2 Samuel 16
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daawitii Fi Ziibaa
1Daawiti qaccee gaaraa irra haga diqqoo yennaa deeme, Ziibaan tajaajilaan Mefii-Bosheetii daabboo dhibba lama, xaltaa midhaan woyni'ii dhibba tokko, xaltaa midhaan harru'uu dhibba tokko fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko harreelee lamatti fe'ee, isa fudhatiisaaf dhufe. 2Mootichi Daawiti, «Kana mara maaf fidde?» jedhee Ziibaa gaafate.
Ziibaan deebisee, «Harreelee, maatiin mootichaa akka irra teettuuf, daabboo, midhaan harru'uutii fi woyni'ii dargaggooti akka nyaatanuuf, daadhii woyni'ii worri goomolee keessatti dadhabe akka unanuuf fide» jedhe.
3Achiin duuba Mootichi, «Akaakoon goottaa keetii eessa jira?» jedhee gaafate.
Ziibaan deebisee, «Inni, ‹Kolbaan Israa'elii mootummaa akaakoo kiyyaa adha deebisanee naaf hin kennan› jedhee waan hedeef, Yerusaalem keessatti hafeera» jedhe.
4Achiin duuba mootichi Ziiba'aan, «Kunoo, wonni Mefii-Bosheet qabu marti keeti» jedhe.
Ziibaan ulfinna mootichaatiif gad gombifamee, «Ee goottaa kiyya mooticha, ulfaadhu! Anummaan si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jedhe.
Shime'i Daawiti Abaare
5Mootichi Daawiti qachaa Bahuriimii yennaa geye, sanyii Saa'olii keessaa ilmi Geraa Shime'i dhufe; inni Daawiti abaaraa gad baye. 6Loltootii fi eeddoti mootichaa marti bita'aa fi midda Mooticha Daawitii jiraatanulle, inni Daawitii fi qondaaltota isaatitti dhakaa qolaanse. 7Shime'i yennaa Daawiti abaaru, «Ati nama dhiigaa! Ati nama hama'a asii bayi; asii bayi! 8Dhiiga ati mana Saa'olii keessatti dhangalaatte maraaf, ta ati addee isaatitti mootii teeteef, Mootiin Waan Maraa haluu si bayiisatti jira; Mootiin Waan Maraa mootummaa teeti ilma keeti Abiishaalomitti dabarsee kenneera; ati nama dhiigaa waan teeteef, kunoo wonni hantuun sitti dhufiisatti jirti!» jedhe.
9Achiin duuba ilmi Zeruyaa Abiishaayi mootichaan, «Sareen du'e kun attam goottaa kiyya mooticha abaara? Ani dhaqee mataa isaa isa irraa kuta» jedhe.
10Mootichi ammoo, «Isin ilmaan Zeruyaan deette, maanti dubbii tiyya keessa isin galche? Mootiin Waan Maraa namichaan, ‹Daawiti abaar› jedheen yoo abaaraa jiraate, ‹Ati maaf tana goota?› jedhee eentu isa gaafatiisa dande'a?» jedhe. 11Achiin duuba Daawiti Abiishaayii fi qondaaltota isaa maraan, «Ilmi kiyya ka ani uumadhe na ijjeesiisaaf eega barbaade, Beniyaamichi kun attam irra caalaa na ijjeesiisaaf hin barbaadin ree? Maarre Mootiin Waan Maraa isatti waan dubbateef abaaruu ti lakkisa'a! 12Mootiin Waan Maraa rakkinna kiyya dhaggee addee abaaramiisa kiyyaa adha waan dansaa naaf godha fa te'a» jedhe.
13Maarre Daawitii fi namooti isaa karaa ifii ideemane; Shime'i dhakaa itti qolaansaa, bukuu itti bittinneessaa, isa abaaraa kooba cinaa isaa irra ideemaayyu. 14Mootichii fi namooti isa woliin jiranu marti addee dhaqiisaaf hedane geyanee, guddoo waan dadhabaneef achitti foorfatane.
Gorsa Ahiitofeliitii Fi Hushaayii
15Yennuma san Abiishaalomii fi namooti Israa'elii marti gara Yerusaalemii dhufane; Ahiitofeliille isa woliin jiraayyu. 16Achiin duuba jaalli Daawitii Hushaayiin Arkaa'ichi gara Abiishaalomii dhaqee, «Ee, mooti'i bara dheeraa le'i! Ee, mooti'i bara dheeraa le'i!» jedhe. 17Abiishaalomille, Hushaayiin, «Addatamummaan ati jaala keetiif qaddu haguma kanaa? Ati maaf jaala keeti woliin hin deemin?» jedhee gaafate. 18Hushaayiille Abiishaalomiin, «Lakkii! Ani nama Mootiin Waan Maraa, kolbaan tunii fi namooti Israa'elii marti filatanee ka isaa hin te'a; isa wolille'een hin le'a; 19ani eega ilma goottaa kiyyaa hin tajaajilin eennu tajaajila? Akkuma abbaa keeti tajaajile sille hin tajaajila» jedhe.
20Achiin duuba Abiishaalom Ahiitofeliin, «Me, nutti gorsi; maan godhuu qanna?» jedhe. 21Ahiitofel Abiishaalomiin, «Gara gursumeeyyii abbaa keetii ka inni mana mootumma'aa akka eeganuuf asitti lakkisee dhaqiitii isaan woliin rafi; achiin duuba Israa'elooti marti akka ati abbaa keeti jibbite hin dhageetti; worri si woliin jirulle hunnaameyyii hin te'an» jedhee gorse. 22Maarre heellichoo manaa gubba'atti Abiishaalomiif dunkaanii dhaabanee, inni achitti Israa'eloota mara duratti gursumeeyyii abbaa ifii woliin rafe.
23Bara san gorsi Abiishaalom kennu marti akka nama jecha Waaqaa gaafatee fakkaata; akka kanaan Daawitii fi Abiishaalom gorsa Ahiitofelii fudhataniiyyu.

Did you know?
David's Flight and Absalom's Entry
- As David fled down toward the Jordan valley, he passed near Bahurim, where a Benjamite named Shimei son of Gera walked along the opposite ridge. Belonging to the family of the house of Saul, Shimei cursed David, threw stones, and cast dust, accusing him of bringing ruin upon Saul's family.Sources: Shimei · Bahurim · the Bible text itself
- Ziba, a former servant of Saul's house, brought donkeys, bread, fruit, and wine to David during his flight. Ziba claimed that Jonathan's disabled son Mephibosheth had stayed in Jerusalem hoping the kingdom would be restored to his grandfather Saul, leading David to grant all of Mephibosheth's possessions to Ziba.Sources: Ziba · Mephibosheth · the Bible text itself
- After taking Jerusalem, Absalom received counsel from Ahithophel, whose advice was revered like the word of God. To thwart Ahithophel's strategies, David's loyal friend Hushai the Archite feigned allegiance to Absalom to remain inside the rebel court.Sources: Ahithophel · Hushai · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Mount of Olives · 31.778, 35.246 · verse 1
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 3, 15
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 14
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org