1 Samuel 18
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Yonaataanii Fi Daawiti jaala Wolii Te'ane
1Daawiti akkuma Saa'ol woliin dubbatee fixateen, Yonaataan Daawiti woliin jaalomee, akka lubbuu ifii isa jaalate. 2Guyyaa saniin jalqabee, Saa'ol isa fudhate; akka Daawiti gara mana abbaa ifii deebi'u isa hin lakkinne. 3Yonaataan akka lubbuu ifii isa waan jaalateef, isa woliin gondooroo godhate. 4Yonaataan geellaa ifii uffate ifi irraa baafatee meya woraanaa, shallaagaa ifiille, guube'ee fi hiituu hidhaa ta ifii woliin Daawitiif kenne. 5Daawiti addee Saa'ol isa erge mara dhaqee haajaa ergameef akka dansaa waan muummessuuf, Saa'ol loltoota irratti baallii isaaf kenne; tunille kolbaa maraa fi tajaajiltoota Saa'olii gammachiitte.
6Daawiti Filisxeemicha ijjeeseen duuba, namooti gara mana ifii yennaa deebi'anu, dubartooti dibbe'ee fi maseenqoo qabatanee, sirbaa, qeexalaa, ilillisaa mooticha Saa'ol fudhatiisaaf qachaa Israa'elii mara keessaa gad bayane. 7Dubartooti sun wol woliin, «Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawitille kuma kudhan hedduu ijjeese» jedhaa sirbite. 8Dubbiin tun Saa'ol waan hin gammachiisiniif guddoo aare; inni, «Daawitiif kuma kudhan hedduu, naaf ammoo kuma hedduu qofa laakkowane; mootummaa fudhatiisa malee maanti isaaf hafe ree?» jedhe. 9Guyyaa saniin jalqabee Saa'ol Daawiti hinaafe. 10Boruyyaa, ayyaanni hamaan Waaqa biraa Saa'ol irratti bu'e; Daawiti akkuma qaraa kiraara guddicha yennaa taphatu, Saa'ol mana ifii keessatti akka nama maraata'aa dubbatiisatti jiraayyu; Saa'ol eboo ifiille harkatti qabateeraayyu. 11Inni, «Daawiti dhaaba manaa woliin wolitti qassiisa» jedhee herregee eboo darbate; Daawiti garuu yennaa lama isa duraa miliqe.
12Mootiin Waan Maraa isa lakkisee Daawiti woliin waan jiraateef, Saa'ol Daawiti sodaate. 13Maarre inni Daawiti ifi biraa fageessee ajajaa loltoota kumaa isa godhe; Daawitille yennaa duulaa isaan sooresse. 14Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiraateef, wonni Daawiti huju marti isaaf hin milkootti. 15Daawiti milkii guddoo akka qabu yennaa dhagge, Saa'ol isa sodaate. 16Ka isaan sooressu isa waan te'eef, namooti Israa'eliitii fi Yihuda'aa marti ammoo Daawiti jaalatane.
Daawiti Intala Saa'olii Fuudhe
17Achiin duuba Saa'ol Daawitiin, «Kunoo, ani intala tiyya angafittii Meraab si'iif hin kenna. Atummaan ilma goota naaf te'iitii lola Mootii Waan Maraa loli» jedhe; Saa'ol gadhaa ifii keessatti, «Filisxeemoti isa ijjeettuu ti malee, ani isa hin ijjeesu» jedhee herregeeraayyu.
18Daawiti ammoo Saa'oliin, «Soddaa mootichaa te'iisaaf ani eennu? Israa'el keessatti maatiin tiyya yookiin sanyiin abbaa kiyyaa tam?» jedhe. 19Te'uu malee intalti Saa'olii Meraab Daawiti heerumiisaaf yennaa maltetti, nama biyya Meholaatii Adrii'el heerumte.
20Intalti Saa'olii Milkaal garuu Daawiti jaalatte; Saa'olille tana dhage'e gammade. 21Saa'ol gadhaa ifii keessatti, «Akka isiin tiyyoo isaaf teetee, innille harka Filisxeemotaatitti du'u, ani isii isaaf hin kenna» jedhee herrege. Tanaaf Saa'ol Daawitiin, «Kunoo, ati yennaa lammeesso'oo soddaa naaf hin teeta» jedhe 22Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifii ajajee, «Daawitiin, ‹Kunoo, mootichi sitti gammadeera; tajaajiltooti isaalle martinuu waan si jaalatanuuf soddaa isaa te'i› jedha'aatii dhossa'aan itti hima'a» jedhe.
23Maarre tajaajiltooti Saa'olii dubbii tana Daawititti himane; Daawitille, «Ani nami hiyyeessi, ka gurra dansaa hin qanne, Soddaa mootichaa te'iisi waan kasoo isinitti fakkaattee?» jedheen.
24Tajaajiltooti Saa'oliille waan Daawiti jedhe yennaa isatti himane, 25Saa'ol deebisee, « ‹Mootichi diinota ifii haluu bayiisaaf akka ati Filisxeemota dhibba tokko yakkattee shoggoraa isaanii fiddu malee, maraa intalaa waan dhibii si irraa hin barbaadu› jedha'aatii Daawititti hima'a» jedhe. Saa'ol akka Daawiti harka Filisxeemotaatitti du'uuf tana herrege. 26Tajaajiltooti Saa'olii tana Daawititti yennaa himane, soddaa mootichaa te'iisi isa gammachiise. Guyyaan murteeffame adoo hin dabarin, 27Daawitii fi namooti isa woliin jiranu dhaqanee Filisxeemota dhibba lama ijjeesane; Daawiti soddaa mootichaa te'iisaaf gogaa haqanqabaa qabee san akka laakkossa isaaniititti mootichaaf dhikeesse; achiin duuba Saa'ol intala ifii Mikaal Daawitiif kenne. 28Garuu Saa'ol akka Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin jiru dhaggee yennaa beeke, intalti isaa Mikaalille akka isa jaalatte yennaa hubate, 29Saa'ol ka qaraa caalaa Daawiti sodaatee, bara jireenna ifii mara diina isaa te'e. 30Achiin duuba ajajjooti loltoota Filisxeemotaa akkuma qaraa lolaaf bayanee dhufane; Daawitille tajaajiltoota Saa'olii mara caalaa milkii dhaggatee maqaan isaa beekkame.

Did you know?
David's Success and Saul's Jealousy
- Jonathan, the eldest son of King Saul, formed a close bond with David and made a covenant with him. To seal this friendship, Jonathan gave David his own royal robe, tunic, sword, bow, and belt.Sources: Jonathan · the Bible text itself
- The public celebration of David's military victories provoked Saul's enduring jealousy. When women from the cities of Israel sang that Saul had slain thousands while David had slain tens of thousands, Saul grew suspicious and feared losing his kingdom to him.Sources: the Bible text itself
- Although Saul initially promised his eldest daughter Merab to David, she was given in marriage to Adriel of Meholah. Saul then offered his younger daughter Michal, demanding a bride-price of one hundred Philistine foreskins in the hope that David would be killed in battle.Sources: Merab · Michal · Adriel · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org