2 Chronicles 3
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Solomoon Galma Ijaare
1Achiin duuba Solomoon Yerusaalem keessatti gaara Moriiyaa irratti, addee dur Mootiin Waan Maraa abbaa isaa Daawititti mudhatetti Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe; Daawiti addee Mootiin Waan Maraa isatti mudhate sanitti eeddummee Ornaanii nama biyya Yibusootaa keessatti Galma Waaqaa ijaariisaaf qophowe. 2Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo keessa, guyyaa lammeesso'ootitti Galma Waaqaa san ijaariisa jalqabe. 3Galmi Waaqaa ka Solomoon ijaariisa jalqabe, mikii bara durii dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama. 4Soroon isaa karaa fuula duraatiin, akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, ol dheerinni isi'iille ciqilee dhibbaa fi diddama; inni keessa isi'iille worqii qulluu itti gonfe. 5Kolloon guddittiin Galma sanii muka hindheensaatiin ijaarantee, worqiin qulluun itti gonfantee, fakkiin muka meexxi'iitii fi haachabaa irratti kaafamane. 6Mootichi Solomoon Galma san dhakaa gatii guddo'ootiin miidhasse; worqiin inni ittiin seese sun worqii biyya Faarwaayimii ti. 7Maarre inni buusaa heellichoo Galmaa, keessa isaa, dhaaba isaa, saanqa'aa fi mikikkila balbalaa isaa mara worqii itti gonfee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu dhaaba isaa irratti kaase. 8Inni Addee Irra Caalaa Woyyittiille ijaarsise. Dheerinni isi'ii akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama. Inni dhaaba isi'ii worqii qulluu kiiloogiraama kuma diddamaa fi dhibba afur geettu itti gonfe. 9Mismaarri worqi'ii gara giraama dhibba shanii fi torbaatamaa ti; inni kolloota mana mana irraalle worqii itti gonfe.
10Inni Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu lama muka irraa hujisiisee, worqii itti gonfe. 11Dheerinni koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu sun ta lamaaniituu wolumatti ciqilee diddama; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokkeesso'oo gara tokkoon ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo bira geya. 12Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka lammeesso'oo, koolli tokkochi ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka tokkeesso'oo biralle geya. 13Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun koola ifii Galma keessa ciqilee diddama diriirsanee, kolloo guddittii Galma saniititti fuula galanee miila ifiitiin dhaabbatan. 14Mootichi Solomoon Addee irra caalaa Woyyittii saniif gollaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille'ee, bifa diima'aa quncee talba'aa dansaa irraa hujee fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti huje.
Utuboota Sageettu'uu Lama
15Mootichi Solomoon utuboota ciqilee soddomii shan dheeratanu lama Galma Waaqaa duratti hujisiise. Mataa utuboota sanii tokko tokkoo isaanii irratti guutuu ciqilee shan shan dheerattu hujisiise. 16Inni haachaba wolitti xaxee miidhassee, qaccee utuboota sanii irra keyee, midhaan, «Muka rumaan» jedhamuu dhibba hujee haachaba saniin wolitti qassiise. 17Inni utuboota san balbala Galma Waaqaa dura tokkocha gara middaatitti, kaan gara bita'aatitti dhaabe; ka gara middaa jiru, «Yaakiin», ka gara bita'aa jiru, «Bo'az» jedhee moggaase.

Did you know?
Building the Temple of Solomon
- Solomon began constructing the temple in Jerusalem on Mount Moriah, on the site of the threshing floor of Ornan the Jebusite. David had previously insisted on purchasing this property at full price after the angel of destruction was stayed there, preparing it for the house of the LORD.Sources: the Bible text itself · Ornan · Mount Moriah
- The interior of the temple was overlaid with fine gold and decorated with precious stones, with gold brought from Parvaim. The exact identity of Parvaim is uncertain, though some have associated it with Ophir or taken it to mean eastern regions generally.Sources: the Bible text itself · Parvaim
- In front of the temple stood two prominent pillars topped with decorative capitals, interwoven chains, and a hundred carved pomegranates. Solomon named the southern pillar Jachin and the northern pillar Boaz.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 1
- Mount Moriah · 31.778, 35.236 · verse 1
- Most Holy Place · Today: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · verses 8, 10, 14
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org