1 Peter 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Dhakaa Jiraata'aa Fi Kolbaa Woyyittii
1Yoona hammeenna duudii, maltummaa duudii, kijibummaa, hinaaffa'aa fi hamii duudii irraa ifi fageessa'a. 2Akkuma daa'immaan reef dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin dharra'a'a. 3Isin akka Goottaan arjaa te'e waan beettaneertanuuf tana hin gootan.
4Maarre gara dhakaa jiraata'aa, gara Goottaa Yesuusii dhikaadha'a; Inni dhakaa namaan tuffatamee Waaqaan filatamee gatii guddoo qabu. 5Isin hayyoota woyyuu te'uuf, ciincaa ayyaanaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa duratti fudhatama qabu dhikeessiisaaf, akka dhakaa jiraata'aa ijaarsa galma ayyaanaatiif te'a'a. 6Barreeffam Woyyichi,
«Kunoo, dhakaa roga ijaarsaa ka filatamee fi ka gatii guddo'oo
qachaa Xiyoonii keessatti hin dhaaba;
nami isatti dhugeeffattu tokkolle hin qaanowu» jedha.
7Isin worra dhugeeffattanuuf dhakaan kun dhakaa gatii guddo'ooti; worra hin dhugeeffanneef ammoo,
«Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,
dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e» jedha.
8Akkasuma Barreeffami Woyyichi dhibiin,
«Dhakaan nama gufachiisu,
rassaa nama jissu hin te'a» jedha.
Isaan Jecha Waaqaatiif waan ajajamuu dhabaneef hin gufatan. Kun duraanuu waan isaaniif yaadameeru.
9Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti'ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame. 10Tanaan qara isin kolbaa Waaqaatii moti; amma ammoo kolbaa isaa ti; tanaan qara isin marartii Waaqaa hin dhagganne, amma ammoo marartii isaa dhaggattaneertan.
Tajaajiltoota Waaqaa
11Obboleeyyan tiyya! Biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa irra leetanu tana keessatti, halchaa foonii ta lubbuu teessan aatu irraa akka fagaattanu isin magannifadha. 12Worri Yihudoota hin te'in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka'atti amala dansa'aan le'a'a.
13Gootta'aaf jedha'aatii lafa tanatti worra baallii qabu maraaf: mootii moototaa ka baallii ol aantuu qabuuf, 14yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama'a. 15Sababille Waaqi akka isin waan dansaa hujaa, haasowa worra gowwoole'ee afaan qabachiittanu barbaada. 16Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te'aatii le'aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu'uu hin godhatina'a. 17Nama duudii ulfeessa'a; dhugeeffattoota jaaladha'a; Waaqa sodaadha'a; mootii ulfeessa'a.
Fakkeenna Rakkoo Kiristoosii
18Isin worri garbooleen goottota teessaniif ulfinnaan ajajama'a; goottota dansa'aa fi qajeelota calla'aaf adoo hin te'in, hamaaleyyi'iifille ulfinnaan ajajama'a. 19Waaqaaf jettanee, rakkoo sababa malee isin dhaqqaddu yoo ossitane, inni isin hin eebbisa. 20Hantuu gootaneef dikantanee yoo ossitane, galata maan qaddan ree? Ammoo dansaa gootanee rakkoo fudhattanee yoo ossitane, Waaqi isin hin eebbisa. 21Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te'e. 22Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane. 23Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne. 24Akka nuuti cubbu'uuf duunee balchumma'aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba'ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan. 25Isin akka hoolee karaa irraa baddee joonjaa turtane; amma ammoo gara tisse'ee fi eegaa lubbuu teessanii deebitaneertan.

Did you know?
Living Stones and a Chosen People
- This chapter quotes Scripture about a chosen and precious cornerstone laid in Zion: the one who believes in him will never be put to shame. Zion was the south-eastern hill of Jerusalem, one of the heights on which the city was built, surrounded on every side except the north by deep valleys.Sources: the Bible text itself · Zion
- David took Zion from the Jebusites, built a citadel and a palace there, and the hill became known as the city of David. The letter uses that place-name when it quotes Scripture about a cornerstone laid in Zion, and it pictures the readers as living stones being built into a spiritual house and a holy priesthood.Sources: Zion · the Bible text itself
- The chapter urges submission, for the Lord’s sake, to every human institution—to the king as supreme authority and to governors sent to punish wrong and praise what is right. It tells servants to respect even unreasonable masters, and it holds up Christ’s suffering, without sin, deceit, threats, or retaliation, as the pattern for enduring unjust pain.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 6
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org