2 Chronicles 36
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootii Yihuda'aa Yeho'ahaaz
1Kolbaan Yihuda'aa ilma Yosiyaasii Yeho'ahaaz fuudhanee addee abbaa isaatitti Yerusaalem keessatti mootii godhane. 2Yeho'ahaaz yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sad bulche. 3Achiin duuba mootiin Gibxi'ii barcumaa mootumma'aa ka Yerusaalem jiru irraa isa buusee, kolbaan Yihuda'aa meetii kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur, worqii kiiloogiraamii soddomii afur gibira itti mure. 4Mootiin Gibxi'ii Nekoon obboleessa Yeho'ahaazii Eliyaaqim Yerusaalemii fi Yihudaa irratti mootii godhee, maqaa isaalle jijjiiree «Yehoyaaqiim» jedhe. Obboleessa Eliyaaqimii Yeho'ahaaz ammoo gara Gibxi'ii geesse.
5Yehoyaaqiim yennaa Yihudaa irratti mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii tokko bulche. Inni Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. 6Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yihuda'atti duulee Yehoyaaqiim qabee gara Baabilonii isa geessiisaaf haachaba sageettu'uutiin hidhe. 7Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa garii fuudhee mana mootummaa ifii ka Baabilon keessaa keessa keyate. 8Wonni dhibiin ta mootichi Yehoyaaqiim huje, wonni diqachiittuun inni hujee fi wonni hantuun isatti dhufe marti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti; ilmi isaa Yehoyaakiin addee isaatitti mootii te'e.
Mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin
9Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sadii fi guyyaa kudhan bulche; innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 10Woggaa keessa ji'a furmaataa Nebukadnezaariin mootichi namoota ergee, meya Galma Mootii Waan Maraa ka gatii guddo'oo woliin gara Baabilonii isa geesse. Achiin duuba obboleessa isaa ka abbaa diqqaa Zedeqiiya'aa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa
11Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa kudhanii tokko bulche. 12Innille Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. Jecha Mootii Waan Maraa ka dubbate Ermiyaasii raagicha duratti gad hin jenne. 13Nebukadnezaarii mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiise irratti finqila kaase. Inni ajajamuu didee, gadhaa jabaate malee gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin deebine. 14Itti dabalanee qondaaltoti hayyootaatii fi kolba'aa ka hin addatanne te'anee aadaa diqachiittuu gosa biyya adda addaa hordofanee, Galma Mootii Waan Maraa ka inni Yerusaalem keessatti woyyoonfate batteessane.
Jinnana Yerusaalemii
15Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii isaanii ta durii, kolbaa ifiitiif, Galma ifiitiifille marartii waan qabuuf, yennaa bacaa raagota ifii gara isaanii ergee, isaan ifi eeggachiiseeraayyu. 16Isaan ammoo haga mufiin Mootii Waan Maraa ta jalaa bayanee hin dandeenne kolbaa isaatitti dhuttetti, ergantoota Mootii Waan Maraa irratti murganee, jecha isaalle tuffatanee raagota isaa salphisane. 17Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootii Baabilonii isaan irratti kakkaasee, inni dargaggoota dhiira isaanii addee woyyittii keessatti shallaaga'aan ijjeese; ijoollee dhiiraatii fi ta durraa, jaarsa dulloome yookiin gergeshe maraafille gadhaa hin laanne. Mootiin Waan Maraa isaan mara harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne. 18Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa gugurda'aa fi didiqqaa mara, qabeenna Galma Waaqaa, qabeenna mana mootumma'aatii fi qondaaltota mootichaa mara fudhatee gara Baabilonii geesse. 19Isaan Galma Waaqaa ibiddaan gubanee, dalleya qachaa Yerusaalemiille diiganee, mana mootumma'aa isaa mara ibiddaan gubanee, meya gatii guddo'oo ka isaa mara balleessane. 20Inni worra shallaagaa jalaa miliqee hafe booji'ee gara Baabilonii geessee, isaan haga mootummaan worra Faaresii dhaabantetti, tajaajiltoota mootichaatii fi ilmaan isaa te'ane. 21Akkasiin jechi Mootii Waan Maraa ka karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatame muummowee, woggaa torbaatama haga isaan biyya itti booji'amane keessa le'anu kana mara latti ontee, foora Sanbataa ka woggaa torbaa ka dur dhadde dhaggatte.
Mootiin Faaresii Qiiros Yihudooti Boojuu Irraa Akka Deebitu Ajaje
22Jechi Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummowu, mootiin Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yaadaa isaa kakkaase; tanaaf inni mootummaa ifii mara keessa lassii lassiisee, barreeffamaan baasee, 23mootiin Faaresii Qiiros, «Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa, mootummaa biyya lafaa mara naaf kennee, Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaruuf na ajajeera; kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; innille gara Yerusaalemii dhaquu ti» jedhe.

Did you know?
The Fall of Jerusalem and the Decree of Cyrus
- In the final decades of Judah, foreign rulers repeatedly dictated the royal succession in Jerusalem. Pharaoh Neco of Egypt deposed Jehoahaz and placed his brother Eliakim on the throne under the name Jehoiakim, while King Nebuchadnezzar of Babylon later installed Zedekiah.Sources: the Bible text itself · Jehoiakim · Zedekiah
- Nebuchadnezzar and his Chaldean forces destroyed Jerusalem by burning down the temple and royal palaces, breaking down the city walls, and carrying the sacred vessels and surviving population into exile in Babylon.Sources: the Bible text itself · Jerusalem · Babylon
- In fulfillment of the word spoken through the prophet Jeremiah, the land lay desolate for seventy years until Cyrus, king of Persia, issued a royal decree granting the Jewish exiles permission to return and rebuild the house of God in Jerusalem.Sources: the Bible text itself · Cyrus · Jeremiah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 2, 3, 4, 5, 6, 9, 10, 11, 14, 19, 23
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 3, 4
- Babylon · 32.543, 44.422 · verses 6, 7, 10, 17, 18, 20
- Chaldea · 30.962, 46.104 · verse 17
- Persia · 34.806, 48.516 · verses 20, 22, 23
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org