2 Chronicles 33
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootii Yihuda'aa Minaasee
1Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche. 2Inni hujii diqachiittuu gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baasee san hordofee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu huje. 3Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; Ba'aaliifille addee ciinca'aa ijaaree, utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabe. Inni urjootalle waaqonfate. 4Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Maqaan kiyya haga bara baraa Yerusaalem keessatti hin waaqonfatama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare. 5Badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa lamaanuu keessatti urjoota ol-gubba'aa waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare. 6Inni dhooqa ilma Hiinomii keessatti ilmaan ifii kennansa gubamu godhee dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu morsiifatee, Mootii Waan Maraa duratti cubbuu guddittii hujee aarii isaa kakkaase. 7Inni fakkii waaqa dharaa ka qiriixee huje san fuudhee, Galma Waaqaa ka Waaqi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem lafa gosa Israa'elii mara keessaa addee filadhe tana keessatti, haga bara baraa maqaa kiyya keessa hin keya; 8kolbaan Israa'elii seerata kiyya yoo eegatte, seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne duudiille yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan ari'amanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye. 9Minaaseen ammoo kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii duraa ari'ee baase caalaa cubbuu hujane. 10Mootiin Waan Maraa Minaase'ee fi kolbaa ifiititti dubbatulle, isaan ammoo caqasuu didane. 11Maarre Mootii Waan Maraa ajajjoota loltoota mootii Asoorii isaanitti fidee, isaan Minaasee qabanee, hookkoo sagana'aa funnaan isaa keessa keyanee, harka isaa wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii isa geessane. 12Minaaseen rakkinna kana keessa adoo jiruu, gad ifi qabee, gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deebi'ee, qarqaarsa isa gaafate. 13Mootiin Waan Maraa daadimata isaa dhage'eefii, gara Yerusaalemii mootummaa isaatitti isa deebise; Minaaseelle Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e beeke. 14Tanaan duuba Minaaseen dalleya dhaka'aa ka qachaa Daawitii ka gara alaa dhooqa madda Giihonii ka gara aduun baatuutii kaasee haga seensuma «Karra qurxummi'ii» jedhantuu, kooba Ofeeliititti marsee dalleya dhaka'aa hojjaa itti dabalee ijaare; qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara qondaaltota loltootaa keessa keye. 15Inni Galma Mootii Waan Maraa keessaa Waaqota ormaa fi fakkii achi keessa jirtu balleessee, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ta kooba irra addee Galmi Mootii Waan Maraa dhaabbate keye, Yerusaalem keessa ta addee dhibiille jirtu diigee qacha'aan alatti gate. 16Achiin duuba addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa haaressee ijaaree, isii irratti kennansa tokkumma'aatii fi kennansa galataa dhikeesse; kolbaan Yihuda'aalle Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka waaqonfattu ajaje. 17Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitulle, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii qofaaf dhikeessite.
18Wonni dhibiin ta Minaaseen huje, daadimati inni Waaqa ifii daadimatee fi ergaan raagoti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin dubbatane kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 19Minaaseen mootichi daadimatee deebiin Waaqi daadimata isaatiif kenne, adoo cubbuu irraa hin deebi'in dura cubbuun inni hujee fi ka hin addatanne te'uun isaa marti, addee waaqonfanna'aa irratti utubaa waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi fakkiin waaqota dharaa ta inni dhaabe marti, kitaaba raagota Israa'elii irratti barreeffanteerti. 20Minaaseen du'ee mana mootumma'aa ka ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Amooni addee isaatitti mootii te'e.
Mootii Yihuda'aa Amooni
21Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche. 22Akkuma abbaa ifii Minaase'ee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate innille waaqonfate. 23Amooni akka abbaan isaa Minaaseen Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qabe, gad ifi hin qanne. Inni yakkaa abbaan isaa huje caala'aayyuu huje.
24Tajaajiltooti Amoonii mala isatti dhowanee mana mootumma'aa ka isaa keessatti isa ijjeesane. 25Achiin duuba kolbaan lafa sanii worra Amooni irratti mala dhowe mara ijjeesanee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii godhane.

Did you know?
The Reigns of Manasseh and Amon
- Although Manasseh reversed his father Hezekiah's reforms and promoted idolatry throughout Judah, his captivity marked a dramatic turning point. Captured with hooks and bronze shackles by Assyrian commanders and taken to Babylon, he humbled himself and prayed, leading to his restoration to the throne in Jerusalem.Sources: the Bible text itself · Assyria · Babylon
- Following his return to Jerusalem, Manasseh strengthened the city's defenses by expanding and heightening the outer wall around the hill of Ophel toward the Fish Gate. He also removed the foreign idols and altars he had previously erected in the temple and ordered Judah to worship the God of Israel.Sources: the Bible text itself · Ophel · Fish Gate
- Manasseh's son Amon revived the idolatrous practices his father had introduced but did not humble himself before God. After a brief reign of two years, Amon was assassinated by his own servants in his palace, and the people of the land installed his young son Josiah as king.Sources: the Bible text itself · Amon · Josiah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 4, 7, 9, 13, 15, 21
- Valley of Hinnom · Today: Hinnom Valley · 31.769, 35.228 · verse 6
- Assyria · 36.359, 43.153 · verse 11
- Babylon · 32.543, 44.422 · verse 11
- City of David · 31.774, 35.236 · verse 14
- Fish Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 14
- Gihon · Today: Gihon Spring · 31.773, 35.236 · verse 14
- Kidron · Today: Kidron River · 31.780, 35.240 · verse 14
- Ophel · 31.775, 35.236 · verse 14
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org