2 Samuel 21
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Namooti Giibe'onii Haluu Bayane
1Bara bulchiinsa Daawitii haga woggaa sadii beelti buute; maarre Daawiti marroo waan kanaa Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle, «Saa'ol namoota Giibe'onii ijjeesee, innii fi maatiin isaa worra dhiigaa waan te'aneef tun teete» jedhe. 2Mootichi Daawiti worra Giibe'onii waame; worri Giibe'onii worra Amoorota keessaa lubbu'uun hafe malee sanyii Israa'elootaatii moti; Israa'elooti isaan eegiisaaf kakatanulle, Saa'ol kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aatiifille hinaaffaa waan qabuuf isaan mara balleessiisaaf barbaade. 3Daawiti, «Maan isiniif godha? Kolbaa Mootii Waan Maraa tana akka eebbittanuuf qodha maan isiniif kenna» jedhee isaan gaafate.
4Namooti Giibe'onii deebisanee isaan, «Nuuti Saa'olii fi maatii Saa'olii irraa meetii yookiin worqii fudhatiisa yookiin Israa'eloota keessaa eennulle ijjeesiisaaf mirga hin qannu» jedhane.
Innille, «Maan akka isiniif godhu barbaaddan ree?» jedhee isaan gaafate.
5Isaan deebisanee mootichaan, «Saa'ol nu mara balleessee, biyya Israa'elii keessatti addee akka hin qabaanne mala nu irratti dhoweeraayyu, 6maarre sanyii isaa keessaa ilmaan dhiiraa torba harka keennatti dabarsii kenni; nuutille biyya Saa'olii ka Mootiin Waan Maraa filate keessatti, Mootii Waan Maraa duratti isaan ijjeennee hin fanninna» jedhane.
Maarre mootichille, «Isaan harka keessanitti dabarsee hin kenna» jedhe.
7Te'uu malee Daawitii fi ilmi Saa'olii Yonaataan maqaa Mootii Waan Maraatiin woliif waan kakataneef, mootichi Daawiti akaakoo Saa'olii ilma Yonaataanii Mefii-Bosheet du'a irraa hambure. 8Mootichi ammoo ilmaan lamaan Armonii fi Mefii-Bodheet ta intalti Ayyaa Riizphaan Saa'oliif deette, ilmaan dhiiraa shan ta intalti Saa'olii Meraab, ilma Baarzilaayii Meholaatichaa Adrii'eliif deettelle fuudhee, 9harka worra Giibe'oniititti dabarsee kenne; isaanille isaan ijjeesanee kooba irratti Mootii Waan Maraa duratti fannisane; isaan torbaanuu yennuma tokko du'ane; isaan ji'a birra'aa yennaa garbuun haamamuu jalqabu ijjeefamane.
10Intalti Ayyaa Riizphaan woyaa gaddaa fuutee, addee reeffi worra ijjeefame jiru bira rassaa irratti afatte; yennaa haammaa midhaaniitii jalqaddee haga bokkeenni ol-gubba'aa reeffa ilmaan isi'ii irratti roobutti achi turte; isiin guyyaa allaatiin, halkan bineensi reeffa isaanii akka hin geenne dhooggite.
11Intalti Ayyaa Riizphaan gursumeettiin Saa'olii waan goote kana yennaa Daawititti himane, 12inni dhaqee lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii worra Yaabesh-Giil'aadii irraa fuudhe; worri Filisxeemotaa kooba Giilbo'aa irratti Saa'ol ijjeesaneen duuba addee isaan reeffa isaanii fannisane, badhinna Bet-Shaanii keessaa worri Yaabeshii lafee isaanii dhossa'aan fudhataneeraniiyyu. 13Daawitille lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii achii fide; lafee ilmaan Saa'olii torbaa ka worra ijjeefamanee fannifamane saniille wolitti qabane. 14Lafee Saa'oliitii fi lafee Yonaataanii ilma isaa, biyya Beniyaamii addee, «Zelaa» jedhantutti addee awwaala Qiishii abbaa Saa'olii keessatti awwaalane; isaan waan mootichi ajaje mara godhane; achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata kolbaan marroo lafaatiif daadimatte dhage'e.
Lola Filisxeemota Irratti Ka'e
15Filisxeemotaa fi Israa'elii wodhakkaa ammalle lolli ka'e; Daawiti namoota ifii woliin Filisxeemota loliisaaf dhaqee, adoo loliisatti jiranuu Daawiti dadhabe. 16Sanyii Refaa'otaa keessaa Ishibii-Benoob, eboo sageettuu irraa hujante ta kiiloogiraama sadii fi wodhakka'aa qabatee, shallaagaa haareya hidhate tokko Daawiti ijjeesiisaaf barbaade. 17Ilmi Zeruyaan deette Abiishaayi ammoo Daawiti qarqaariisaaf dhufee, Filisxeemicha san ijjeese; achiin duuba namooti Daawitii, «Ati nami Israa'eliif issaa teete akka hin banne, haganaa achi nu woliin hin duulin» jedhanee kakatane.
18Achiin duuba addee, «Gob» jedhantutti Filisxeemota woliin lolli dhibiin ka'e; yennaa san Siibekaayiin Hushaatichi nama sanyii Refaa'otaa keessaa Saaf ijjeese.
19Lola dhibii Gob keessatti ka'een Filisxeemota woliin wol lolane keessatti, ilmi Yaa'aree-Oreegiimii Betlihemichaa Elhaanaan, nama biyya Gaatii, Goliyaad ta somey eboo isaa akka muka worri woyaa dhowu woyaa itti maratuu qabateeru ijjeese.
20Gaati keessatti ammalle lolli dhibiin ka'e; achi keessa nami guddaan ka harkaa fi miila tokko tokko irrattuu quba jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu; innille nama sanyii Refaa'otaa ti. 21Namichi kun yennaa Israa'elootatti murgu, obboleessi Daawitii ilmi Shimi'aa Yonaataan isa ijjeese.
22Worri ijjeefame kun arfanuu Gaati keessatti sanyii Refaa'otaa ti; isaanille Daawitii fi loltoota isaatiin ijjeefamane.
Did you know?
The Gibeonites and Battles with Giants
- A three-year famine prompted David to seek an inquiry, revealing that Saul had violated Israel's oath to the Gibeonites, a surviving Amorite group. To make amends, seven of Saul's male descendants were surrendered and executed at Gibeah. Rizpah, Saul's concubine, kept a solitary vigil over the exposed bodies on a rock, protecting them from birds and beasts until rains fell.Sources: the Bible text itself · Rizpah · Gibeah
- During later engagements with the Philistines at Gob and Gath, an aging David grew exhausted in combat, prompting his soldiers to forbid him from returning to the battlefield. David's warriors subsequently defeated four formidable Philistine fighters descended from Rapha, including men of large stature and great weapons.Sources: the Bible text itself · the giant in Gath · Gob · Gath
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Gibeon · Today: El Jib · 31.847, 35.183 · verse 9
- Mount Gilboa · 32.434, 35.414 · verse 12
- Bethlehem · 31.704, 35.208 · verse 19
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org