1 Samuel 5
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo Booji'ane
1Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa booji'aneen duuba Ebeen-Ezer irraa gara qachaa Ashidoodii geessane. 2Achiin duuba Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san fuudhanee gara galma waaqa dharaa ka, «Daagon» jedhamuu geessanee, Daagon bira keyane. 3Kolbaan qachaa Ashidoodii boruyyaa ganama yennaa kaate, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; maarre isaan waaqa dharaa Daagon achii fuudhanee addee isaatitti deebisanee dhaabane. 4Boruyyaa ganama ammoo yennaa ka'ane kunoo, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; mata'aa fi harki isaa lamaanuu irraa caccabee badhinna keessa bu'ee nafi isaa callaan hafeeraayyu. 5Waan kanaaf, haga adhaa hayyooti Daagoniitii fi namooti galma Daagoonii seenanu marti gulantaa balbala galma waaqa dharaa ka Daagonii ka qachaa Ashidoodii keessaa irra hin ijjatanu.
6Mootiin Waan Maraa kolbaa Ashidoodiitii fi kolbaa adaala isaanii jiranu mara guddoo rakkisee, balaa iitaa isaanitti buuse. 7Worri Ashidoodii waan te'e kana yennaa dhaggane, «Waaqi nu'uu fi waaqa keenna Daagon waan adabeef, Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii as nu bira hin turin» jedhane. 8Maarre isaan namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii kana maan goona?» jedhanee gaafatane. Bulchitootille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessa'a» jedhanee deebii kennane. Maarre isaanille Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessane. 9Saanduqa Gondooro'oo san qachaa Gaatii geessaneen duuba, raafami guddaan te'e; Mootiin Waan Maraa namoota qachaa sanii adabee, diqqa'aa haga gudda'aatitti iita itti buuse. 10Maarre isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san gara Eqroonii geessane; Saanduqi Gondooro'oo sun akkuma gara Eqroonii dhufeen ammoo kolbaan Eqroonii, «Isaan nu'uu fi kolbaa teenna ijjeesisiisaaf, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara keenna fidanee!» jedhanee iyyane. 11Waaqi achitti waan isaan adabeef, raafam du'aa qachaa san duudii guute. Worri qachaa sanii namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Nuutii fi kolbaan teenna akka hin dhumanne, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii nu irraa fageessa'aatii addee isaatitti deebisa'a» jedhane 12Worra du'a irraa hafe dhukkubi iitaa waan isaan rakkiseef, guddoo iyyane.
Did you know?
The Ark in the Cities of the Philistines
- Ashdod was a fortified Philistine city near the Mediterranean and one of the primary centers for worshipping Dagon. Dagon was the national god of the Philistines and was represented with the head and hands of a man and the body of a fish.Sources: Dagon · Ashdod
- After placing the captured ark inside Dagon's temple, the Philistines found the idol fallen face down before the ark with its head and hands broken off on the threshold. This event led to a long-standing practice where priests and worshippers avoided stepping on the temple's threshold.Sources: the Bible text itself
- Due to outbreaks of affliction in Ashdod, the ark was transferred to Gath and then to Ekron, the northernmost of the five Philistine cities. In each city, widespread panic and severe illness prompted the rulers to assemble and demand that the ark be removed.Sources: the Bible text itself · Gath · Ekron
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Ashdod · Today: Tel Ashdod · 31.757, 34.658 · verses 1, 3, 5, 6, 7
- Ekron · Today: Tel Miqne · 31.777, 34.852 · verse 10
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org