2 Chronicles 6
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Dubbii Solomoon Eebba Galma Waaqaa Irratti Dubbate
1Achiin duuba mootichi Solomoon, «Ee Mootii Waan Maraa, ati, ‹Duumensa ciggaa dukkanowaa keessa jiraadha› jetteerta.
2«Ani galma guddaa miidhagaa ati haga bara baraa keessa leetu si'iif ijaareera» jedhe.
3Achiin duuba wolde'i Israa'elii marti adoo achi dhaabbatiisatti jiranuu mootichi gara isaanii garagalee isaan eebbise. 4Inni, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii leellifamuu ti! Inni waan afaan ifiitiin abbaa kiyya Daawitiif waadaa gale muummesseera; inni abbaa kiyya Daawitiin, 5‹Kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee, qachaa gosa Israa'elii keessaa addee ulfinna maqaa kiyyaatiif Galmi kiyya itti ijaaramu, nama kolbaa tiyya Israa'elii sooressulle namuuyyuu ani hin filanne. 6Amma ammoo ani maqaa kiyyaaf Yerusaalem filadheera; ati Daawiti kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf si filadheera› jedheera.
7«Abbaan kiyya Daawiti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma ijaariisaaf gadhaa keessatti yaadateeraayyu. 8Mootiin Waan Maraa ammoo abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ati maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaariisaaf yaadatiis keeti dansa'a. 9Te'uu malee ilmuma keeti ka ati uumatutti maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaara malee si'ii moti› jedhe. 10Amma Mootiin Waan Maraa waadaa gale san muummesseera. Ani akkuma inni waadaa gale san addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra tee'ee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma Waaqaa ijaareera. 11Saanduqa Gondooro'oo ta Gondooroon Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii woliin gondoorate keessa jirtu achi keessa keyeera» jedhe.
Daadimata Solomoonii
12Achiin duuba Solomoon addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, wolde'a Israa'elii duratti, harka ifii diriirse. 13Inni waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta dheerinni isi'ii ciqilee shanii, badhinni isi'ii ciqilee sadii, hojjaan isi'iille ciqilee sadii sageettuu irraa hujisiisee, odduu badhinna dalleya keessaa ka gara alaa keessa keye. Achiin duuba waan san irra dhaabbatee, wolde'a Israa'elii mara duratti jilbiiffatee, harka ifii gara ol-gubba'aa badhisee, 14«Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, ol-gubbaa keessa yookiin biyya lafaa irra Waaqi akka keetii hin jiru; ati tajaajiltoota teeti ta gadhaa tokkochaan fuula keeti dura deddeebi'anuuf Gondooro'oo fi jaalala keeti ka bara baraa hin eedda. 15Ati tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte muummessiteerta; waan dur afaan keetiin dubbatte adha kunoo harka keetiin muummessiteerta. 16Amma, Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, waan tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiin, ‹Akkuma ati fuula kiyya dura deddeebite, sanyiin teetille waan gootu maraan akka ajaja kiyyaatitti yoo deddeebite, nami isaan keessaa mootii te'ee barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra fuula kiyya dura tee'u hin dhabamu› jettee waadaa galte san naaf eegi. 17Amma, ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, jecha tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte san muummessi.
18«Ee Waaqa, ati dhugumaan biyya lafaa irra namoota woliin leetaa ree? Ol-gubba'aa fi ol-gubbaan oliituu si fuudhuu hin dandeettu; Galmi ani ijaare kun fa'a attam attam diqqaatu ree! 19Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya, daadimataa fi gaaffii mararti'ii ta ana tajaajilaa keetii dhage'i; iyyaa fi daadimata ani tajaajilaan keeti fuula keeti duratti dhikeeffadhu naa caqasi. 20Ilti teeti halkanii fi guyyaa gara Galma akka maqaan keeti keessa jiraatu goote kanaa ilaaltuu ti. Daadimata ani tajaajilaan keeti gara Galma kanaa fuula galee daadimadhu naaf dhage'i. 21Daadimata ani tajaajilaan keetii fi kolbaan teeti Israa'elii gara addee tanaa fuula gallee daadimannu, ol-gubbaa bultoo teeti irraa nuu dhage'iitii, nuu araaram.
22«Nami tokko nama dhibii irratti cubbuu hujee, cubbuu huje saniif gara Galma kanaa dhufee, gara addee ciinca'aa teetii dhikaatee akka kakatuuf yoo gaafatame, 23ol-gubbaa irraa dhage'iitii muraa kenni; tajaajiltoota teetiif muraa yennaa kennitu ka yakkeef akkuma yakkaa isaatitti mataa isaatitti deebis; balchichaalle balchummaa isaa mudhisiisaan akkuma balchummaa isaatitti isaaf kaffali.
24«Kolbaan teeti Israa'el waan si yakkiteef, diinota ifiitiin yoo injifatante, gaabbitee, gara keeti deebitee, Galma kana keessatti fuula keeti duratti daadimataa maqaa keeti yoo waammatte, 25ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu kolbaa teeti Israa'elii araaramiitii, gara lafa isaanii fi abbootii isaaniitiif kennitee isaan deebisi.
26«Isaan waan si yakkaneef ol-gubbaan cufantee, bokkeenni roobiisa yennaa dhabu, sababa cubbuu isaaniitiif, ati waan isaan rakkitteef, isaan gara addee tanaa fuula galanee yoo daadimatane, maqaa keeti yoo waammatane, cubbuu ifii irraa yoo deebi'ane, 27ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu tajaajiltoota teeti kolbaa Israa'elii araaram. Karaa qajeelaa irra akka deemanu isaan barsiisi; lafa kolbaa teetiif dhaala gootee kennite irralle'etti bokkeya roobisiisi.
28«Yennaa beelti yookiin balaan lafa irratti bu'u shantoon, oolaan, awwaannisii fi korophiis midhaan balleessu yookiin yennaa diinni qachaa isaanii keessatti isaan marsee badiin yookiin dhukkubi adda addaa dhufu, 29kolbaa teeti Israa'el mara keessaa yookiin isaan keessaa nami tokko rakkinnii fi dhukkubbiin isaa itti dhage'antee, harka ifii gara Galma kanaa diriirsee daadimatee yoo gaafate, 30ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa dhage'iitii isaaniif araarami; gadhaa namaa ka beeku si qofa waan teeteef, nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kenni. 31Achiin duuba isaan lafa ati abbootii teennaaf kennite keessa bara le'anu mara si hin sodaatan; karaa keetille hin deeman.
32«Akkasuma ormi tokko ka kolbaa teeti Israa'el keessaa hin te'in, marroo maqaa keeti gudda'aa, marroo irree teeti jaddu'uutii fi harka keeti ka diriiree dhage'ee biyya fago'ootii dhufee, gara Galma kanaa fuula galee yoo daadimate, 33ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa isaaf dhage'i. Kolbaan lafa irraa marti akkuma kolbaa teeti Israa'elii maqaa keeti beekanee akka si sodaatanu, Galmi ani ijaare kun maqaa keetiin akka waamamu akka beekanu waan ormi sun si gaafatu mara isaaf dhage'i.
34«Kolbaan teeti diinota ifii loliisaaf gara ati isaan ergitu mara yennaa dhaqanu, gara qachaa ati filattee kanaa fi gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yennaa daadimatanu, 35ati ol-gubbaa irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif.
36«Nami hin yakkine waan hin jirreef, kolbaan teeti yoo si yakkitu, ati isaanitti aartee, diinota isaanii ka isaan booji'ee biyya fago'oo yookiin dhiko'oo isaan geessanutti dabarsitee yoo isaan kennitu, 37kolbaan teeti lafa booji'ante san keessatti qalbii ifiitiin gara keeti deebitee, ‹Cubbuu hunyeerra; yakkineerra; waan hantuu tolchineerra› yoo jette, 38Lafa itti booji'amane san keessatti gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin gara keeti deebi'anee, gara lafa ati abbootii isaaniitiif kennitee, gara qachaa ati filattee, gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yoo daadimatane, 39ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif; kolbaa teeti ta si yakkiteef araaramiifille'e.
40«Amma, ee Waaqa kiyya, ilti teeti gara daadimata addee tanaa ilaaltuu ti; gurri keetille gara daadimata addee tanaa caqasuu ti. 41Amma, ee Mootii Waan Maraa Waaqa ka'i! Saanduqa Gondooro'oo ka hunna teeti mudhisu woliin gara addee foora teeti koyi. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, hayyooti teeti fayyinna uffatanuu ti; woyyooti teeti dansummaa teetiin firinxiixanuu ti. 42Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ka muudde san hin lakkisin; jaalala keeti ka bara baraa ka tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte yaadadhu» jedhe.

Did you know?
Solomon Dedicates the Temple
- During the dedication of the temple, King Solomon prayed from a custom-built bronze platform placed in the middle of the courtyard, measuring five cubits square and three cubits high. In front of the entire assembly, the king knelt down and spread his hands toward heaven.Sources: the Bible text itself
- Solomon acknowledged that even the highest heaven cannot contain God, yet he dedicated the temple as a focal point toward which people could direct their prayers. His prayer explicitly included foreigners from distant lands, asking God to hear their petitions so that all peoples of the earth might know His name.Sources: the Bible text itself
- Solomon highlighted that since the exodus from Egypt, God had not chosen a permanent city for His Name until choosing Jerusalem. The construction of the temple fulfilled the divine promise given to Solomon's father, David, that his son would build the house and establish the royal line.Sources: the Bible text itself · Jerusalem · Egypt · David
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org