Nations Bible

2 Kings 7

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1Elsaa'i deebisee, «Jacha Mootii Waan Maraa dhage'i! Mootiin Waan Maraa, ‹Boru yennaa tana karra qachaa Samaariya'aatitti, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman› jedha» jedhe.

2Qondaaltichi mootichi itti ciqilfatu, nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» jedhe.

Elsaa'i deebisee, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhe.

Baqatiisa Loltoota Sooriya'aa

3Karra qachaa Samaariya'aa dura, namooti afur ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu jiraniiyyu; isaan, «Maaf haga duunu as teenna? 4Nuuti, ‹Gara qacha'aa seenna› yoo jenne, achi beelti waan jirtuuf, hin duuna; yoo asitti hannelle hin duuna; maarre gara quttuma worra Sooriya'aa dhandhuu ti. Yoo isaan nu hamburane, hin jiraanna; yoo nu ijjeesanelle hin duuna» woliin jedhane. 5Maarre isaan galgala dimimmisa, gara quttuma worra Sooriya'aa dhaqane. Yennaa achi geyanu nami tokkolle achi hin jiru. 6Loltooti Sooriya'aa hididdeettii garreettaa fardaan harkifamuu, hididdeettii fardo'ootii fi loltoota heddu'uu akka dhage'anu, Mootiin Waan Maraa waan godheef, isaan, «Mootiin Israa'elii mootii Heetotaatii fi mootii Gibxi'ii akka nu lolanuuf nutti biteera» woliin jedhane. 7Tanaaf galgala san worri Sooriya'aa dunkaanii ifii, fardoo ifiitii fi harree ifii, addee quttuma ifiille akkuma jirtutti lakkisanee, lubbuu ifii hamburatiisaaf baqatane.

8Namooti dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu sun, addee quttuma worra Sooriya'aa yennaa geyane, dunkaanii takka seenanee, waan achi jiru nyaatanee unanee, meetii, worqi'ii fi woyaa fudhatanee, dhaqanee dhoffatane; achiin duuba isaan deebi'anee dunkaanii dhibii seenanee, achi keessalle'ee waan dhibii fudhatanee, dhaqanee dhoffatane. 9Achiin duuba isaan, «Wonni nuuti hujiisatti jirru sirri'ii moti; guyyaan adhaa guyyaa oduu gammadaa himanu; nuuti ammoo cadhi jenne; haga latti bariitutti yoo turre, hin adabanna; tanaaf ammuma gara mana mootumma'aa dhandhee hinnuu ti» woliin jedhane. 10Maarre isaan dhaqanee, eeddota karra qacha'aa waamanee, «Gara addee quttuma worra Sooriya'aa dhandhee, fardo'oo fi harree hidhamane malee, nami tokkolle hin jiru; qoonqoo nama tokkoolle hin dhageenne; dunkaanoti isaaniille akkuma jirtutti jirti» jedhanee himane.

11Achiin duuba eeddoti karra qacha'aa oduu san, worra mana mootumma'aa keessa jirutti himane. 12Mootichi halkaniin ka'ee, qondaaltota ifiitiin, «Waan worri Sooriya'aa nu irratti hujiisatti jiru, ani isinitti hima. Isaan akka nuuti beela irra jiru hin beekan; maarre isaan, ‹Isaan qachaa keessaa bayiisa hin dhabanu; nuutille jiru'uun isaan boojinee, gara qachaa sanii hin seenna› jedhanee yaadanee, addee quttuma ifii lakkisanee dhokatiisaaf, qacha'aan alatti bayane» jedhe.

13Qondaaltota isaa keessaa tokkochi, «Kolbaan as keessatti hattelle, akkuma kolbaa Israa'elii ta tanaan qara dhumattee te'iis isaanii waan hin oolleef, namooti gariin fardoo asitti hatte shan fudhatanee dhaqanee waan te'e akka hubatanuuf, erginee ilaalla» jedhe. 14Maarre isaan garreettaa fardaan harkifamu lama fardoo woliin filane; mootichille namoota san loltoota Sooriya'aa gula ergee, «Dhaqa'aatii, waan te'e ilaala'a» jedhee ajaje. 15Isaanille haga laga Yordaanosii loltoota Sooriya'aa gula deemanee, loltooti Sooriya'aa ariiti'iin yennaa baqatanu woya'aa fi meya karaa mara irratti gatane dhaggane. Maarre worri ergame sun deebi'ee mootichatti hime. 16Achiin duuba Kolbaan Samaariya'aa baatee, addee quttuma worra Sooriya'aa saante; maarre akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti gurguramane.

17Yennaa tana mootichi Israa'elii, qondaalticha mootichi itti ciqilfatu, itti gaafatamaa seensuma karra qacha'aa waan godheeruuf, kolbaan isa irra sirbitee, akkuma nami Waaqaa Elsaa'i yennaa mootichi gara mana isaa dhufe raage, innille du'e.

18Akkuma nami Waaqaa Elsaa'i mootichaan, «Boru yennaa tana karra Samaariya'aa duratti bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman» jedhe muummotte. 19Qondaaltichi sun nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» waan jedheeruuf, Elsaa'i, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhee deebiseeraayyu. 20Namooti seensuma karra qacha'aa keessatti isa irra sirbanee inni waan du'eef, wonni isa irratti raagame dhugumaan teete.

Did you know?

The Relief of Samaria and Elisha's Prophecy

  • During a severe siege and famine in the capital city of Samaria, Elisha foretold that grain would become plentiful and cheap within twenty-four hours. When a royal officer expressed disbelief, Elisha predicted that the officer would witness the sudden supply with his own eyes but would not eat any of it.Sources: the Bible text itself · Elisha · Samaria
  • The Aramean army fled in panic after hearing the sound of a great army, suspecting that Israel had hired the kings of the Hittites and Egyptians against them. Four men with leprosy discovered the abandoned tents and provisions at twilight and reported the news to the gatekeepers of Samaria.Sources: the Bible text itself · Egypt
  • After scouts verified the retreat as far as the Jordan River, the starving population rushed out to plunder the camp. In the chaotic rush through the city gate, the skeptical royal officer stationed there was trampled to death, fulfilling Elisha's prediction.Sources: the Bible text itself · Jordan

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Samaria · 32.276, 35.195 · verses 1, 16, 18
  • Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verse 5
  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 6
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 15

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.