Nations Bible

2 Kings 16

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Mootii Yihuda'aa Ahaaz

1Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa kudhanii torbeesso'ootitti, ilmi Yotaamii Ahaaz mootii Yihuda'aa te'e. 2Ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche. Inni akka Daawitii abbaa ifii ka durii Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan sirrii te'e hin hunye. 3Inni akkuma moototi Israa'elii hujane huje. Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii hujee, ilma ifiituu ibiddaan gubee ciincaa dhikeesse. 4Ahaaz addee waaqonfanna'aa irratti, qaccee koobotaa irratti, muka banqaaqaa mara jalatti ciincaa dhikeessee, hixaanalle aarse.

5Mootichi Sooriya'aa Resiinii fi mootichi Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan Yerusaalem loliisaaf duulanee, qachaa san woliin Ahaaz marsane; ammoo isa injifatuu hin dandeenne. 6Yennaa san mootichi Sooriya'aa Resiin, Yihudoota ari'ee baasee qachaa Elootii Sooriya'aaf deebise. Namooti Edoomii ka Elootitti galane haga adhaalle achi keessa le'an. 7Mootichi Ahaaz, gara mooticha Asoorii Tiiglaat-Phileeseritti namoota ergee, «Ani tajaajilaa keeti; ilma keetille'e. Koyiitii worra na loliisatti jiranu harka mooticha Sooriya'aatii fi Israa'elii jalaa na baasi» jedhe. 8Ahaaz meeti'ii fi worqii Galma Mootii Waan Maraa keessaatii fi ta mana mootumma'aa keessaa fuudhee mooticha Asooriitiif erge. 9Mootichi Asoorii isaaf dhage'ee, Damaasqo'otti duulee qachaa san qabate. Inni mooticha Resiin ijjeesee, namoota qachaa sanii booji'ee gara addee, «Qiir» jedhantuu geesse.

10Achiin duuba mootichi Ahaaz, mootii Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhaggiisaaf gara Damaasqo'oo dhaqe; inni addee ciinca'aa takka Damaasqoo keessatti dhaggee, fakkii addee ciinca'aa san harkaan hujee, karoora ijaarsa isi'ii mara woliin, hayyicha Uriiya'atti erge. 11Maarre adoo mootichi Ahaaz hin deebi'in, hayyichi Uriiyaan akka fakkii mootichi Ahaaz Damaasqoo irraa erge saniititti addee ciinca'aa ijaaree fixe. 12Mootichi Ahaaz Damaasqoo irraa deebi'ee addee ciinca'aa yennaa dhagge, achi irratti ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe. 13Inni addee ciinca'aa san irratti kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii dhikeessee, kennansa daadhii woyni'ii irratti dhangalaasee, kennansa dhiigaa ka tokkumma'aa irratti fiffixe. 14Ahaaz addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante, ta addee ciinca'aa haareyaa fi Galma Mootii Waan Maraa wodhakkaa, Mootii Waan Maraa dura jirtu fuudhee, addee ciinca'aa haareya irraa gara kaabaatitti keye. 15Achiin duuba mootichi Ahaaz, «Kennansa gubamu ka ganamaa, kennansa midhaanii ka galgalaa, kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii ka mootichi fidu, kennansa gubamu, kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka kolbaan lafa sanii marti fiddu, addee ciinca'aa guddittii haareya irratti ciincessi; dhiiga horii ciinca'aaf dhikaatuu, dhiiga ciincaa dhibi'ii maralle addee ciinca'aa san irratti fiffixi. Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante ammoo, akka qajeelcha ittiin gaafadhu naa lakkisi» jedhee Uriiyaa hayyicha ajaje. 16Hayyichi Uriiyaan waan mootichi Ahaaz isa ajaje mara godhe.

17Mootichi Ahaaz waan meya irra keyanu ka korboo qabu san irraa waan baxxittii roga afurii buqqisee, gabataa itti dhiqatanulle irraa fuudhe; Waabaa bisaanii ka fakkii korommii sageettuu irraa hujamane irra jiru san irraa gad buusee, hundee dhaka'aa irra keye. 18Ahaaz mooticha Asoorii gammachiisiisaaf jedhee, waan akka gaaddisaa ka mootichi guyyaa Sanbataa akka jala tee'uuf, Galma Mootiin Waan Maraa keessatti hujame fuudhee baasee, karra seensuma mootichi gara Galma Mootii Waan Maraa ittiin seenulle cufe.

19Wonni dhibiin ta mootichi Ahaaz huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 20Ahaaz du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Hisqiyaas mootii te'e.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Reign of Ahaz and the Assyrian Alliance

  • Facing a military coalition led by King Rezin of Damascus and King Pekah of Israel, King Ahaz stripped silver and gold from the temple and palace treasuries to secure the intervention of Tiglath-pileser, king of Assyria. The Assyrians responded by capturing Damascus, executing Rezin, and deporting its population to Kir.Sources: the Bible text itself · Ahaz · Rezin · Kir
  • While visiting Tiglath-pileser in Damascus, Ahaz was impressed by an altar there and sent detailed architectural plans to Uriah the priest in Jerusalem. Uriah constructed the replica in the temple courtyard before the king returned, where it took over the central sacrificial duties from the original bronze altar.Sources: the Bible text itself · Urijah · Damascus

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 5
  • Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 5, 6, 7
  • Edom · 30.746, 35.604 · verse 6
  • Assyria · 36.359, 43.153 · verses 7, 8, 9, 10, 18
  • Damascus · 33.511, 36.306 · verses 9, 10, 11, 12
  • City of David · 31.774, 35.236 · verse 20

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.