1 Thessalonians 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Jiruu Waaqa Gammachiittu
1Muummee irratti, obboleeyyan tiyya, Waaqa gammachiisiisaaf attam akka leetanu nu irraa barattaneertan. Ammaa tana dhugumaan akka san le'iisatti jirtan; tana caalaalle akka gootanu, maqaa Goottaa Yesuusiitiin isin gaafataa isin gorsina. 2Nuuti baallii Goottaa Yesuusiitiin ajaja isinii kennine hin beettan. 3Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha. 4Nami duudiin haadha manaa woyyumma'aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. 5Akka worra Yihudoota hin te'inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin. 6Nami tokkolle waan kana irra taree dhugeeffataa dhibii hin yakkin. Akkuma tanaan qara isin ifi eegachiinne, worra waan kana godhu Goottaan hin adaba. 7Waaqi woyyumma'aan akka leenu malee, akka battumma'aan leenuuf nu hin waanne. 8Tanaaf, nami barsiisa kana tuffatu, nama adoo hin te'in, Waaqa Ayyaana Woyyicha ifii isiniif kennu tuffata.
9Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreessiisa hin barbaachisu. 10Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya'aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina. 11Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le'iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha'a. 12Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.
Dhufa Gootta'aa
13Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du'ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna. 14Yesuus du'ee, du'a keessaa akka ka'e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du'e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna. 15Akka barsiisa Gootta'aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi'ee dhufu adoo hin du'in jirru, worra du'eeru hin dursinu. 16Qoonqoo ajaja gudda'aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e, dursee hin ka'a; 17achiin duuba nuuti worri adoo hin du'in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta'aan wolde'iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena. 18Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa'a.

Did you know?
Holiness, Love, and Hope for the Dead
- This chapter notes that its readers were already showing love to all the brothers throughout Macedonia. In New Testament times Macedonia was a Roman province lying north of Greece, governed by a propraetor with the title of proconsul. Paul was summoned by a vision of the "man of Macedonia" to preach the gospel there.Sources: the Bible text itself · Macedonia
- The chapter speaks of the dead as people who sleep or have fallen asleep, and it asks the readers not to grieve like the rest, who have no hope. Because Jesus died and rose again, it says, God will bring with Jesus those who have fallen asleep in him; the dead in Christ will rise first, and then those still alive will be caught up with them in the clouds to meet the Lord in the air.Sources: the Bible text itself
- The readers are urged to aspire to a quiet life, to attend to their own matters, and to work with their own hands, as they had already been instructed. The chapter presents this as the way to behave properly toward outsiders and to avoid being dependent on anyone.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Macedonia · 41.600, 22.540 · verse 10
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org