1 Samuel 31
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Du'a Saa'oliitii Fi Du'a Ilmaan Isaa
1Bara san Filisxeemoti Israa'eloota lolane; Israa'elooti isaan duraa baqatanee, nami bacaan lola Gaara Giilbo'aa irratti ijjeefamane. 2Filisxeemoti Saa'olii fi ilmaan isaa hordofanee ari'anee, ilmaan isaa Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa ijjeesane. 3Lolli Saa'ol irratti jabaatee, worri daayaan lolu dhaqqabanee akka malee isa madeessane. 4Saa'ol dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'atu saniin, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee na ijjeesee akka na hin salphinne atinuu shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Dargaggeessichi isaa sun guddoo waan sodaateef isa hin ijjeenne. Maarre Saa'ol shallaagaa ifii buqqifatee irratti jige. 5Dargaggeessichi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu sun akka Saa'ol du'e yennaa dhagge, innille akkuma isaa shallaagaa ifii buqqifatee irratti jigee isa woliin du'e. 6Saa'ol, ilmaan isaa sadiinuu, dargaggeessichi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu fi namooti isaa martinuu guyyuma san wolumaan dhumatane. 7Israa'elooti dhooqaan gamaa, laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu, loltooti Israa'elii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaalle akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Filisxeemotille dhufanee qachoota san qabatane.
8Boruyyaa ganama worri Filisxeemotaa worra dhumatane san irraa meya mulqatiisaaf yennaa dhufane, Saa'olii fi ilmaan isaa sadiinuu gaara Giilbo'aa irratti du'aneeranuun dhaggane. 9Isaan mataa Saa'olii irraa muranee, meya isaa ka lolaa irraa mulqatanee, oduu gammadaa kolbaa isaaniitii fi galma waaqa dharaa ka isaaniititti akka himanuuf biyya Filisxeemotaa mara keessa ergantoota ergane. 10Isaan meya woraanaa ka isaa galma waaqa dharaa ka Ashitaarotii keessa keyanee, reeffa isaa dalleya dhaka'aa ka Bet-Shaaniititti fannisane.
11Kolbaan Yaabesh-Giil'aad keessa leetu waan worri Filisxeemotaa Saa'ol irratti godhane yennaa dhage'ane, 12namooti isaanii goototi marti halkaniin gara Bet-Shaanii dhaqanee, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa dalleya dhaka'a ka Bet-Shaanii irraa gad buusanee, gara Yaabeshii fidanee achitti isaan gubane. 13Achiin duuba lafee isaanii fuudhanee Yaabesh keessatti muka «Tamariiski» jedhamu tokko jalatti awwaalanee guyyaa torba laamane.
Did you know?
The Death of Saul and the Rescue at Beth-shan
- On Mount Gilboa, Israel suffered a crushing defeat against the Philistines. Saul and three of his sons—Jonathan, Abinadab, and Malchishua—died on the battlefield on the same day, bringing the reign of Israel's first king to an end.Sources: the Bible text itself · Saul · Jonathan · Mount Gilboa
- The Philistines stripped Saul's armor, dedicated it in the temple of their Ashtoreth idols, severed his head, and fastened his body along with those of his sons to the wall of the city of Beth-shan to publicize their triumph.Sources: the Bible text itself · Beth-shan
- Upon hearing what was done to Saul, courageous men from Jabesh-gilead marched all night to Beth-shan to take down the bodies. They brought them back across the Jordan to Jabesh, where they burned the remains, buried their bones under a tamarisk tree, and fasted seven days.Sources: the Bible text itself · Jabesh-gilead · Beth-shan
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Mount Gilboa · 32.434, 35.414 · verses 1, 8
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 7
- Valley of Jezreel · Today: Jezreel Valley · 32.596, 35.242 · verse 7
- Philistia · 31.664, 34.546 · verse 9
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org