2 Kings 21
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootii Yihuda'aa Minaasee
1Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziiba'a. 2Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjeen Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, aadaa battittii hordofee Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 3Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Ahaab godhe, innille Ba'aaliif addee ciinca'aa ijaaree, fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu huje. Inni urjoota ol-gubba'aatiif sagadee, isaanille waaqonfate. 4Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Ani Yerusaalem keessatti hin waaqonfama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare. 5Badhinna Galma Waaqaa lamaanuu keessatti, urjoota ol-gubba'aa mara waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare. 6Inni ilma ifiituu ciincaa dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu irraa gorsa gaafatee, Mootii Waan Maraa duratti waan akka malee hantu'uu hujee akka Mootiin Waan Maraa aaru godhe. 7Inni fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu ka huje san Galma Mootii Waan Maraa, ka Mootiin Waan Maraa Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem addee gosa Israa'elii mara keessaa filadhe keessa, maqaan kiyya haga bara baraa hin jiraata. Kolbaan Israa'elii ajaja kiyyaa fi Seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne mara yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan joonjanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye. 9Minaaseen isaan dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase caalaa, waan hantuu hujane malee Mootii Waan Maraa hin caqanne.
10Mootiin Waan Maraa karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin, 11«Mootiin Yihuda'aa Minaaseen cubbuu battittii tana hujeera; inni worra Amoorotaa ka isa dursanu caalaa waan hamaa hujee, waaqota dharaa ifiitiin kolbaan Yihuda'aa akka cubbuu hujju godheera. 12Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani balaa hamaa ka nami dhage'u marti rifatu, Yerusaalemii fi Yihudaa irratti hin fida. 13Akkuma qachaa Samaariya'aatii fi mootii Israa'elii Ahaab sanyii isaa woliin adabe, Yerusaalemille hin adaba. Akkuma nami qorii haxowee gad gombisu, anille Yerusaalem haxowee gad hin gombisa. 14Kolbaa tiyya ta badii irraa hatte, harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaan diinota ifii maraan booji'amanee hin saamaman. 15Isaan bara abbootiin isaanii ta durii biyya Gibxi'iitii baateen jalqabanee, haga adhaatitti ila tiyya duratti cubbuu hujanee, akka ani aaru waan godhaneef, ani tana isaan irratti hin godha› jedha» jedhe.
16Minaaseen kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa duratti cubbuu akka hujju ta godhe caalaa, Yerusaalem qacce'ee haga qacce'eetitti dhiiga worra yakkaa hin qanne heddu'uu dhangalaase.
17Wonni Minaaseen huje ta dhibi'ii fi cubbuun inni huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 18Minaaseen du'ee, oorruu mana mootummaa ifii keessatti, addee oorruu Uza'aatitti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Amooni mootii te'e.
Mootii Yihuda'aa Amooni
19Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemeeti; isiin intala Haaruzii nama qachaa Yoxbaa ti. 20Innille akkuma Minaasee abbaa ifii, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 21Inni karaa abbaa ifii mara hordofee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate waaqonfatee, isaaniifille sagade. 22Inni Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkise; karaa Mootii Waan Maraalle hin hordonne.
23Tajaajiltooti Amoonii mala isa irratti dhoottee, mana mootumma'aa keessatti isa ijjeette. 24Achiin duuba Kolbaan lafa sanii worra Amoonii mooticha irratti mala dhowe mara ijjeettee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii goote.
25Wonni dhibiin ta Amooni huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 26Amooni addee awwaala ifii oorruu Uza'aa keessatti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yosiyaas mootii te'e.
Did you know?
The Reigns of Manasseh and Amon
- Manasseh ruled Judah for fifty-five years, the longest reign of any king in Jerusalem. He completely reversed the religious reforms of his father Hezekiah by building altars to Baal, introducing astral worship into the temple courtyards, and setting up a carved Asherah pole.Sources: the Bible text itself · Hezekiah
- In pronouncing judgment, the prophets compared Jerusalem to Samaria and the house of Ahab of the northern kingdom of Israel, who had similarly introduced Baal worship. The metaphor of a measuring line and plumb line indicated that Jerusalem would face the same destruction as Samaria.Sources: the Bible text itself · Ahab · Samaria
- Both Manasseh and his son Amon were buried in the garden of Uzza, located near the royal palace grounds in Jerusalem, rather than in the traditional royal tombs. After Amon was assassinated by palace servants following a two-year reign, the people executed the conspirators and crowned his eight-year-old son Josiah.Sources: the Bible text itself · Uzza · Amon · Josiah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 4, 7, 12, 13, 16, 19
- Samaria · 32.276, 35.195 · verse 13
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 15
- Uzza · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 18, 26
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org