1 Timothy 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waaqonfannaa Wolde'a Kiristaanaa
1Amma waan duudi'iin dura, iyyannoon, daadimannaan, worra dhibi'iif daadimatu'uu fi galata dhikeessuun Waaqa duratti nama duudi'iif akka godhamuuf gorsa. 2Nageyaa fi sarmiisaan, Waaqa soda'aa fi adaba dansa'aan akka leenu, moototaa fi worra baallii ol aantuu qabu duudi'iif daadimadha'a. 3Daadimati akkasii Waaqa fayyisaa keenna duratti dansa'aa fi ka fudhatama qabu. 4Inni nami duudiin akka fayyuu fi dhugaa akka beeku barbaada. 5Waaqi tokkocha; wodhakkaa jiraatee Waaqaa fi nama ka wolitti araarsu tokkocha; inni nama te'ee ka mudhate Yesuus Kiristoos. 6Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te'uu maltetti mirkanootte. 7Maarre anille sababa kanaaf dhugeeffanna'aa fi dhugaa lallabiisaaf ergama'aa fi barsiisaa te'ee, gara worra Yihudoota hin te'inii ergame. Ani dhugaa dubbatiisatti jira malee hin sobu.
8Worri dhiiraa addee maratti aari'ii fi moromaa malee, yaada qullu'uun harka isaanii ka woyyoome ol kaasanee akka daadimatanu barbaada. 9Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi'iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisa adoo hin te'in, ifi qabattee woyaa isi'iif malte akka uffattu barbaada. 10Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa'aan ifi seefattuuti. 11Dubartiin cadheessaa fi ajajamaan barattuu ti. 12Isiin akka barsiittu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani hin eeyyamu; isiin cadhisuu qaddi. 13Sababille Addaam matooma dadamee, Heewwan ammoo achiin duuba dadante. 14Ka sobamelle Addaamii moti; sobantee seera Waaqaa ta cassite dubartitti'i. 15Teetuu malee dubartiin dhugeeffanna'aa fi jaalalaan, woyyumma'aan ifi qabattee yoo jabaatte ilmee deyiisaan hin fayyiti.

Did you know?
Prayer, modest worship, and Adam and Eve
- This chapter urges that petitions, prayers, intercessions, and thanksgiving be offered for everyone, including kings and all those in authority, so that believers may lead tranquil and quiet lives in all godliness and dignity. It also says there is one God and one mediator between God and men, the man Christ Jesus, who gave himself as a ransom for all.Sources: the Bible text itself
- When the letter says that Adam was formed first, and then Eve, it appeals to the first man of Genesis. Easton's Bible Dictionary (1897) explains that Adam is a Babylonian word meaning 'red,' the generic name for man, with the same meaning in Hebrew and Assyrian, and that he was formed from the dust of the earth.Sources: the Bible text itself · Adam
- The letter says it was not Adam who was deceived, but the woman, who was deceived and fell into transgression. Easton's Bible Dictionary (1897) says Eve means 'life' or 'living,' the name Adam gave his wife, and that the account of her creation is given in Genesis 2:21-22.Sources: the Bible text itself · Eve
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org