Nations Bible

2 Kings 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Na'amaan Dhukkuba Goga'aa Farrisiisaa Irraa Fayye

1Na'amaan ajajaa loltoota mootii Sooriya'aa ti; Mootiin Waan Maraa karaa isaatiin loltoota Sooriya'aatiif injifachaa waan kenneef, inni goottaa ifii duratti nama gudda'aa fi nama ulfinna qabu. Inni loltuu jaba'a; ammoo dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabaayyu. 2Worri Sooriya'aa biyya Israa'elii lolee, intala diqqoo takka Israa'el keessaa booji'e; isiille haadha manaa Na'amaanii tajaajilaa turte. 3Gaafa tokko isiin giittii ifiitiin, «Goottaan kiyya gara raagicha Samaariyaa jiruu adoo dhaqee, inni dhukkuba kana irraa isa fayyisuu hin dande'a» jette. 4Na'amaan waan kana yennaa dhage'e, gara mootichaa dhaqee waan intalti biyya Israa'eliitii dhutte jette san itti hime. 5Mootichille, «Xalayaa kana fuudhiitii gara mooticha Israa'elii geessi» jedhe.

Maarre Na'amaan meetii gara kiiloogiraama dhibba sadii fi afurtamaa, worqii gara kiiloogiraama torbaatamaatii fi woyaa adduu kudhan qabatee deeme. 6Xalayaan inni gara mootii Israa'elii fuudhee deeme sun, «Tajaajilaa kiyya Na'amaan dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa akka fayyittuuf xalayaa kana itti kennee gara keeti ergeera» ka jedhu.

7Mootichi Israa'elii xalayaa yennaa dubbise, gaddaan woyaa ifii tarsaasee, «Ani Waaqaa? Ani ijjeesuu, deebisee kaasuu hin dande'aa? Namichi kun maaf akka ani dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa fayyisuuf nama kana gara kiyya erge? Akka inni dubbii na irratti barbaadu dhagga'a» jedhe.

8Nami Waaqaa Elsaa'i, akka mootiin Israa'elii gaddee woyaa ifii tarsaase yennaa dhage'e, «Maaf woyaa teeti tarsaatte? Israa'el keessa raagaan akka jiru akka inni beeku, namicha gara kiyya ergi» jedhee itti dhaame.

9Maarre Na'amaan fardo'oo fi garreettota ifii ka fardo'oon harkifamu irra te'ee dhaqee, balbala mana Elsaa'ii duratti dhaabbate. 10Elsaa'ille ergaa itti ergee, «‹Dhaqiitii laga Yordaanosiititti yennaa torba dhiqadhu; foon keeti adde'etti hin deebi'a; atille hin qulqulloota› jedhii itti himi» jedheen. 11Na'amaan ammoo aaree, «Dhugumaan inni gara kiyya gad bayee dhaabbatee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waamee, harka ifii dhukkuba goga'aa farrisiisaa kiyya irra wirsee, waan na fayyisu seye. 12Lagi Damaasqo'oo Abaanaa fi Farphar, bisaan laga Israa'elii mara caalaa motii? Ani silaa isaan keessatti dhiqadhee hin qulqulloomuuyyu?» jedhee deebi'ee deeme.

13Tajaajiltooti Na'amaanii gara isaa dhikaattee, «Abba'a, raagichi waan guddoo takka akka ati gootuuf adoo sitti himee jiraatee hin gootaayyuu motii? Amma ‹Dhiqadhuutii qulqullowi› yoo si'iin jedhe maanti si rakkise?» jedhane. 14Maarre Na'amaan gara laga Yordaanosii gad bu'ee, akkuma nami Waaqaa isatti hime yennaa torba laga Yordaanosiititti ifi cuuphe; nafi isaalle adde'etti deebi'ee qulqullowee akka nafa ijoollee didiqqo'oo te'e.

15Achiin duuba Na'amaan hordofattoota ifii mara woliin, gara Elsaa'ii nama Waaqaa deebi'ee, isa dura dhaabbatee, «Israa'el keessa malee, Waaqi dhibiin biyya lafaa mara keessa akka hin jirre ani beekeera; maganne'e amma ana tajaajilaa keeti irraa kennansa kana fudhadhu» jedhe.

16Elsaa'i deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa ani tajaajiluu; ani waan tokkolle hin fudhadhu» jedhe.

Na'amaan akka inni fudhatuuf kadhatulle, Elsaa'i ammoo fudhatiisa didate. 17Achiin duuba Na'amaan, «Ati Kennansa kiyya yoo fudhatuu didde, ani tajaajilaan keeti deebi'ee ijjumaa Mootii Waan Maraatiif malee, waaqota dhibi'iif ciinca'aa fi woreega waan hin dhikeessineef, biyyee fe'iisa gaange'ee lama fuudhee akka deemu naaf eeyyam. 18Maarre goottaan kiyya waaqonfatiisaaf gara galma Rimoonii waaqa Sooriya'aa yennaa seenu, harka kiyyatti ciqilfatee waan sagaduuf, anille galma Rimoonii san keessatti yoo gad jedhe, Mootiin Waan Maraa marroo waan kanaatiif, ana tajaajilaa keetiif araaramuu ti» jedhe.

19Elsaa'i, Na'amaaniin, «Nageyaan deem» jedhe.

Na'amaan diqqoo irraa fagaatee deemeen duuba, 20tajaajilaan Elsaa'ii nama Waaqaa, Gehaaz, «Goottaan kiyya waan Na'amaaniin nami Sooriya'aa fide fudhatuu didee akkasumaan gad lakkise. Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ani isa gula rukkisee woy isa irraa fudhadha» jedhee yaadate. 21Maarre Gehaaz ka'ee Na'amaan gula rukkise; Na'amaan inni gara isaa rukkisuun yennaa dhagge, isa qophatiisaaf garreettaa fardaa ifii irraa bu'ee, «Nageyaayyuu?» jedhee gaafate.

22Gehaaz deebisee, «Nageyuma, ammoo goottaa kiyyatti, ‹Raagota keessaa dargaggooti lama biyya koobittii Efreemiitii, gara kiyya waan dhufaneef, maganne'e meetii gara kiiloogiraama soddomii afuriitii fi woyaa guutuu ta jijjiirataa lama isaaniif kenni› jedhee na erge» jedheen.

23Na'amaan, «Maganne'e, meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii fudhadhu» jedhe. Inni isa uttisee meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii subba lama keessa keyee hidhee, woyaa guutuu ta jijjiirataa lama woliin, tajaajiltoota ifii keessaa nama lamatti kenne; isaanille ba'atanee Gehaaziin dura deemane. 24Kooba Elsaa'i le'u yennaa geyane, Gehaaz meya ba'atane tajaajiltoota irraa fuudhee, mana keessa keye. Achiin duuba tajaajiltoota Na'amaanii gad lakkise; isaanille deemane. 25Gehaaz gara manaa seenee, goottaa ifii Elsaa'i dura dhaabbate. Elsaa'ille, «Gehaaz! Haga ammaa eessa jirta?» jedhee isa gaafate.

Innille deebisee, «Goottaa kiyya, ani tajaajilaan keeti eessalle hin dhandhe» jedhe.

26Elsaa'i ammoo, «Namichi si qophatiisaaf garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irraa yennaa baye, ani ayyaanaan si woliin hin jiruuyyuu? Yennaan tun yennaa beesee, woyaa, fichaa muka ejersaatii fi fichaa muka woyni'ii, hoole'ee fi horii, yookiin tajaajiltoota dhiiraatii fi durraa fudhatanuu ree? 27Tanaaf, dhukkubi goga'aa farrisiisaan Na'amaanii haga bara baraa si'ii fi sanyii teetitti hin dabara» jedhe.

Achiin duuba Gehaaz dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamee adii akka dhakaa bokkeyaa te'ee isa duraa bayee deeme.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Healing of Naaman

  • When Elisha instructed Naaman to wash in the Jordan, the commander was indignant, boasting that the Abana and Pharpar, the rivers of Damascus, were superior to all the waters of Israel.Sources: the Bible text itself · Abana · Pharpar
  • After being healed of his leprosy, Naaman requested as much Israelite soil as two mules could carry so that he could offer sacrifices exclusively to the LORD upon it back in Aram.Sources: the Bible text itself · Naaman
  • Elisha's servant Gehazi pursued Naaman to secretly claim silver and clothing under false pretenses, leading Elisha to declare that Naaman's leprosy would cling to Gehazi and his descendants.Sources: the Bible text itself · Gehazi

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 1, 2, 5
  • Samaria · 32.276, 35.195 · verse 3
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 10, 14
  • Abana · Today: Barada River · 33.514, 36.305 · verse 12
  • Damascus · 33.511, 36.306 · verse 12
  • Aram · 33.511, 36.306 · verse 18

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.