1 Samuel 27
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daawiti Gara Filisxeemota Baqate
1Daawiti gadhaa ifii keessatti, «Guyyaa tokko harka Saa'oliititti du'iis kiyya waan hin oolleef, gara biyya Filisxeemotaa baqatiisa naa woyya. Achiin duuba Saa'ol biyya Israa'elii keessa na barbaadiisa hin lakkisa; anille harka isaa jalaa hin baya» jedhee herrege. 2Maarre Daawitii fi namooti dhibbi jaa ka isa woliin jiranu gara mootii Gaatii, ilma Maa'okii Akiishi bira dhaqane. 3Daawitii fi namooti isaa tokko tokkoon isaanii maatii ifii woliin Gaati keessa Akiishi bira le'ane. Daawitille haadhotii manaa ifii lama Ahiino'aamii nama biyya Yizre'eliitii fi Abigaayil ta Naabaal irraa du'e nama biyya Qarmelosii woliin jiraayyu. 4Daawiti gara Gaatii akka baqate Saa'olitti yennaa himane, inni deebi'ee isa hin barbaanne.
5Achiin duuba Daawiti Akiishiin, «Ani tajaajilaan keeti maaf si woliin qachaa mooti'ii keessa le'a? Ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachoota biyya kanaa keessaa tokko keessatti addeen ani le'u naaf kennantuu ti» jedhe. 6Maarre gaafuma san Akiishi qachaa Siiqlaagii isaaf kenne. Qachaan Siiqlaagii guyyaa sanii jalqabee ka mootota Yihuda'aa te'e. 7Daawiti biyya Filisxeemotaa keessa woggaa tokkoo fi ji'a afur le'e.
8Daawitii fi namooti isaa dhaqanee, Geshuurota, Giirzotaa fi Amaaleqootatti duulane. Worri kun dur lafa Shuuriitii haga lafa Gibxi'ii keessa le'ane. 9Daawiti yennaa isaan lole, dhiira yookiin dubartii tokkolle hin hamburre; hoolota, loon, harree, gaalotaa fi woyaa ammoo fudhatee gara Akiishii deebi'e. 10Akiishi, «Adha eessa duultane?» jedhee yennaa gaafate, Daawiti, «Biyya Yihuda'aa ta gara kibbaa, biyya Yiraahimii'elii ta gara kibbaatii fi biyya Qenootaa ta gara kibbaatitti duulle» jedheen. 11Daawiti, «Namooti gara Gaatii dhufanee, ‹Daawiti waan akkasii hujeera› jedhanee hin odeessan» jedhee waan herregeef, dhiira yookiin dubartii tokkolle hamburee gara Gaatii hin finne. Inni biyya Filisxeemotaa keessa haga le'e mara akkasuma godhaa ture. 12Akiishille gadhaa ifii keessatti, «Inni kolbaa ifiituu kolbaan Israa'elii akka isa jibbitu waan godheef, haga bara baraa tajaajilaa kiyya hin te'a» jedhee waan herregeef, Daawiti addate.

Did you know?
David in Philistine Territory
- To permanently escape King Saul's pursuit, David sought refuge across the border in the Philistine city of Gath with Achish son of Maoch, bringing along his six hundred warriors and his two wives, Ahinoam of Jezreel and Abigail of Carmel.Sources: the Bible text itself · Achish · Gath · Ahinoam
- David requested an outlying settlement rather than residing in the Philistine royal city, leading Achish to grant him Ziklag in the Negev. David and his followers lived there for a year and four months, establishing a possession that later belonged to the kings of Judah.Sources: the Bible text itself · Ziklag · Achish
- Operating out of Ziklag, David raided nomadic groups in the southern desert toward Shur and Egypt, including the Amalekites. He left no survivors who could reveal his targets, leading King Achish to believe that David was attacking his own kinsmen in the Negev of Judah.Sources: the Bible text itself · Shur · Achish
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org