2 Kings 25
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Jinnana Yerusaalemii
1Zedeqiiyaan mootii Baabilonii irratti ka'e; tanaaf, bara Zedeqiiyaan bulche keessa woggaa sagaleesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, loltoota ifii mara fudhatee Yerusaalemitti duule. Inni qacha'aan duuba dunkaanii dhaabatee, adaala qacha'aa marsanee yaabbannoo itti ijaarane. 2Zedeqiiyaan mootii te'ee, haga woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, qachaan sun akkuma marfametti ture. 3Wogguma san keessa ji'a arfeesso'oo, guyyaa sagaleesso'ootitti, beelti waan hammaatteef kolbaan sagalee nyaattu dhadde. 4Achiin duuba dalleenni qacha'aa cabe; loltooti Baabilonii qachaa marsanulle, loltooti mootii biyya Yihuda'aa halkaniin karra dalleya dhaka'aa lama odduu jirtu, ta oorruu mootichaa biraatiin miliqanee bayane. Isaan gara dhooqa Yordaanosii baqatane. 5Loltooti Baabilonii ammoo, Zedeqiiyaa mooticha ariitee, diida Yeriko'oo keessatti isa dhaqqadde; loltooti isaa marti isa lakkittee baqatte. 6Loltooti Baabilonii Zedeqiiyaa qaddee, gara Nebukadnezaarii qachaa Riiblaa keessa jiruutitti geessite; inni achitti isatti mure. 7Isaan ilmaan Zedeqiiya'aa, isuma duratti ijjeesane; achiin duuba ila isaa lamaanuu keessaa baasanee, wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii geessane.
Jinnana Galma Mootii Waan Maraa
8Nebukadnezaar mootii Baabilonii te'ee woggaa kudhanii sagaleesso'ootitti, ji'a shaneesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, ajajaan loltoota mooticha eeganuu tajaajilaan mootii Baabilonii Nebuzaraadaan, gara qachaa Yerusaalemii dhufe. 9Inni Galma Mootii Waan Maraa, mana mootumma'aa, mana Yerusaalem keessaa mara gube; mana gugurdaa mara gubee balleesse. 10Loltooti Baabilonii ta ajajaa loltoota mooticha eeganuun sooreffamanu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Yerusaalemiititti marfameeru diigane. 11Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, namoota qachaa keessatti hafane, worra mootii Baabiloniititti harka kennatanee fi kolbaa taan woliin booji'ee, gara Baabilonii geesse. 12Worra hiyyeeyyii ijjumaa wo hin qanne garii ammoo, muka woyni'ii akka dhaabanuu fi fichaa akka qotanu lafa Yihuda'aa keessatti lakkisee deeme.
13Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara biyya Baabilonii geessane. 14Akkasuma isaan okkotee sageettu'uu, akkaafaa sageettu'uu, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu ka sageettu'uu, girgiraa sageettu'uu, meya sageettuu irraa hujame ka Galma Waaqaa keessatti ittiin tajaajilanu mara, fudhatanee deemane. 15Ajajaan loltoota mooticha eedduu, waan ibidda irratti bobeessanuu fi qorii, waan worqi'ii fi meetii irraa hujame mara fudhatee deeme. 16Madaalliin utuboota lamaa ka sageettu'uu, waabaa bisaanii ka sageettu'uu, waan meya irra keyanu ka sageettu'uu ka korboo qabanuu, ka mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif hujee hagana hin jedhamu. 17Hojjaan utubaa tokkoo ciqilee kudhanii saddeeti; hojjaan guutuu utuba'aa ciqilee sad; marsa guutuu utuba'aa irratti seesa caccoo sageettu'uutii fi sageettuu midhaan muka rumaanii fakkaatuun seefameera. Utubaan lammeesso'oolle akkasuma seefamee hujameera.
Kolbaan Yihuda'aa Gara Baabilonii Booji'ante
18Ajajaan loltoota mooticha eedduu Nebuzaraadaan, Seraayaa hayyicha sooressa, hayyicha itti aanaa Sefaaniya'aatii fi eeddota karraa sadiin booji'e. 19Qachaa keessatti worra hafane keessaa ajajaa loltootaa, gorsitoota mootichaa shanan, barreessaa ajajaa loltootaa ka kolbaa lafa sanii duulaaf filuu fi namoota dhibii ka qachaa san keessatti dhaggamanu jaatama fuudhee deeme. 20Ajajaan loltootaa Nebuzaraadaan, isaan mara gara mootii Baabilonii ka qachaa Riiblaa keessa jiruu geesse. 21Mootiin Baabilonii lafa Haamaatii Riiblaa keessatti isaan ijjeesise.
Maarre kolbaan Yihuda'aa lafa ifii irraa booji'amane deemane.
Gedaaliyaan Bulchaa Yihuda'aa Te'e
22Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, kolbaa biyya Yihuda'aa keessatti lakkise irratti akaakoo Shaafaanii, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa godhe. 23Ajajjooti loltoota biyya Yihuda'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmi Qaareha'aa Yohaanaan, ilmi Tanhumetii nama qachaa Netofa'aa Seraayaan, ilmi namicha Ma'akichaa Ya'azaaniyaanii fi loltooti isaanii martinuu, mootiin Baabilonii akka Gedaaliyaa bulchaa godhe yennaa dhage'ane, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufane. 24Gedaaliyaan isaaniin, «Qondaaltota Baabilonii hin sodaatina'a; lafuma tana keessa le'a'a; mootii Baabilonii tajaajila'a; wonni marti isiniif hin teeti» jedhee isaaniif kakate.
25Wogguma san keessa ji'a torbeesso'ootitti ammoo, sanyii moototaa ka te'e akaakoon Eliishaama'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin Miisphaa dhaqee, Gedaaliyaa, namootaa Yihuda'aatii fi worra Baabilonii ka isa woliin jiranu lolanee ijjeesane. 26Achiin duuba kolbaan marti worra Baabilonii waan sodaatteef, diqqa'aa haga gudda'aatitti, ajajjoota loltootaa woliin ka'anee, gara biyya Gibxi'ii baqatane.
Yehoyaakiin Hidha'aa Hiikame
27Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo, ji'a kudhanii lammeesso'oo, guyyaa diddamii torbeesso'ootitti, Ewiil-Marodaak Baabilonitti mootii te'ee, woggaa tokkeesso'ootitti Yehoyaakiin hidha'aa hiike. 28Ewiil-Marodaak gadhi-laafinnaan Yehoyaakiin dubbisee, mootota dhibii ta isa woliin Baabilonii keessa jirtu caalaa ulfinna guddaa kenneef. 29Maarre yennaa sanii jalqabee Yehoyaakiin woyaa ifii ta mana hidha'aa jijjiiratee, haga jiruu ifii qorii mootichaa keessaa nyaate. 30Haga jiruu isaa, guyyuma guyya'aan waan isaaf kennamu'uuf barbaachisu mootichi qooda isaaf baase.

Did you know?
The Fall of Jerusalem and the Exile
- King Nebuchadnezzar directed the campaign against Jerusalem from his headquarters at Riblah, situated in the land of Hamath on the Orontes River. After being captured on the plains of Jericho, King Zedekiah was brought to Riblah, where his sons were slaughtered before him and he was blinded before being carried in bronze shackles to Babylon.Sources: Riblah · Zedekiah · the Bible text itself
- When Nebuzaradan, captain of the guard, burned Jerusalem, the Babylonians broke up the monumental bronze pillars, the movable stands, and the large bronze Sea that King Solomon had made for the temple, carrying the metal off to Babylon.Sources: Nebuzar-adan · Solomon · the Bible text itself
- Following the city's destruction, Nebuchadnezzar appointed Gedaliah son of Ahikam as governor over the remaining population at Mizpah. However, Ishmael son of Nethaniah, a member of the royal family, assassinated Gedaliah, causing the terrified remnant to flee to Egypt.Sources: Gedaliah · Ishmael · Mizpah · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Babylon · 32.543, 44.422 · verses 1, 6, 7, 8, 11, 13, 20, 21, 22, 23, 24, 27, 28, 29
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 2, 8, 9, 10
- Arabah · 30.417, 35.151 · verses 4, 5
- Chaldea · 30.962, 46.104 · verses 4, 5, 10, 13, 25, 26
- Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verse 5
- Riblah · Today: Rableh · 34.460, 36.573 · verses 6, 20, 21
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verse 21
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 26
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org