2 Corinthians 6
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna. 2Waaqi,
«Yennaa na biratti fudhatama qaddutti
ani si caqase;
Guyyaa fayyinna keetii,
ani si qarqaare» jedha.
Kunoo dhage'a'a yennaan fudhatama qaddu amma; guyyaan fayyinnaalle adha.
3Tajaajilli keenna akka hin tuffatanne, eennulle'eef gufuu hin teenu. 4Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina. 5Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji'iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan; 6akkasuma qulqullumma'aan, beekkumsaan, ossaan, arjumma'aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga'aatiin, 7jecha dhuga'aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, mey keenna ka woraanaa balchumma'a. 8Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra; 9ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du'aneeran yoo jedhanu, jiru'uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne; 10gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.
11Worra Qorontoos keessa leetanu! Nuuti ifa tolchinee isinitti dubbanneerra; gadhaa keennalle badhinnee isinii banneerra. 12Isinumatti gadhaa nu irraa kutate malee, nuuti isin irraa hin kutanne. 13Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha.
Worra Hin Dhugeeffanne Woliin Hin Xaxamina'a
14Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina'a. Balchumma'aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande'an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande'an? 15Kiristoosii fi Seexanni attam wolii galuu dande'an? Nami dhugeeffatuu fi nami hin dhugeeffanne maan woliin qaba? 16Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu,
«Mana kiyya kolbaa tiyya oddu'utti hin godha;
odduu isaaniille hin le'a;
Ani Waaqa isaanii hin te'a,
isaanille kolbaa tiyya hin te'an» jedhe,
nuuti Galma Waaqa jiraata'aa ti.
17Ammalle Goottaan,
«Isin odduu isaaniitii fowama'atii baya'a;
waan battii te'e hin tuqina'a.
Anille isin hin fudhadha;
18Ani Abbaa keessan hin te'a,
isinille ilmaan tiyya ta dhiiraatii fi durraa hin teetan
jedha Goottaan waan mara dande'u» jedheera.

Did you know?
Open Hearts in the Day of Salvation
- The chapter urges its hearers not to receive God’s grace in vain. It quotes God as saying that he heard them in a time of favor and helped them in a day of salvation, then applies those words at once: now is the time of favor, and now is the day of salvation.Sources: the Bible text itself
- The speakers commend themselves as servants of God through great endurance in troubles, hardships, and calamities, in beatings, imprisonments, and riots, and in labor, sleepless nights, and hunger, as well as in purity, knowledge, patience, kindness, the Holy Spirit, and sincere love. They also speak of weapons of righteousness in the right hand and in the left, and of sharp contrasts: dying, yet living on; punished, yet not killed; poor, yet making many rich; having nothing, yet possessing everything.Sources: the Bible text itself
- They speak freely to the Corinthians, saying that their own hearts are open wide while the Corinthians’ affection is restrained, and, as a fair exchange, they ask them, as children, to open their hearts also. They warn them not to be unequally yoked with unbelievers, contrasting righteousness with wickedness, light with darkness, Christ with Belial, a believer with an unbeliever, and the temple of God with idols. The chapter says that we are the temple of the living God, and it includes the Lord’s call to come out from among them, be separate, and touch no unclean thing.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org