2 Chronicles 19
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax nageyaan gara mana mootummaa ifii Yerusaalemitti deebi'e. 2Ilmi Haanaanii Yehuun ka mudhii dhaggu Yoshaafaax fudhatiisaaf gad bayee, Yoshaafaaxii mootichaan, «Ati maaniif nama hamaa qarqaarte? Maaniif nama Mootii Waan Maraa jibbu jaalatte? Sababa kanaaf mufiin Mootii Waan Maraa sitti hin dhutti. 3Te'uu malee, ati utuboota waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu waan balleessiteef, qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaaddeef, wonni dansaan si keessa hin jirti» jedheen.
Yoshaafaax Abbootii Mura'aa File
4Yoshaafaax Yerusaalem keessa le'ee, Bersheeba'aa haga biyya koobittii Efreemii odduu kolba'aa bayee dhaqee, yaada kolba'aa gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii isaanii deebise. 5Tana maleelle inni qachoota biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu maraaf abbootii mura'aa filee, 6abbootii mura'aa saniin, «Isin Mootii Waan Maraatiif malee, namaaf waan hin hunyeef, waan hujjanu hubadha'aatii huja'a. Muraa kenniisa irratti inni isin woliin jira. 7Ammalle Mootii Waan Maraa sodaatiis isin bira jiraattuu ti. Haqa balleessuun yookiin nama wol caalchisuun yookiin safuu fudhachuun Mootii Waan Maraa Waaqa keenna bira waan hin jirreef, waan hujjanu maraaf ifi eegadha'a» jedhe.
8Yoshaafaax worra Lewwootaatii fi worra hayyootaa keessaa, sooreyyii maatii Israa'elii keessalle'ee nama garii maqaa Mootii Waan Maraatiin haajaa moroma'aa murteessiisaaf muraa akka kennanu Yerusaalem keessalle'etti file. Isaan Yerusaalem keessa le'ane. 9Inni qajeelfama isaanii kennee, «Isin Mootii Waan Maraa sodaatiisaan, addatamumma'aan, gadhaa tokkochaan hujadha'a. 10Obboleeyyan teessan worra qachaa keessa le'u keessaa haajaa marroo dhiiga dhangalaasiisaa, marroo seera yookiin ajaja diigiisaa, marroo seerata yookiin qajeelfama diigiisaa yennaa isinitti dhikeeffatanu mara akka isaan Mootii Waan Maraa duratti hin yakkine, isaan ifi eeggachiisa'a; yoo akkas hin te'in mufiin isinii fi obboleeyyan teessan irratti hin dhutti. Isin yoo tana gootane yakkaameyyii hin teetanu. 11Kunoo, waan Mootii Waan Maraa duudii ilaalchisee Amaariyaan hayyichi sooressi, waan mootichaa mara ilaalchisee ilmi Ishimaa'elii Zabaadiyaan, sooressi gosa Yihuda'aa isin irratti abbootii mura'aa te'aneeran. Worri Lewwootaalle sooreyyii te'anee isin tajaajilan. Mootiin Waan Maraa worra waan dansaa hujatu woliin jiraatii, jajjabaadha'aatii huja'a» jedhe.

Did you know?
Jehoshaphat's Reforms and the Judicial System
- When King Jehoshaphat returned to Jerusalem, the prophet Jehu son of Hanani confronted him for aiding King Ahab of Israel. Jehu's father, Hanani, had similarly rebuked Jehoshaphat's father, King Asa, for entering into an alliance with the king of Syria.Sources: the Bible text itself · Jehu · Hanani · Jehoshaphat
- As part of his judicial reforms in Jerusalem, Jehoshaphat appointed a high court comprising Levites, priests, and clan heads. He established two distinct spheres of oversight: Amariah the chief priest presided over matters pertaining to the LORD, while Zebadiah son of Ishmael directed matters concerning the king.Sources: the Bible text itself · Amariah · Zebadiah
- Jehoshaphat personally traveled throughout his realm, described as stretching from Beersheba in the south to the hill country of Ephraim in the north, to lead the population back to worshiping God.Sources: the Bible text itself · Beersheba
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org