaa kolbaa Israa'elii laakkowiisaaf mooticha biraa bayane.
5Isaan laga Yordaanosii gamatti bu'anee bayaneen duuba, qachaa Aro'erii gara kibbaatiin qubatanee, karaa Gaadiitiin gara qachaa Yaazerii deemane. 6Isaan achii ka'anee gara Giil'aadiitii fi gara lafa Heetotaa Qaadesh keessa dabaranee gara qachaa Daan Yaa'aanii deemane, Daanii ka'anee marfatanee gara qachaa Sidoonii deemane. 7Achiin duuba gara kushee Xiiroosii, gara qachoota Hiiwotaatii fi gara qachoota Kana'aanotaa mara deemane. Dhuma irratti gara qachaa Bersheebaa ka biyya Yihuda'aa keessa gara kibbaatitti dhaggamuu deemane. 8Maarre isaan lafa mara keessa deddeemanee ji'a sagalii fi bulii diddamaan duuba gara Yerusaalemii deebi'ane. 9Yo'aab laakkossa kolba'aa mootichatti hime; Israa'el keessa namoota kuma dhibba saddeeti, Yihudaa keessalle namoota kuma dhibba shan worra shallaaga'aan loluu dande'utti jiraayyu. 10Te'uu malee Daawiti kolbaa laakkoween duuba gadhaan hammaatee, Mootii Waan Maraatiin, «Ani gowwumma'aan cubbuu guddoo akkasii waan godheef, cubbuu ana tajaajilaa keetii akka araarantuuf, si gaafadha» jedhe. 11Daawiti ganamaan yennaa ka'e, jechi Mootii Waan Maraa gara Gaadii raagichaa ka Daawitiif mudhii dhagguu dhufee, 12«Gara Daawitii dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani filannoo sad si'iif hin kenna; isaan keessaa ka ani sitti fidu tokko filadhu siin jedha› jedhii itti himi» jedhe. 13Maarre Gaadi gara Daawitii dhaqee isaan, «Beelti woggaa sadii lafa teeti irratti dhutte woyya moo? Yookiin diinni keeti si ari'anuun ji'a sad isaan duraa baqattu woyya moo? Yookiin balaa guyyaa sadii lafa teeti irratti fidu sii woyya? Amma tana irratti yaadadhuutii ka na ergeef deebii akka kennu murteeffadhu» jedhe. 14Daawitille Gaadiin, «Ani rakkinna guddaa keessa jira. Ani harka namootaatiin adabamuu manna, marartiin Mootiin Waan Maraa guddoo waan teeteef, harka Mootii Waan Maraatiin adabamu naaf woyya» jedhe. 15Maarre Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti balaa buusee, ganama sanii kaasee haga guyyaa murteeffameetitti Daanii haga Bersheeba'aatitti namooti kum torbaatam dhumatane. 16Yennaa ergamaan Waaqaa Yerusaalem balleessiisaaf harka ifii diriirse, Mootiin Waan Maraa marroo badii sanii gaddee, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu. 17Daawiti ergamaa Waaqaa ka kolbaa fixiisatti jiru san yennaa dhagge, Mootii Waan Maraatiin, «Kunoo, nami cubbuu huje ka dokonkorelle ana; kolbaan tun ammoo akka hoole'ee ti; isaan maan godhane? Addabbiin teeti anaa fi maatii abbaa kiyyaa irratti teetuu ti» jedhe.
Daawiti Addee ciinca'aa Ijaare
18Guyyaa san Gaad gara Daawitii dhaqee isaan, «Ka'iitii eeddummee Ornaa Yibusichaa irratti Mootii Waan Maraatiif addee ciinca'aa ijaari» jedhe. 19Maarre Daawitille akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Gaadiitiin isa ajaje godhe. 20Orna yennaa ilaalu mootichii fi namooti isaa gara isaa dhufiisatti jiranuun dhaggee, gad bayee fuula mootichaa duratti gad lafatti gombifame. 21Orna, «Goottaan kiyya mootichi gara tajaajilaa ifii maaf dhufe?» jedhee gaafate. Daawiti deebisee, «Balaan kolbaa irratti bu'e kun akka dhaabbatu, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa ijaariisaaf, eeddummee teeti bitatiisaaf dhufe» jedhe. 22Orna Daawitiin, «Kennansa gubamu dhikeessiisaaf qotiyyooti kunoo ti; qoraaniifille waanjoon qotiyyootaatii fi uleen midhaaniin dhowanu kunoo ti; goottaan kiyya mootichi waanuma isatti tole fuudhee kennansa gubamu dhikeessuu ti; 23ee, mooticha ani Orna waan kana mara si'iif hin kenna» jedhe. Itti dabalee Orna mootichaan, «Mootiin Waan Maraa kennansa gubamu sirraa fudhatuu ti» jedhe. 24Mootichi ammoo deebisee Ornaaniin, «Waawwo'o; ani gatii si'iif hin kaffala; waan gatii hin kaffalin Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf kennansa gubamu hin dhikeessu» jedhe.
Maarre Daawiti eeddumme'ee fi qotiyyoo beesee meeti'ii dhibba jaan bitate. 25Daawiti achitti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesse. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata marroo lafaatiif daadimatane dhage'ee, balaan Israa'el irratti bu'e dhaabbate.

Did you know?
The Census, the Plague, and the Altar
- The phrase "from Dan to Beersheba" was a traditional way of designating the entirety of the Promised Land, spanning about 144 miles from Dan in the far north to Beersheba in the south. Joab and the military commanders spent nine months and twenty days traversing both sides of the Jordan River to complete the census.Sources: Beersheba · the Bible text itself
- Gad, known as "the king's seer," served as a prophet during David's reign after joining him earlier during his fugitive years. Gad delivered God's three choices of discipline to David and subsequently instructed the king to erect an altar on Araunah's threshing floor.Sources: Gad · the Bible text itself
- David purchased the threshing floor, oxen, and wood from Araunah (also called Ornan) the Jebusite, insisting on paying the full price because he refused to offer sacrifices that cost him nothing. Situated on Mount Moriah, this threshing floor became the site where Solomon later built the temple.Sources: Ornan · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verses 2, 6, 15
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 5
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 6
- Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 6
- Negeb · 31.245, 34.841 · verse 7
- Tyre · 33.271, 35.196 · verse 7
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 8, 16
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org