2 Peter 3
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waadaa Dhufiisa Gootta'aa
1Jaalota tiyya! Ergaan ani amma isiniif barreessiisatti jiru tun, ta lammeesso'oo ti. Waan kana qaabatiisaan yaada qajeelaa akka qabaattanuuf, isin kakkaasiisaaf jedhee, ergaa lamaanuu isiniif barreesse. 2Kanaan dura jechoota raagoti dubbatanee fi ajaja Gootta'aa fi Fayyisaa keennaa, ka karaa ergantoota isin tajaajiltuutiin kenname akka qaabattanu barbaada. 3Waan duudi'iin qara, guyyoota muumme'eetitti worri shasheessuu fi worri halchaa badduu ifii hordofu shasheessaa akka dhufu hubatuu qaddan. 4Isaan, «Yesuus deebi'ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meet ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!» jedhan. 5Isaan akka bara heddu'uun duratti, ol-gubbaan jecha Waaqaatiin dadantee fi akka latti bisaan irraa fi bisaaniin hujante adoo beekanu akka hin beennee te'an. 6Biyyi lafaa ta yennaa san jirtulle, bisaaniin liqinfantee badde. 7Ol-gubba'aa fi latti amma jirtu tun ammoo, akka ibiddaan badanuuf, haga guyyaan mura'aatii fi badiin worra Waaqa malee le'uu geettutti, jechuma kanaan eegaman.
8Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina'a! Goottaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kum akka guyyaa tokkoo ti. 9Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
10Guyyaan Gootta'aa ammoo akka hattu'uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo'oon dhidhinti; dadi ol-gubba'aalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi. 11Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le'iisaaf maltane ree? Isin woyyumma'aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le'iisa qaddan. 12Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra'aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te'a'a. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadi marti o'aan hin baxxi. 13Nuuti ammoo akkuma inni waadaa nu'uuf galetti, ol-gubbaa haareya, addee hujiin balchumma'aa itti hundeefantu san hin eeganna.
14Tanaaf jaalota tiyya! Waan kana adoo eegattanuu, fuula Waaqaa duratti worra xuri'ii fi komii hin qanne teetanee jirtanuun, akka nageyaan isin dhaggu jabaadha'aa le'a'a. 15Ossiis Goottaa keennaalle akka isin fayyitanuuf akka te'e beeka'a! Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phawuloosille qaruu Waaqi isaaf kenneen tanuma isiniif barreesse. 16Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergaa isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala'aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan.
17Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye'eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha'a. 18Ammoo badhaadhaa fi beekkuma Gootta'aa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ittuma guddadha'a. Ammaa fi haga bara baraa ulfinni isaaf te'u! Ameen.

Did you know?
Scoffers and the Day of the Lord
- This chapter says that in the last days scoffers will come, following their own evil desires, and will ask where the promise of his coming is. They will claim that ever since the fathers fell asleep, everything continues as it has from the beginning of creation. The letter answers that they deliberately overlook how, by God's word, the heavens existed and the earth was formed out of water and by water, how the world of that time perished in the flood, and how the present heavens and earth are reserved for fire until the day of judgment.Sources: the Bible text itself
- The letter urges readers not to overlook this: with the Lord a day is like a thousand years, and a thousand years are like a day. It says the Lord is not slow about his promise, as some understand slowness, but is patient, not wanting anyone to perish but everyone to come to repentance. It adds that the Day of the Lord will come like a thief, and that the writer and his readers look forward, in keeping with God's promise, to a new heaven and a new earth where righteousness dwells.Sources: the Bible text itself
- The writer calls Paul a beloved brother who also wrote to these readers, with the wisdom God gave him, about these matters, and says that Paul writes this way in all his letters. Some parts of those letters are called hard to understand, and ignorant and unstable people are said to distort them, as they do the rest of the Scriptures, to their own destruction. Easton's Bible Dictionary (1897) identifies Paul with Saul and describes him as a native of Tarsus, the capital of Cilicia, a Roman province in the south-east of Asia Minor; it says the name Paul was probably given to him in infancy for use in the Gentile world.Sources: the Bible text itself · Paul
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org