2 Chronicles 22
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ahaaziyaan Mootii Yihuda'aa Te'e
1Worri saantotaa ka worra Arabaa woliin dhufane, ilmaan Yohoraamii mootichaa angafoota mara waan fixaneef, kolbaan Yerusaalemii ilma Yohoraamii maandhicha Ahaaziyaa addee abbaa isaatitti mootii godhane; tanaaf Ahaaziyaan ilmi Yohoraamii mootichaa, mootii Yihuda'aa te'e. 2Ahaaziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii ti. 3Haati isaa akka inni waan hantuu huju waan gorsiteef, innille akkuma sanynii Ahaabii waan hantuu huje.
4Abbaan isaa du'een duuba, sanyiin Ahaabii karaa badi'ii waan isatti gorsaneef, akkuma sanyii Ahaabii innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 5Inni gorsa isaanii fudhatee, ilma Ahaabii mootii Israa'elii Yehoraam woliin, mootii Sooriya'aa Hazaa'el loliisaaf gara Raamoot-Giili'aadii yennaa dhaqe, innille isa woliin dhaqe. Worri Sooriya'aalle achitti isa madeessane. 6Inni mootii Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol lolanuu, madaa Raamaatitti isa madeessane san fayyiisaaf, Yizre'elitti deebi'e; achiin duuba ilmi Ahaabii Yehoraam waan madoweef, mootiin Yihuda'aa ilmi Yohoraamii Ahaaziyaan Yehoraam gaafatiisaaf gara Yizre'el gad dhaqe.
7Ahaaziyaan Yoraam gaafatiisaaf dhaqiisa isaa, Waaqi du'a isaatiif sababa godhe; Ahaaziyaan yennaa achi geye, Yoraam woliin ilma Niimshii Yehuu ka Mootiin Waan Maraa akka inni sanyii Ahaabii balleessuuf muude bira dhaqe. 8Yehuun maatii Ahaabii irratti muraa kenniisatti jiruun, worra Ahaaziyaa gula jiru qondaaltota Yihuda'aatii fi ilmaan obboleeyyan Ahaaziya'aa dhaggee isaan mara ijjeese. 9Achiin duuba inni Ahaaziyaa barbaachisee, inni Samaariyaa keessatti dhokateeruun dhagganee qabanee, gara Yehu'uu fidanee ijjeesane; isaan, «Inni akaakoo Yoshaafaaxii ka gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraa tajaajilee ti» jedhanee awwaalane; eega san sanyii Ahaaziya'aa keessaa nami mootummaa qabatuu dande'u dhabame.
Ataaliyaan Mootittii Yihuda'aa Teete
10Haati Ahaaziya'aa Ataaliyaan ilmi isi'ii akka du'e yennaa dhaggite, kaatee sanyii Yihuda'aa keessaa maatii moototaa mara balleessite. 11Intalti Yehoraamii mootichaa Yoshebaan ammoo ilmaan moototaa ka ijjeefamaaranu keessaa ilma Ahaaziya'aa Yo'aas hattee fudhattee, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti dhossite; intalti Yoraamii Yoshebaan niitiin Yehoyaadaa hayyichaa obboleettii Ahaaziya'aa waan teeteef, Ataaliyaan akka hin ijjeenneef, Yo'aas dhossite. 12Bara Ataaliyaan lafa bulchite san inni Galma Waaqaa keessa woggaa jaa dhokatee isaan woliin le'e.

Did you know?
The Fall of Ahaziah and Athaliah's Usurpation
- Ahaziah was the son of King Jehoram and Athaliah, a daughter of Ahab and granddaughter of Omri. Guided by his mother's family, Ahaziah adopted the religious practices of the northern kingdom of Israel and allied with King Joram against Aram at Ramoth-gilead.Sources: the Bible text itself · Ahaziah · Athaliah
- When Ahaziah visited the wounded Joram in Jezreel, he was caught in the purge led by Jehu, whom God had anointed against the house of Ahab. Jehu's men executed Ahaziah but granted him a burial out of respect for his grandfather Jehoshaphat, who had sought the Lord.Sources: the Bible text itself · Jehu · Jehoshaphat
- After Ahaziah was killed, Athaliah usurped the throne and attempted to slaughter all the royal heirs of Judah. Her plan was thwarted by Jehoshabeath, Ahaziah's sister and wife of the priest Jehoiada, who hid the infant Joash in the temple for six years.Sources: the Bible text itself · Athaliah · Jehoram
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 2
- Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 5, 6
- Ramah · Today: Tall er Rumeith · 32.500, 36.015 · verse 6
- Samaria · 32.276, 35.195 · verse 9
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org