1 Samuel 24
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daawiti Lubbuu Saa'olii Hambure
1Saa'ol Filisxeemota ari'iisa irraa yennaa deebi'e, «Kunoo, Daawiti goomolee En-Gedii keessa jira» jedhanee itti himane. 2Maarre Saa'ol Israa'eloota mara keessaa namoota filamane kuma sad fudhatee, Daawitii fi namoota isaa barbaadiisaaf gara addee, «Rassaa re'ee diidaa» jedhamuu dhaqe. 3Saa'ol gara gooree hoole'ee ta karaa qarqara jirtuu takka dhufee, achitti goda takka dhaggee faalowiisaaf keessa seene. Daawitii fi namooti isaalle goda san gara keessaatiin keessa tee'aneeraniiyyu. 4Namooti Daawitiille, «Guyyaan Mootiin Waan Maraa, ‹Diinota keeti waan feete akka gootuuf harka keetitti dabarsee hin kenna› jedhee dubbate kunoo adha!» isaan jedhane. Achiin duuba Daawiti dhokatee dhaqee handaara woyaa Saa'olii irraa mure. 5Daawiti handaara woyaa Saa'olii waan mureef gadde. 6Inni namoota ifiitiin, «Nama Mootiin Waan Maraa muude waan te'eef, goottaa kiyya nama Mootiin Waan Maraa muude irratti waan akkanaa godhiisaaf, harka kiyyaan waan hantuu isa irratti hujiisa irraa Mootiin Waan Maraa na eegu» jedhe. 7Maarre Daawiti jecha kanaan namoota ifii xixee, akka isaan Saa'ol hin lolle dhoogge.
Saa'olille goda keessaa bayee deeme. 8Isa duubaan Daawiti goda keessaa bayee, «Goottaa kiyya Mooticha!» jedhee Saa'ol waame. Yennaa Saa'ol ifi duuba ilaalu, Daawiti fuulaan lafatti gad gombifamee isaaf sagade. 9Daawiti Saa'oliin, «Jecha namooti, ‹Daawiti si miidhiisaaf barbaada› jedhanu maaf caqatta? 10Guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa goda keessatti harka kiyyatti dabarsee akka si kenne atinuu ila teetiin dhaggiteerta. Namooti gariin akka ani si ijjeesuuf na tirtirsanee, ani ammoo, ‹Inni nama Mootiin Waan Maraa muude waan te'eef, ani harka kiyyaan goottaa kiyya irratti waan hantuu hin huju› jedhee si'iif marare. 11Kunoo, Abbaa kiyya, handaara woyaa teetii harka kiyya irratti ilaali! Ani handaara woyaa teetii irraa mure malee si hin ijjeenne. Ani hammeenna yookiin yakkaa akka hin qanne beeki. Ati lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaaddulle, ani si irratti cubbuu hin hunye. 12Mootiin Waan Maraa anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Ati na irratti hammeenna waan hujjeef, Mootiin Waan Maraa haluu si naaf bayuu malee, harki kiyya waan hantuu si irratti hin huju. 13Worri durii, ‹Hammeenni worra hamaa irraa dhufa› jedhan. Harki kiyya ammoo waan hantuu si irratti hin huju. 14Mootiin Israa'elii eennu loliisaaf dhufe? Ati eennu ariita? Saree duute moo taffii ariita? 15Mootiin Waan Maraa abbaa mura'aa te'ee anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Inni haajaa kiyya ilaalee naaf falmatee, harka keeti jalaa na baasee, dhugaa tiyya naaf mudhisuu ti» jedhe.
16Daawiti akkuma tana dubbatee fixateen, Saa'ol, «Ilma kiyya Daawiti, tun qoonquma teetii?» jedhee gaafatee qoonqoo ifii ol-qabatee bowe. 17Inni Daawitiin, «Ani waan hantuu si irratti hunyaan ati ammoo waan dansaa naaf waan gooteef, ati na caalaa balcha'a! 18Ati attam waan dansaa akka naaf goote adha natti mudhitteerta; Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee na kenneeruun, ati ammoo na hin ijjeenne. 19Nami diina ifii yennaa dhagge, akka inni nageyaan deemu hin lakkisaa ree? Maarre waan dansaa adha ati naaf gooteef, Mootiin Waan Maraa waan dansaa si'iif godhu. 20Kunoo, ati dhugumaan mootii akka teetuu fi mootummaan Israa'elii harka keetitti jabaattee akka dhaabbattu ani hin beeka. 21Ati naan duuba sanyii tiyya akka hin balleessine, maqaa kiyyalle maatii abbaa kiyyaa keessaa haxoottee akka hin balleessine amma maqaa Mootii Waan Maraatiin naaf kakadhu» jedhe. 22Maarre Daawiti tana Saa'oliif kakate. Achiin duuba Saa'ol gara mana ifii deeme; Daawitii fi namooti isaa ammoo gara kushee jadduu ifii deemane.

Did you know?
David Spares Saul at En-gedi
- En-gedi, meaning fountain of the kid, is situated in the wilderness of Judah along the western shore of the Dead Sea. Its rugged cliffs, known as the Rocks of the Wild Goats, and numerous caves provided refuge for David and his men while evading King Saul.Sources: Engedi · the Bible text itself
- Although David had the opportunity to kill Saul in the cave and was urged by his men to do so, he refused to strike him because Saul was the LORD's anointed king. Instead, David secretly cut off a corner of Saul's robe to prove he harbored no desire to harm him.Sources: the Bible text itself · Saul
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Engedi · Today: Ein Gedi · 31.450, 35.383 · verse 1
- Wildgoats’ Rocks · Today: within 4 km of Ein Gedi · 31.450, 35.383 · verse 2
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org