Nations Bible

1 Samuel 11

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Saa'ol Amoonota Injifate

1Achiin duuba mootiin Amoonotaa Nahaashi qachaa Yaabesh-Giil'aadiititti duulee marse; namooti Yaabeshii marti Nahaashiin, «Nuuti si hin tajaajilla, ati nu woliin wolii galtee godhadhu» jedhane. 2Nahaashi ammoo deebisee, «Ani tokko tokkoo keessan ila teessan ta gara middaa hoqonqolee isin keessaa baasiisaan isiniin wolii gala; akka kanaan Israa'eloota mara irratti salphinna fida» jedhe 3Jaarsoleen Yaabeshii isaan, «Gara lafa Israa'elii maratti nama akka ergannuuf guyyaa torba nu'uuf kenni; achiin duuba nami nu baasu yoo hin jirre te'e harka sitti hin kennanna» jedhane.

4Worri ergame gara qachaa Giibe'aa addee Saa'ol jiru dhufee, oduu tana kolba'atti yennaa hime, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee bootte. 5Yennaa tana, Saa'ol qotiyyoota ifii oofataa ficha'aa dhufiisatti jiraayyu; inni, «Kolbaan tun maan teetee bootti» jedhee gaafate. Isaanille waan worri Yaabeshii jedhe isatti himane. 6Saa'ol dubbii tana yennaa dhage'e Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'ee, inni guddoo aaree bobe'e. 7Qotiyyoota ximmaadii tokko fuudhee qalee kukkutee foon san lafa Israa'elii maratti ergantootaan ergee, «Worra Saa'olii fi Saamu'el gula hin baane, qotiyyooti isaanii akkana hin kukkutanti» jedhe. Kolbaan marti Mootii Waan Maraa sodaattee nami tokkolle adoo hin hafin tokkumma'aan baate. 8Saa'ol addee, «Bazeqi» jedhantutti yennaa isaan wolitti qabe, laakkossi isaanii, Israa'elooti nama kuma dhibba sad, Yihudooti nama kuma soddoma te'ane. 9Isaan namoota ergamanee dhufane saniin, «Dhaqa'aatii, worra Yaabesh-Giil'aadiitiin, ‹Boru yennaa aduun o'itu bilisa hin baatan› jedha'aan» jedhane. Worri ergame sunille dhaqanee, worra Yaabeshiititti tana yennaa himane isaan gammadane. 10Tanaaf, worri Yaabeshii, worra Amoonotaatiin, «Nuuti boru harka keenna isinitti hin kennanna; isinille waanuma feetane nu godha'a» jedhane.

11Boruyyaa Saa'ol namoota addee saditti qoode; yennaa latti bariite addee quttuma Amoonotaa cassanee seenanee, haga aduun o'itu isaan ijjeesane; worri lubbu'uun hafanelle karaa karaa waan bittinnowaneef, isaan keessaa nami lamalle wol biratti hafuu hin dandeenne.

12Achiin duuba kolbaan Saamu'eliin, «Worri, ‹Saa'ol nu bulchaa?› jedhe eennu fa'a? Namoota san akka ijjeennuuf gara keenna fidi» jedhane.

13Saa'ol ammoo, «Guyyaan adhaa guyyaa Mootiin Waan Maraa Israa'eloota bilisa baase waan te'eef, adha nami tokkolle hin ijjeefamu» jedhe. 14Achiin duuba Saamu'el kolba'aan, «Kowa'a, nu martinuu Giilgal dhandhee Saa'ol mootii keenna akka te'e itti deebinee mirkaneessina» jedhe. 15Maarre kolbaan marti Giilgal dhaqanee Saa'ol mootii akka te'e Mootii Waan Maraa duratti mirkaneessane; isaan achitti kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraa duratti dhikeessane; Saa'olii fi Israa'elooti marti gammadaan firinxiixane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Relief of Jabesh-gilead

  • When messengers arrived at Gibeah with news of the Ammonite siege, Saul was working in the fields behind his oxen. He rallied the tribes by slaughtering a pair of oxen, cutting them into pieces, and dispatching them throughout Israel as a summons to follow him and Samuel into battle.Sources: the Bible text itself · Gibeah
  • To rescue the city of Jabesh-gilead across the Jordan River, Saul assembled 300,000 men of Israel and 30,000 men of Judah at Bezek, a staging ground situated near the Jordan valley.Sources: the Bible text itself · Bezek · Jabesh-gilead
  • After defeating the Ammonites, Samuel and the people gathered at Gilgal, an important sanctuary where the prophet regularly administered justice, to renew the monarchy and formally confirm Saul as king before the LORD with peace offerings.Sources: the Bible text itself · Gilgal

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Ammon · 31.955, 35.934 · verse 1

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.