2 Chronicles 31
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Hisqiyaas Jiruu Dhugeeffanna'aa Haaresse
1Jilti Irra Dabaramaa hobbaateen duuba kolbaan Israa'elii marti gara qachaa Yihuda'aa mara dhaqanee utuboota dhaka'aa ka itti waaqonfatanu caccassanee, utuboota waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjissanee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ta worra ormaa, biyya Yihuda'aa, biyya Beniyaaminii, biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee mara keessaa balleessane. Isaan waan kana mara balleessaneen duuba gara qe'ee ifii deebi'ane.
2Hisqiyaasiin mootichi Hayyootaa fi Lewwoota kutaa kutaa isaaniitiin, akkuma hujii hujii isaaniititti irra deebi'ee ramade; isaan kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Galma Waaqaa keessatti waaqonfataa, karra Galma Mootii Waan Maraa duratti faaru'uun leellifataa galatteessan. 3Mootichi akkuma Seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti hoole'ee fi loon ifii keessaa kennansa gubamu ka galgalaa fi ganamaa, ka guyyaa sanbataa, ka guyyaa baatii ji'aatii fi ka guyyaa jila beekkanteetiifille kenne. 4Akkasuma hayyootii fi Lewwooti guyyaa guutuu tajaajila Seera Mootii Waan Maraatiif akka ifi kennuu dande'anu, kolbaan Yerusaalem keessa leetu qooda isaaniif murame akka isaanii fiddu ajaje. 5Akkuma ajaji kennameen, kolbaan Israa'elii, midhaan mata'aa, daadhii woyni'ii haareya, zayitii ejersaa, damma akkasuma midhaan ficha'aa mara ka mata'aa jaalalaan fidane; waan qabanu mara irralle'ee kudhan keessaa tokko fidane. 6Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii worri qachaa Yihuda'aa keessa le'u marti, loon, hoole'ee fi re'ee ifii keessaa kudhan keessaa tokko fidane; akkasuma waan Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif woyyoonsane irraa kudhan keessaa tokko fidanee tuulane. 7Isaan kennansa kana ji'a sadeesso'oo keessa jalqabanee ji'a torbeesso'ootitti fixane. 8Hisqiyaasii fi qondaaltoti isaa dhufanee tuulaa tana yennaa dhaggane Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaa kolbaa Israa'eliille leellisane. 9Hisqiyaasiin mootichi marroo kennansa kanaa hayyootaa fi Lewwoota gaafate; 10Maatii Zaadoqii keessaa hayyichi sooressi, Azaariyaan, «Kolbaan kennansa ifii gara Galma Mootii Waan Maraa fidiisa haga jalqaddee nyaannee quunnee bacaan nu irraa hafeera; Mootiin Waan Maraa kolbaa waan eebbiseef, wonni bacaan kun hafuu dande'e» jedhe.
11Hisqiyaas Galma Mootii Waan Maraa keessatti kolloo kuusaa meyaa akka qopheessanu ajaje; isaanille akkuma inni ajaje godhane. 12Achiin duuba kennansa mara, kudhan keessaa tokko, kennansa woyyoome addatamumma'aan achi keessatti tuulane. Konaaniyaan sanyii Lewwi'ii itti gaafatamaa mana meya mootumma'aa te'ee, obboleessi isaa Shime'i itti aanaa isaa te'e. 13Konaaniya'aa fi Shime'i jala akka hujanuuf: Yehii'el, Azaziiyaan, Naahaat, Asaa'el, Yeremoot, Yozaabaad, Elii'el, Ismaakiyaan, Mahaatii fi Benaaya'aan Hisqiyaasii mootichaa fi Azaariyaa hayyicha gudda'aan filamane. 14Ilmi Imnaa Lewwichaa Qore, ka karra karaa aduun baatuu eegu, kennansa fedhii ifiitiin Waaqaaf nami fidu fuudhee qoodiisaaf itti gaafatamaa te'e. 15Eden, Miniyaamiin, Yeshu'aan, Shemaa'iyaan, Amaariyaanii fi Shekaaniyaan qachaa hayyootaa keessatti hayyoota fira isaanii jaarsole'ee fi dargaggootaaf addatamumma'aan qooda isaanii hiriisaan Qore qarqaarane. 16Itti dabalanee dhiira worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamane, ka woggaan isaanii sadii fi sadii ol te'ane, worra akka hujii hujii isaaniititti itti gaafatamummaa isaaniititti hujii ifii hujiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanu maraaf hujii isaan hujanu itti qoqoodane. 17Hayyoota worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamanee fi Lewwoota worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa ol te'aneef akkuma hujii hujii isaaniitii fi itti gaafatamummaa isaaniititti hujii isaan hujanu itti qoqoode. 18Isaan addatamumma'aan huji'iif waan ifi woyyoonsaneef, akka hidda dhaloota isaaniititti haadhotii manaa ta ifii, ijoollee ifii, ta dhiiraatii fi ta durraa mara woliin galmeeffamane. 19Hayyoota qachaa sanyii Aaroniitiif ramadamane keessa yookiin lafa marraa ta qachaa saniif ramadamane keessa le'anu, worra maqaan isaanii sanyii Lewwootaa keessatti galmeeffame worra dhiiraa maraaf, qooda isaan gewu akka isaaniif kennanu, namoota itti gaafatamanu filaneef. 20Hisqiyaasiin mootichi lafa Yihuda'aa mara keessatti waan Mootii Waan Maraa Waaqa isaa duratti sirrii te'ee fi waan addatamumma'aa huje. 21Inni Galma Mootii Waan Maraa tajaajiliisaan, seeraa fi ajaja eegatiisaan waan huje mara gadhaa tokkochaan, Waaqa barbaadatiisaan hujee, wonni marti isaaf teete.

Did you know?
Hezekiah Organizes the Priests and Offerings
- Following the celebration, the Israelites destroyed idolatrous shrines across Judah, Benjamin, Ephraim, and Manasseh. King Hezekiah then reorganized the priests and Levites into their divisions, contributed from his personal wealth for the regular burnt offerings, and instructed the people to provide tithes so the ministers could devote themselves to the Law of the LORD.Sources: the Bible text itself · Hezekiah
- The people brought such generous tithes and firstfruits of grain, new wine, oil, honey, and livestock that massive heaps accumulated between the third and seventh months. Azariah, the chief priest from the household of Zadok, reported that there was an abundance left over, prompting Hezekiah to order the preparation of storerooms in the temple.Sources: the Bible text itself · Azariah · Zadok
- Officials including the Levites Conaniah, his brother Shimei, and Kore, the keeper of the East Gate, were appointed to manage and distribute the contributions faithfully. Portions were supplied not only to the temple ministers in Jerusalem, but also to priests, Levites, and their families in surrounding cities according to their registered genealogies.Sources: the Bible text itself · Cononiah · Shimei
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org