2 Kings 14
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootii Yihuda'aa Amaasiyaa
1Ilmi Yeho'ahaazii Yeho'aash Israa'el irratti mootii te'ee woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Yo'aasii Amaasiyaan mootii Yihuda'aa te'e. 2Inni mootii yennaa te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Yo'adaan; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. 3Amaasiyaan Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee akka Daawitii abbaa ifii ka durii hin hunye; inni waan mara akka abbaa ifii Yo'aasii huje. 4Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.
5Amaasiyaan mootummaa ifii jabeeffateen duuba, qondaaltota abbaa isaa mooticha ijjeette san ijjeese. 6Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko tokkooyyuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne;
7Amaasiyaan worra Edoomii kuma kudhan dhooqa sooddaa keessatti fixe; inni qachaa «Selaa» jedhamu lolee qabatee, «Yaqti'el» jedhee moggaase; qachaan sun haga adhaalle maquma kanaan waamama.
8Achiin duuba Amaasiyaan akaakoo Yehu'uu ilma Yeho'aazii gara mooticha Israa'elii, Yeho'aashitti nama ergee, «Koottu me, wol ilaallaa!» jedhee lolaaf waammate. 9Yeho'aash mootichi Israa'elii ammoo, Amaasiyaa mooticha Yihuda'aatiif deebisee, «Yennaa tokko qoreen Libaanos keessaa, muka hindheensaatiin, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jette nama itti ergite; bineensi Libaanosii tokko ammoo karaa san dhufee, qoree san irra sirbe. 10Ati dhugumaan worra Edoomii injifatteerta; gadhaa keeti keessatti ifi jajjeerta. Injifachaa dhaggatteen gammadii, mana keeti tee'i; maaniif ifiif jiddee Yihudaalle akka jidduuf tuttuxxee rakkinna ifi irratti fida» jedhe.
11Amaasiyaan ammoo isa dhage'uu waan dideef, mootichi Israa'elii Yeho'aash loltoota ifii fudhatee, mooticha Yihuda'aa Amaasiya'atti duulee, biyya Yihuda'aa keessatti qachaa Bet-Shemeshiititti isa lole. 12Loltooti Yihuda'aa loltoota Israa'eliitiin injifatamanee, marti isaanii gara mana ifii baqatane. 13Mootiin Israa'elii Yeho'aash Bet-Shemeshitti, Amaasiyaa ilma Yo'aasii mootii Yihuda'aa akaakoo Ahaaziya'aa booji'e; achiin duuba inni gara Yerusaalemii dhaqee, dalleya Yerusaalemii ka dhaka'aa karra Efreemiitii haga karra roga dalleyaatitti ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige. 14Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiruu fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu mara, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e.
15Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'aash huje duudiin, jannummaan isaa ta inni mootii Yihuda'aa Amaasiyaa lolelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 16Yeho'aash du'ee, qachaa Samaariya'aa keessatti mootota Israa'elii biratti awwaalame; Yerobi'aam addee isaatitti mootii te'e.
Du'a Amaasiyaa Mooticha Yihuda'aa
17Ilmi Yeho'ahaazii mootichi Israa'elii Yeho'aash du'een duuba, ilmi Yo'aasii mootichi Yihuda'aa Amaasiyaan woggaa kudhanii shan le'e. 18Wonni dhibiin ta mootichi Amaasiyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
19Amaasiyaa ijjeesiisaaf Yerusaalem keessatti mala itti waan dhowaneef, inni gara qachaa Laakiishiititti baqate; isaan ammoo namoota isa gula erganee achitti isa ijjeesisane. 20Reeffa isaa fardaan fidanee, qachaa Daawitii Yerusaalem keessatti abbootii isaa ta durii biratti awwaalane. 21Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa ilma Amaasiya'aa Azaariyaa ka woggaan isaa kudha jaa, addee Amaasiyaa abbaa isaatitti isa mootii godhane. 22Amaasiyaan du'een duuba, Azaariyaan qachaa Elootii deebisee ijaaree, gara biyya Yihuda'aatitti deebise.
23Ilmi Yo'aasii Amaasiyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, ilmi Yeho'aashii Yerobi'aam mootii Israa'elii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee woggaa afurtamii tokko bulche. 24Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine. 25Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, karaa tajaajilaa ifii Yoonaasii ilma Amiitaayii raagicha Gaat-Hefertiin akkuma dubbatetti, Yerobi'aam meessaa Israa'elii, seensuma gara Haamaatii irraa kaasee, haga Abbaayaa Arabaayii addee duriititti deebise.
26Nami Israa'el keessaa marti, garbi yookiin nami bilisa te'e akka farriisatti jiranu, nami isaan qarqaarulle akka hin jirre Mootiin Waan Maraa dhagge. 27Mootiin Waan Maraa ammoo, «Maqaa Israa'elootaa biyya lafaa irraa ijjumaa hin balleessa» waan hin jedhiniif, inni karaa Yerobi'aamii ilma Yeho'aashiitiin isaan hambure.
28Wonni dhibiin ta Yerobi'aam huje duudiin, jannummaan isaa ta inni ittiin lole, Damaasqo'oo fi Haamaat ka kutaa biyya Yihuda'aa te'ane Israa'elootaaf attam akka deebise, kitaabaa dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 29Yerobi'aam du'e; addee isaatitti ilmi isaa Zakaariyaas mootii te'e.

Did you know?
Conflict Between Kingdoms and Territorial Restoration
- When Amaziah secured his throne and executed the conspirators who murdered his father Joash, he intentionally spared their children. The text notes that he acted in accordance with the Book of the Law of Moses, which commanded that fathers and children must not be put to death for one another's sins.Sources: the Bible text itself · Amaziah · Moses
- After defeating Edom, Amaziah challenged King Jehoash of Israel to battle. Jehoash answered with a parable of a lowly thistle in Lebanon that asked a mighty cedar for a marriage alliance before being trampled by a wild beast, warning Amaziah that pride over his victory would bring him down.Sources: the Bible text itself · Amaziah · Joash
- Despite continuing the worship of the golden calves, Jeroboam II ruled Israel for forty-one prosperous years and expanded its borders from Lebo-hamath to the Sea of the Arabah. The author notes this fulfilled a prophecy given through Jonah son of Amittai, as the Lord showed mercy on Israel's bitter affliction.Sources: the Bible text itself · Jeroboam
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 13, 19, 20
- Edom · 30.746, 35.604 · verses 7, 10
- Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 9
- Corner Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 13
- Ephraim Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 13
- Samaria · 32.276, 35.195 · verses 14, 16, 23, 29
- Lachish · Today: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · verse 19
- City of David · 31.774, 35.236 · verse 20
- Salt Sea · Today: Dead Sea · 31.500, 35.500 · verse 25
- Damascus · 33.511, 36.306 · verse 28
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verse 28
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org