2 Chronicles 16
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Bulchiinsa Aasaa mootichaa Ka Woggoota Gara Muumme'ee
1Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii jayeesso'ootitti, mootiin Israa'elii Baashaan Yihuda'atti duule; karaa saniin nami gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu jalqabe. 2Achiin duuba Aasaan addee qabeenni Galma Waaqaatii fi qabeenni mana mootumma'aa ka isaa jiru keessaa meeti'ii fi worqii fuudhee, mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaad ka Damaasqoo keessa tee'ee bulchuuf ergee, 3«Akkuma abbaa keetii fi abbaa kiyya wodhakkaa Gondooroon jirtu, anaa fi si wodhakkaalle Gondooroon jiraattuu ti. Kunoo, ani meeti'ii fi worqii sii ergeera. Akka inni na irraa deebi'uuf Gondooroo mooticha Israa'elii Baashaan woliin qaddu san diigi» jedhe. 4Ben-Hadaadille Aasaa mootichaaf tole jedhee, ajajjoota loltoota ifii gara qachoota Israa'elii erge; isaan Iyoon, Daan, Abeel-Maayimii fi qachoota mey itti kuufamu ka biyya Niftaalemii keessaa mara qabatane.
5Baashaan tana yennaa dhage'e, dalleya dhaka'aa ka qachaa Raama'atitti ijaaruu jalqabe san lakkisee, hujii ifii dhaabbachiise. 6Achiin duuba Aasaan mootichi namoota Yihuda'aa mara fidee, dhaka'aa fi muka Baashaan ittiin dalleya dhaka'aa ka Raama'atti ijaaruu jalqabe san fudhatee, dalleya dhaka'aa Geba'aa fi Miispha'atti ijaare.
Haanaanii Mudhii Dhaggu
7Yennaa Haanaaniin mudhii dhaggu gara Aasaa mooticha Yihuda'aa dhufee, «Ati mootii Sooriya'aatitti ciqilfattee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetitti ciqilfatuu waan dhaddeef, loltooti Israa'elii si jalaa miliqaneeran. 8Loltooti Itoophiya'aatii fi loltooti Liibiya'aa loltoota bindillaa hunnaameyyii garreettaa fardaan harkifamu heddu'uu fi abbootii fardaa heddu'uun lolanuu motiiyyuu? Te'uu malee, ati Mootii Waan Maraatitti waan ciqilfatteef, inni harka keetitti dabarsee isaan kenne. 9Worra gadhaa tokkochaan isatti ciqilfatuuf, qarqaarsa jabaa kenniisaaf, ilti Mootii Waan Maraa biyya lafaa duudii hin ilaalti. Ati waan kana gowwumma'aan hujje; tanaaf haganaa achi woraanni sitti hin ka'a» jedhe. 10Wonni kun Aasaa waan aarsiteef, inni ka mudhii dhaggu san mana hidha'aatitti galchee, miila isaa jirma lama oddu'utti hiisise; bara san Aasaan akkasuma kolbaa ifii keessalle'ee namoota tokko tokko farrisiise.
Muummee Bulchiinsa Aasa'aa
11Wonni Aasaan bara bulchiinsa ifii huje, jalqabaa haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 12Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti dhukkuba miilaatiin qabame; dhukkubi sun ittuma jabaataa deemulle, inni cidheeyyii qofa barbaadate malee, qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin barbaanne. 13Achiin duuba Aasaan motii te'ee woggaa afurtamii tokkeesso'ootitti du'e. 14Isaan addee awwaalaa ta inni ifiif qachaa Daawitii keessatti qopheeffate keessatti isa awwaalane. Isaan taqee uddowaa adda addaatii fi fiqire'een uddeeffante irra isa irkisane. Isaan ulfinna isaatiif ibidda guddaa goolane.
Did you know?
Asa’s Treaty, the Prophet’s Rebuke, and the King’s Death
- When Baasha of Israel fortified Ramah near Judah’s border, King Asa used silver and gold from the temple and royal palace to buy an alliance with Ben-hadad of Damascus. Ben-hadad attacked northern Israelite towns, including Ijon, Dan, and Abel-maim, forcing Baasha to abandon his project, after which Asa used the leftover stones and timber to build Geba and Mizpah.Sources: the Bible text itself · Ben-hadad · Ramah · Damascus
- The seer Hanani rebuked Asa for trusting in foreign military alliances rather than relying on God as he had done against previous vast armies. Infuriated by this criticism, Asa imprisoned the prophet and began oppressing some of his own subjects.Sources: the Bible text itself · Hanani
- In the thirty-ninth year of his forty-one-year reign, Asa developed a severe foot disease and sought help only from physicians rather than the Lord. Upon his death, he was buried in the City of David in a tomb he had prepared, laid on a bier filled with spices and perfumes alongside a large memorial fire.Sources: the Bible text itself · Asa
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Damascus · 33.511, 36.306 · verse 2
- Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 2, 7
- Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verse 4
- City of David · 31.774, 35.236 · verse 14
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org